Dooniin UN, Itoophiyaaf qamadii fe'ee buufata doonii Yukireen irraa ka'e

Madda suuraa, AFP
Waraanni Raashiyaafi Yukireen erga eegalee yeroo jalqabaaf dooniin UN buufata doonii Yukireen irraa midhaan feetee kaaate gara Gaanfa Afrikaatti qajeelte.
Dooniin UN kun buufata doonii Pivdennyi Laden kan galaana gurraacharra argamurraa qamadii toonii 23,000 fe'uun gara biyyahongeen miiliyoonota miidhaa jiruutti qajeeleera.
Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Sagantaan Nyaataa Addunyaa(WFP) Waraanni Yukireen eegaluu harka walakkaa qamadii deeggarsaaf oolu kan bitu Yukireen irraayi.
WFP addunyaa guutuutti namootni miiliyoona 345 ta'an biyyoota 82 keessatti hanqina midhaan nyaataaf saaxilamanii deeggarsa atattamaa barbaaduu jedha.
Waraana Raashiyaafi Yukireeniin walqabatee midhaan biyya alaatti argam Yukireen irraa danqame akka itti fufu UN tattaafii godheen dooniwwan hedduun amma Yukireenii midhaan fe'anii bahaa jiru.
Adoolessa 22 ture UN, Raashiyaafi qaamolee biroo waliin haala midhaan Yukireen biyyoota alaaf erguu akka itti fuftu waliigalteerra kan gahe.
Midhaan amma dooniin UN Yukireen irraa feete deeggarsa WFP, dhaabbilee gargaarsaa US fi deeggartoota kaaniin bitame.
Deeggarsi kun biyya lammiileen ishee miiliyoona 7.5 ta'an hongeen miidhamanii deeggarsa nyaata atattamaa barbaadaniif dhiyaata jedhameera.
Mootummaan Itoophiyaa hongee hamaa seenaa waggoota 40 keessatti mul'atee hin beekne kan Somaaliyaafi Keeniyaas miidhaa jiruun lammiileen miiliytoona torbaa ol ta'an miidhamuu gabaaseera.
Balaan hongee kun humna mootummaan ol akka hin taanees Komishiniin ittisa balaafi Qophaayinaa biyyattii torbanoota dura BBC'tti himee ture. Gama kaaniin Godinaalee Oromiyaa hongeen miidhaman keessa deeggarsi gahaa akka hin jirreefi daaa'imman du'aa jiraachuu hooggantootni aanaalee BBC'f himaniiru.
Oromiyaa keessatti qofa naootni miiliyoona 3.7 ta'an hongeen miidhamuu Waajirri Buusaa Gonofaa Oromiyaa beeksiseera.















