'Hoomaan awwaannisaa' xiyyaarri Itoophiyaa akka daandii jijjiirratu dirqisiise

Madda suuraa, Aeronews
Hoomaan awwaannisaa xiyyara Daandii Itoophiyaa imaltoota qabatee imalaa ture tokko akka kallattii isaa jijjiirratuuf dirqisiisuu oppireetariin balalii dubbateera.
Paayileetoonni gaafa Kamisaa xiyyaara kana Jibuutiirraa gara Dirree Dhawaatti balaliisisaa kan turan yoo ta'u sababa awaannisni motora xiyyaaraa keessa seeneen balalii kana adda kutuuf dirqameera.
Weerarri awaannisaa kunis foddaa xiyyaarrichaa uwwisuusaatiin paayileetonni awaanisa kana qulqulleessuuf yaalii taasisaniiru.
Xiyyaarichis baliilaa erga jalqabee daqiiqaa soddomaa booda Finfinneetti deebi'ee qubateera jedha gabaasni.
Biyyoonni Afriikaan Bahaa waggoota 25 keessatti weerara awaanisaa hamaaf saaxilamaniiru. Weerarri kunis naannichatti lafa midhaanii heddu balleeseera.
Hoomaan awaannisaa kun km sq 1 kaasee hanga km sq dhiibaan lakkaa'amuutti weeraruun danda'a. Kiiloomeetiri isquweeriin tokkoon tokkoon ilbiisota miiliyoona 40 ol qabachuu danda'a jedha Dhaabbanni Nyaata Addunyaa.
Marsariitiin tokko weerarri kun kuruphisa jedhee gabaaseera. 'Aeronews Global' suuraa funyaan xiyyaarichaa awaanisa du'een guuttame maxxansee ture.
Qabiyyeen kun hin argamne
irratti dabalatan ilaali FacebookQabiyyeewwan maddawwan alaa irraa ta'aniif BBCn itti gaafatamaa miti.Xumura maxxansa Facebook
Xiyyaarri Daandii Qillensaa Itoophiyaa yeroo weerara xiqqaadhaan qabame sana imala dheeraa imalee ture. Achii booda kan weerarri guddaan isaan mudatee paayileetonni arguu akka dadhaban taasise jedha gabaasni bahe.
Dubbi Himaan Daandii Xiyyaarichaa xiyaarri sababa weerara awaanisaan kallattii jijjiiruun himanii taate Kamisa darbe uumame kanarratti garuu ibsa bal'aa hin kennine.
Kaaba Itoophiyaa naannoo Amaaraatti qonnaan bultonni muraasni omisha xaafiisaanii %100 tilmaamu sababa weerara awaanisaa kanaan dhabsuusaanii 'UN' gabaaseera.














