Weerara awwaannisaa qonnaan bultoota Itoophiyaa goolaa jiru
Weerarri awwaannisaa marroo tibbanana kahe Itoophiyaatti oyruu qonnaan bultootaa naannolee shan keessatti argaman mancaasaa jira. Iddoowwan tokko tokkotti qonnaan bultoonni midhaan oyiruusaanii guutummaan guututti akka dhaban himameera.
Naannoo Tigiraayitti hawaasni malaoota aadaa garagaraa fayyadamuun weerara kana ittisaa jiru.