Hoomaa Awwaannisaa: Itoophiyaan xiyyaarota farra-awwaannisaa biifan meeqa qabdi, meeqatimmoo barbaachisaaf?

Xiyyaara farra awwaannisaa biifaa jirtu

Madda suuraa, Getty Images

Hoomaan awwaannisaa biyyoota Afriikaa Bahaa waliin gahee Itoophiyaatti bakkeewwan garaa garaatti miidhaa qaqabsiisaa jira. Awwaannisaa kana ittisuuf hojiin qoricha biifuu hangi tokko hojjetamaa jira.

Jiraattoonni naannoo hoomaa awwaannisaa kanaan midhaman keessatti argamanis malawwan aadaan ittisuuf yaalaa kan jiran ta'ullee bu'a-qabeessa akka hin taaneef dubbatu.

Haata'u malee, xiyyaaroota sochii kanarratti bobba'an rakkoon mudachuutuu himama.

Haaluma kanaanis baatii Fulbaana darbe keessa xiyyaarooni qoricha farra awwaannisaa biifan lama kaabaafi baha biyyatiitti kufuun tajaajilaan ala ta'uun isaanii dhagahameera.

Xiyyaarri jalaqabaa naannoo Amaaraa aanaa Warabaabboo bakka Firaangul jedhamutti kufuusaa Itti-gaafatamaan Dhimmoota Komunikeshiinii aanichaa Obboo Saadaam Shimalis BBCtti himanii turan.

Sababii kanaanis nama balaliisaa ture irra miidhaa muraasni qaqabuun alatti balaan lubbuu namaarra gahe hin jiruus jedhaniiru.

Xiyyaricha irra balaa cimaan waan qaqabeef tajaajilaan ala ta'uutu himame.

Xiyyaarri inni lammaffaan ammoo naannoo Oromiyaa Godina Harargee Bahaa Aanaa Jaarsoo, ganda Gidayaa Nahaa jedhamutti osoo qoricha biifaa jiruu kufuutu dhagahame.

Bulchaan Aanaa Obboo Abduulqaadiir Daazii BBCtti akka himanitti, yeroo balaan mudateettis xiyyaaricha keessa kan ture balaliisaa qofa akka tureefi isaas balaan akka irra hin gahiin himan.

Xiyyaaricha garuu balaa muraasni mudachu dubbataniiru.

Kanaan walqabatee bakkeewwan miidhaan hoomaa awwaannisaa kun qaqqabu ballachaa wayita dhufe kanatti xiyyaaroonni lama haala kanaan rakkoon mudateera.

Ofii Itoophiyaan xiyyaroota akkasii meeqa qabdi?

Xayyaara kufte

Madda suuraa, Komunikeeshinii aanaa Jaarsoo

Ibsa waa'ee suuraa, Dhiyeenya kanatti xiyyaronni xixiqqoo lama farra awwaannisaa biifaa turan kufaniiru

Hoomaa awwaannisaa waggoota 25 keessatti isa hamaadha jedhame kana ittisuufis Itoophiyaa lafoofi qilleensaan yaalii taasisaa turtee jirti.

Miidhaan hoomaa awwaannisaa kunis bakkeewwan hedduutti mudachusaa Ministeera Qonnaatti Ministirri Deetaan Damee Qonnaafi Misoomaa Dr Maandafroo Nugusee ibsaniiru.

Haaluma kanaanis naannoolee Affaar, Somaalee, Amaaraa, Oromiayyaafi Tiraay, akkasumas aanaalee bulchiinsa Dirree Dawaa keessatti mudachuu himan.

Yeroo kaanttis hoomaa awwaannisaa kana ittisuuf xiyyaaroonni jahaafi hilikoptaroonni lama hirmaatanii kan turan yoo ta'u, ammatti rakkoo isaan mudateen hojjetamuuf biyya alaatti waan ergamaniif hojiirra kan jiru xiyyaara tokko qofaa ta'uu Ministirri Deeetaa kun BBCtti himaniiru.

Kanaan dura sochii xiyyaaroonni hirmaachuun awwaannisa kana ittisuuf taasifameen, 'bu'aa gaariin argamee ture,'' jedhan Dr Maandafroon.

"Awwaannisa naannoolee torbaafi bulchiinsa magaalaa tokko keessatti mudatee ture hojiin ittisuu haala qindaa'een waan hojjatameef naannoole lama keessatti qofaa kan hafee yoo ta'u, kaan to'achuun danda'ame ture,'' jedhan.

Haata'u malee, hoomaa biyya galee ture yeroo to'achuurra ga'amuuf turetti awwaannisni gammoojjii haaraan biyya alaatii galee, jechuun dhiibbaa umamee ibsu aanga'aan kun.

Kaanaafuu yaalii amma awwaannisa kaan to'achuuf taasifamaa jiru keessatti xiyyaarrooni lama rakkoon waan mudateefi kaan ammoo haromsarratti waan argamaniif ammatti hojiirratti kan argamu tokko qofaadha jedhan.

Kun ammoo weerara hoomaa awwaannisaa naannoolee garaa garaa keessatti mudateen wal bira qabamee yoo ilaalamu, humnaa ol ta'uu himu.

Hojiidhuma kanaafis xiyyaaroonni haaraan dhuma torban darbeerra biyya galu jedhamee akka eegamus dubbatan.

Xiyyaarronni haaraan eegamanis saddeeti yoo ta'an, haala kiraatiin kan dhufan ta'uus Dr Maandafroon himaniiru. Awwaannisa to'achuuf garee Ministeera Qonnaatiin hogganamu tokko hundeeffamee xiyyaaraan alatti humna namootaafi konkolaataan deegaramuun farri-awwaanniisaa biifamaa jiraachuu ibsu.

Homaa awwaannisaa

Xiyyaaroota maaltu mudatee?

Sababa xiyaarroni qoricha farra-awwaannisaa osoo biifanii balaan irra gaheen xiyyaarri hojjechaa jiru tokkotti galeera.

Maddi balaa kanaa maal akka ture himamuu baatulleen, Dr Maandafroon garuu, "ol ka'anii balalii'uuf rakkachuu isaaniin kan wal qabtee ta'uu hin oollee," jedhu.

Xiyyaaronni balaan irra gahe kunneenis kiraan kan Afriikaa Kibbaarraa dhufan yoo ta'an, balaliistonnis lammiilee Itoophiyaa akka hin taane ibsameera.

Dhimmi inshiraansii balaa xiyyaaroota kanneenis Ministeera Qonnaa kan ilaallatu akka hin taane himamera.

Balaa qaqabeetti gadduusaanii kan dubbata Dr Maandafroon, ''Nuti haaluma waliigaltee keenyaatti kiraa kaffaluu malee balaan yoo qaqabee ni kaffalla jennee waliigaltee hin qabnu,'' jedhaniiru.

Ministerri Qonnaa xiyyaaras ta'e helekoptara yeroo rakkoo akkasiitiif hojiirra oolan kan mataasaa akka hin qabne eeruun, ''osoo xiyyaara qabaannee atattamaan awwaannisa kana to'achuu dandeenya ture,'' jedhaniiru.

Biyyi ollaa Sudaan ittisa awwaannisaafi simbirrootaatiif kan oolu xiyyaarota sagal akka qabdu kan eeran Dr Maandafroon, Itoophiyaanis humna walfakkaatu ijaarachuun barbaachisadha jedhan.

Xiyyaarota meeqatu Itoophiyaa barbaachisaa?

Hoomaa awwaannisaa mudataa jiru kana ittisuuf biifaan qorichaa xiyyaaraan gaggeefamu murteessaa ta'u ragaan Sagantaa Nyaata Addunyaa ni mullisa.

Keessattuu, biyyoota akka Itoophiyaa gaarreeniin guutaman keessatti biifuun qorichaa samiirraa xiyyaaraan gaggeefamu, awwaannisni osoo balaa hamaa hin qaqabsiisiin dura to'achuu ni dandessisa.

Garuu ammoo maallaqani xiyyaara ykn helekoptaroota bitachuuf barbaachisu salphaa miti.

Dr Maandafroon akka jedhaniiti, helekooptara tokko bituuf dolaara gara miliyoona lamaatu barbaachisa. Kanaafuu, Itoophiyaan osoo 10 bitattee dolaala miiliyoona 20tu barbaachisa jchudha jedhu.

Haata'u malee, miidhaan awwaannisaa qonna biyyattiirraan gahuufi lammiilee balaaf saxilamuu danda'aniin walbira yoo qabame barbaachisummaan xiyyaarota kanneenii wal nama hin gaafachiisu jedhu Ministirri Deeetaan kun.

''Biyyattii keessatti pirojaktoonni baasii kanaa oliitiin gaaggeefaman waan jiraniif xiyyeeffannaan walfakkaatu kennamuuf qabas,'' jedhan.

Xiyyaarri tokko yeroo tokkochatti dandeettii keemikaala lafa heekraata kuma tokkoo irratti biifuu qaba. Xiyyaarri tokkos guyyaatti dedeebii hanga shanii osoo raawwatee, lafa heektaara kuma shanii haguuguu danda'a jechuudha.

Wayita ammaatti Itoophiaa keessatti lafa heektaarri miiliyoona walakkaa ta'urratti weerarri hoomaa awwaannisaa yaaddoo keessaa gala jedhamee tilmaamama.

Farra-awwaannisaa kana biifuuf ammoo yoo xinnaate xiyyaaroota 10 kan barbaachisan ta'uu dubbatu Dr Maandafroon.

Miidhaan hanga ammaa awwaannisaan qaqqabe ilaalchisee qorannoon waan hin agggeeffamneef ragaan mirkannaa'e akka hin iirreefi amma xiyyeeffannaa olaannaa hojii ittisaarratti taasifamu cimsuu akka ta'u himaniiru.

Xiyyaarotaan alattis bakkeewwaan miidhaan itti cimeetti konkolaatonni dhibbaan lakkaa'aman bobba'ulleen dabaluun himaniiru.

Weerarri awwaannisaa waggoota 25 asiitti isa hamaadha jedhame kunis, Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afriikaa Bahaa keessatti baatiiwwan muraasa darbaniif miidhaa qaqabsiisaa jira.

Sababiin hoomaa awwaannisaa bara darbee irraa kaasee hanga ammaatti walitti fufiinsaan mudataa jiru kanaaf bubbeefi rooba cimaa bara 2018fi 2019 keessa mudatee ture akka ta'e oggeessoonni ni dubbatu.

Ragaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanirraa bahee akka mulisutti, haalli qilleensaafi jiidhii mijataan waggoota lamaan dura Kibbaa biyyoota Arabaatti uumamee ture, dhaloonni awwaannisaa sadii osoo hin beekamiinakka wal horu taasisuuf carraa ummuun balaa hoomaa awwaannisaa amma mudatee uumuu himan.