'Waraana Raashiyaa fi Yuukireen irratti biyyoonni Afrikaa callisuun deebii miti'- Dimitiroo Kuuleebaa

Weerara Raashiyaan ''walabummaa biyya keenyaa cabsuun Yuukireen irratti raawwataa jirtu irratti biyyoonni Afrikaa callisa filachuunsaanii deebii gaarii miti’’ jedhan Ministirri Dhimma Alaa Yuukireen.
Dimitiroo Kuuleebaa kana kan jedhan Caamsaa 24, 2023 wayita daawwannaa hojiif Itoophiyaa magaalaa Finfinnee galanitti.
Kora waliigalaa UN weerara Raashiyaan Yuukireen irratti bante balaaleffachuuf taa’ame irratti, biyyoonni Afrikaa hedduun sagalee hin kenniin hafan [abstaining] jiru. Isaan keessaa Itoophiyaan tokko.
Dimitiroo Kuuleebaa daawwannaa Itoophiyaa magaalaa Finfinneetti gochaa jiran irratti yoo dubbatan ''biyyoonni Afrikaa hedduu callisuu filachu isaaniin Yuukireen mufatteettis,’’ jedhan.
Anga'aan kunis ''Callisni [neutrality] deebii hin ta'u,’’ jedhan.
Weerara Raashiyaan walabummaa daangaa Yuukireen irratti raawwatte ilaalchise biyyoonni Afrikaa gama lamaan irraayyuu of walaba gochuun ykn callisuurra deeggarsa dippilomaasii Yuukireeniif kennuu qabu jedhan.
Ministirichi turtii isaanii kanaan MM Itoophiyaa Dr Abiy Ahimed, pirezidaantii Komoroosii fi Komishinera Gamtaa Afrikaa waliin dhimma hariiroo Yuukireenii fi biyyoota Afrikaa irratti akka mari’atan himaniiru.
Biyyi isaanii erga waggaa tokkoo Raashiyaa waliin waraana keessa kan jirtu yoo ta'u, biyyoota Afrikaa waliin qabxiilee sadiirratti hundaa’uun hariiroo kallattii tolfachuu akka feetu himan.
''Qabxiilee sadiirratti hundaa’uun biyyoota Afrikaa waliin hariiroo keenya cimsuu barbaanna. Isaanis Kabaja waloo, faayidaa walo fi fedha waloo irrattidha,’’ jedhan Dimitiroo Kuulebaa.
Raashiyaa fi Yuukireen biyyoota lama adunyaarraa qamadii oomishuun biyyoota Afrikaa fi kaanitti erguun jalqaba irra jiranidha.
Obbo Dimitiroon waraana keessa jirruun cinatti biyyi keenya gama daldalaafi sagantaalee akka wabii nyaataa mirkaneessuu biyyootni Afrikaa xiyyeeffannoon irratti hojjetan irratti waliin hojjechuuf qophiidha jedhan.
‘’Gama Afrikaa keessatti wabii nyaataa mirkaneessuun Yuukireen shoora olaanaa bahachaa turte ammas cimsitee itti fufti.
Sagantaa ‘Black sea Initiative’ jedhamu barreessaa olaanaa UN fi Tarkiin durfamuun midhaan gosa adda addaa toonii kuma 170 ol gara Afrikaatti ergameera,’’ jedhan.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Erga waraanni Raashiyaa fi Yuukireen jalqabee as Afrikaa keessatti qaala’insi jireenyaa haalaan dabaleera.
Tumsa Tarkii fi UN’n dooniin tokko midhaan nyaataa Yuukireenii fe’uun gara Gaanfa Afrikaatti fiduun ishee ni yaadatama.
Sagantaa ‘Black sea Initiative’ jedhamu midhaan kuufamee jiru akka fe’amuuf kan waliigalame yoo ta'u, Raashiyaanis waliigalticha kabajuun midhaan fe’ame bahaa ture.
Haatahu malee, Obbo Dimitiroo Kuleebaa, sagantaa kanatti Raashiyaan danqaa tahuuf yaaltus kutannoon hojjechaa jirra. Waan hundaa gochuun akka itti fufu gochaa jirra jedhan, yaada Finfinneetti gaazexesitootaaf kennaniin.
Oomishaalee midhanii karaa sagantaa Black Sea Initiative bahan harka sadii keessaa harka lama [2/3 ] gara biyyoota Afrikaa, Baha Gidduugaleessaa fi Eeshiyaatti ergamuu himan.
Harka sadii keessaa harki tokko ammo gara biyyoota Awurooppaatti ergamuu himuun isa keessas deeggarsa biyyoota Awurooppaan gara biyyoota Afrikaa tokko tokkootti kan ergame akka jiru odeeffannoo qaba jedhan.
‘‘Ammas warra hongeen miidhamaniifi rakkoo midhaan nyaataa qaban cina dhaabbachuu itti fufna,’’ jedhan.
Biyyi waraana hamaa keessa jirtu Yuukireen midhaan kana caaluufi suufii gabaa adunyaaf dhiyeessuu akka itti fuftus himaniiru.
Ministirri kun biyyootni Afrikaa Raashiyaa waliin hidhatan qaban akka jiran nan hubadha. Kunis deeggarsa yeroo Sooviyeet Raashiyaa sana irraa argachaa turan waliin wal qabata jedhan.
''Dhugaan jiru garuu Raashiyaan gumaacha sana ofumaaf dhuunfatte. Barattoonni Afrikaa kumaatamni bara Sooviyeet keessa Yuukireen keessatti barachaa turan,’’ jedhan yeroo sana Yuukireenis qaamuma Sooviyeet Raashiyaa waan turteef.
''Dhugaa isaa akka beektan barbaanna. Raashiyaan ammaa kun addadha. Investimantii Raashiyaa Afrikaa keessaa har’aa yoo ilaalle meeshaalee waraanaa rabsuudha.
''Deeggarsa namoomaan yoo ilaalle sadarkaa duraa irra miti, gara iidduutilee hin jirtu,'' jedhan Dimitiroo Kuuleebaan.
Biyyoonni akka Ameerikaa, Raashiyaa fi Chaayinaa michummaa biyyoota Afrikaa argachuuf dhiyeenya dorgommii keessa kann galan fakkaatu.
Chaayinaa fi Ameerikaan, Gaanfa Afrikaa keessatti yeroo jalqabaaf ergamaa addaa muuduun hojjechuu kan jalqaban waan dhiyooti.
Raashiyaanis waraana Yuukireen irratti gaggeessaa jirtuuf deeggarsa biyyoota Afrikaa argachuuf ministirri Dhimma Alaa ishee Itoophiyaa dabalatee gara biyyoota Afrikaa kaaniitti imaluun marii gaggeessaa turan.












