Awwaanisa: UN qaamolee idil-addunyaa Afriikaa Bahaaf deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiheesse

Madda suuraa, EPA
UN qaamoleen idil-addunyaa weerara awwaanisaa Afriikaa bahaa keessatti mul'ate kanaaf deeggarsa akka taasisaniif waamicha dhiheesse
Dubbi Himaan Dhaabbata Nyaata Addunyaa "sodaa wabii nyaataa, lubbuufi sirna nyaataa" irratti miidhaa gessuu danda'u kamuuf gargaarsa akka taasisan gaafatan.
Itoophiyaan Keeniyaafi Somaaliyaan weerara awwaanisa "hamaa" fi "beekuuf nama rakkisuun" rakkachaa jiru jedha Dhabbanni Nyaata Addunyaa.
Dhaabbatichi lakkofsi weeraraa kun ji'a Waxabajjii keessa harka 500 dabaluu danda'a jedheera.
Itoophiyaafi Soaaliyaan waggoota 25 keessatti wareerri akkanaa kun isaani mudatee hin beekne yoo ta;u Keeniyaan immoo waggoota 70 keessatti wareerri hamma kanaa ishee mudatee hin beeku jedhe Dhaabbanni Nyaata Addunyaa.
Weerarri kun itti fuufa yoo ta'e Sudaan kibbaafi Yungaandaanis weerara kanaaf saaxilamuu danda'a.
"Saffisin weerarri kun ittiinn deemaaru humna aanga'ota naannoofi biyyaati ol," jedha Dhaabbanni Nyaata Addunyaa.
Carraan hafe tokko qilleensa keessatti farra ilbiisotaa biifudha.

Madda suuraa, Reuters
Weerarri awwaanisaa kun Galaana Diimaa qaxxaamuruun Yeman irraa dhufu. Roobni jabaan dhuma bara 2019 roobe wal hormaatasaaniif haala mijataa uumera.
Rakkoon kunis haala yeroo deemuun dabaluu danda'a.
Awwaanisnis guyyatti hamma kiilomeetira 150 imaluu danda'a. Guyyattis nyaata hamma ulfaatinasaa ta'u ni nyaata.

Madda suuraa, Getty Images

Madda suuraa, EPA
Ji'a Sadaasa keessa UN Itoophiyaa keessatti weerarri uumamu akka danda'u akeekkachiisee ture. Kunis yeroodhaan tarkaanfii barbaachisu hin fudhatamu tanaan gara Itoophiyaafi Keeniyaa tamsa'uu danda'a jedhee ture.
Qonaan bultoonni naannoo Amaaraa muraasni midhaansaanii %100 jalaa manca'eera.
Ji'a darbe weerarri awwaanisa kun xiyyarri daandii Itoophiyaa imalasaa akka addaan kutu taasisee ture.














