Somaaliyaan weerara awwaannisaarraa kan ka'e labsii yeroo muddamaa labsite

Madda suuraa, EPA
Somaaliyaan weerara awwaanisaa kan Afriikaa bahaa keessatti haalaan mul'ataa jiruuf labsii yeroo muddamaa labsite.
Ministirri Qonnaa biyyattii weerara ilbiisotaa kana kan miidhaan hedduu balleessuu danda'uuf akkas jedhe, "wabii nyaataa Somaaliyaaf yaaddoo guddaadha."
Haalli kunis sodaa osoo midhaan ji'a Guraandhalaa keessa hin sasaabamin dura to'achuun hin danda'amu jedhutu jira.
Dhaabbati Biyyoota gamtoomanii akka jedhetti Somaaliyaa fi Itoophiyaa waggoota 25 keessatti weerarri hamaan isaan mudateera.
Gama biraattiin biyyi ollaa, Keeniyaan, waggoota 70 keessatti weerara awwaanisaa kana fakkaatu ishee mudatee hin beeku jedha Dhaabbanni Nyaata Addunyaa.
Somaaliyaan biyyoota weerarri kun isaan mudate keessaa biyya yeroo jalqabaaf labsii yeroo muddamaa labsitedha.
Haalli nageenyaa Somaaliyaa keessa jiru xiyyaaraa farra ilbiisota biifuun akka danda'amne taasiseera.
Dhaabbanni Nyaata Addunyaa ji'a Amajjii keessa biyyoonni biyyoota Gaanfaa Afriikaaf gargaarsaa akka taasisan waamicha dhiheessee ture. Dhaabbanni kunis weerarri awwaanisaa kana to'achuun yoo hin danda'amnee ji'a Hagayyaa keessa si'a 500'n dabaluu danda'a jedhe.
Weerarri kun kara Galaana Diimaan Yeman irraan gara Afriikaa bahaa seene. Roobni jabaan dhuma 2019 roobuunsaa walhormaataafi facaatii ilbiisa kanaaf haala mijataa uumee jira.
Awwaanisni guyyaa tokkotti fageenyaa hamma km150 imaluu danda'a.














