Biyyoonni Afrikaa weerara Raashiyaa irratti maaliif adda qoodaman?

Namoota hiriiraaf bahan

Madda suuraa, Getty Images

Raashiyaan erga Yuukireen weerartee waggaa tokko gutulleen, ilaalchi biyyoota Afrikaa jidduu dhimma weerarichaa irratti jiru garuu jalqabbiisaa irraa kaasee baay’ee hin jijjiramne.

Yaa’ii Mootummoota Gamtoomanii guyyaa muraasaan dura ture irrattis biyyoonni Raashiyaa balaaleeffatan, kan tokkummaa bulchiinsa Yukireen deeggaraniifi murtee nagaa akka bu’u deeggaran 30 qofaa turan.

Kunis kan yeroo waraanichi eegalutiin garaagarummaa sagalee lamaa qofaa qaba.

Yaa’ii isa duraatiin sagalee osoo hin kenniin hafanii kan turan Maadaagaasikaarii fi Sudaan Kibbaa amma sagalee deeggarsaa kennaniiru.

Moorookkoon duraan yaa’iirratti kan hin argamne yoo ta’u, yaa’ii miilanaatiin garuu sagalee deeggarsaa kennite jirti.

Yaa’ii weerara Raashiyaa balaaleeffate kanarratti biyyoota sagalee hin kenniin keessaa wallakkaan isaanii biyyoota Afriikaati.

Bara darbe Yukireen deeggartee kan turte Gaaboon yaa’ii miilanaatiin sagalee osoo hin kenniin hafuun biyyoota Afriikaa 15 keessaa tokko taatee jirti.

Biyyoonni kunneen Raashiyaas ta’ee ykn Yukireen kan biyyoonni Lixaa deeggaran biras akka hin dhaabbannee ibsuun ejjannoosaanii ifatti beeksiisaniiru.

Waraanni Raashiyaafi Yukireen eegalee baatiiwwan turan muraasa keessatti qondaaltoonni olaanoon biyyoota lixaa akkasumas Ministiroonni Dhimma Alaa Raashiyaafi Yukireen daawwannaan biyyoota Afriikaatti taasisaan haalaan dabalee kan ture ta’ulleen, biyyoonni Afriikaa garuu ejjannoosaanii yoo jijjiran hin mul’anne.

Doonii waraanaa Raashiyaa

Yaa’ii Mootummoota Gamtoomaniin guyyaa tokkoon duras, Pirezidantiin Yukireen Volodmiir Zelensikiin gitasaanii Yugaandaa Yuweerii Museevonii waliin mari’atanilleen, mariin sa’aatii dhumaarratti taasifame kun ejjannoosaanii hin jijjirsifne ture.

Dhuma torban darbeerrattis Giiftiin dure Ameerikaa Jiil Baayidan daawwannaasaanii jalrabaa kan keessumessite Naamibiyaan akkasuma ejjannoo walfakkaataa agarsiifte jirti.

Ministirri Dhimma Alaa Ameerikaa Antoonii Biliinkan, biyyoonni lixaa biyyoota Afriikaa tokko tokkoorraa deeggarsa Yukireeniif argachurratti danqaa isaan mudate amanuun, ‘‘akka waan ibsaa ibsuufi dhaamsuu miti’’ jechuun Atiilaantikiitti dubbatan.

Ta’us wayita ammaa kanatti Chaayinaafi Raashiyaa waliin shaakala waraanaa guyyaa 10 gaggeessaa kan jirtu Afrikaan Kibbaa ejjannoon ishee kan Raashiyaa irraa kan fagaateedha jedhanii akka amanan ibsaniiru.

Walitti dhufeenyi biyyoonni Afriikaa tokko tokko Raashiyaa waliin qaban maaliif cime?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Biyyoonni Afriikaa tokko tokko Gamtaa Sooviyeeti waliin walitti dhufeenya cimaa waggoota kudhanootaaf qabuu turan.

Erga Gamtaan Sooviyeet diigamee booda ammoo walitti dhufeenyisaanii Raashiyaa waliin itti fufe.

Dureewwan bilisummaa Afrikaa hedduunis bulchiinsa warra adii muraasaa fi bulchiinsa bittaa irratti qabsaa’uuf dhiyeessii meeshaa waraanaa Raashiyaan taasiftee fi leenjii waraanaa gahee olaanaa akka qabu dubbatu.

Afriikaa Kibbaatti qabsoo Appaartaayidi waliin ture keessatti mootummaan Ameerikaa Paartii Afrikaa Kibbaa amma biyya bulchaa jiru Afrikaa Naashinaal Kongras (ANC) shororkeessaa jechuun farajee ture.

Qabsaa’aa bilisummaa Neelsan Maandeellaa dabalate dureewwan paartichaan shorrkeessaa jechuun farajanii turan.

Maandeellaan bara 1993tti yeroo jalqabaatiif biyyattiitti pirezidantii gurraacha ta’un badhaasa Noobeelii nagaa injifatan illeen, hanga 2008tti Ameerikaatti tarree galmee shororkeessa keessatti hamatamanii turaniiru.

Maandeellaa fi haadha warraa saanii Wiinii Maandeellaa

Madda suuraa, Getty Images

‘‘Dhugaatti haala nama gaddisisuun, Ameerikaan bulchiinsa Appaartaayidiif deeggarsa taasisaa turte. Seenaan guyyaa tokkootti hin badu,’’ jechuun ture Biliinkan kan The Atlantic’tti dubbatan.

Haata’u malee, yoo xinnaatee biyyoota tokko tokkoof seenaan bittaa walitti dhufeenya cimaa amma Raashiyaa waliin jiru guutummaatti hin ibsu.

Fakkeenyaaf biyyoota akka Ertiraafi Maalii kan biyyoota addunyaa kaan irraa qoolliifaman, Raashiyaan michuu ofii taasifattee jirti.

Biyyoota Afriikaa Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa Sargeey Laavirooviin keessaa yoo ta’an, biyyoonni lamaanu murtee Mootummoota Gamtomanii kan Yukireen waliin dhaabbatee irratti faallaa dhaabbachuun sagalee mormii kennaniiru.

Hogganaan waraanaa Maalii bara darbe loltoonni Faransaayii biyyattii keessatti bobba’anii jiran biyyattii gadhiisanii akka bahaniif erga ajajjeen booda, garee hidhattoota biyyattii keessatti argaman waraanuu akka isaan gargaaraniif garee miindeeffamtoota Raashiyaa Waaginar akka dhaqaniif affeereera.

Biyyoonni Afriikaa kaan torba, Seenegaal, Taanzaaniyaa, Ikaatoriyaal Guunii, Burkinaa Faassoo, Iswaatiinii, Giinii Biisaawu fi Kaameeruun murtee Mootummoota Gamtoomanii irratti sagalee kamu hin kennine. Kanaan dura Seeneegaal, Taanzaaniyaafi Ikaatariyaal Giiniin sagalee hin kenniin hafanii ture.

Ardiin biyyoota 50 ol hammattee Afriikaan, miiraa fi deebii weeraricharratti qaban akka waliigalaatti ibsuun hin danda’amu. Tokkoon tokkoo biyyaa sagalee kennaniif sababii mataasaanii qabu.

Murteen dabarfame karaa seeraatiin kan dirqisiisu ta’u baatulleen, baatiiwwaniifi waggoota ittaanan keessatti walitti dhufeenya siyaasaafi biyyootaa irratti dhiibbaa akka qabaatu kan shakkisiisu miti.