Waraana Raashiyaa-Yukireen: Seenessa biyyootni Lixaa hin dhageenye

Madda suuraa, Getty Images
- Barreessaa, Firaanki Gaardiner
- Gahee, Gabaasaa dhimma Nageenyaa
"Yuukireenii fi michoonni ishee Landan dabalatee waggoota 1,000f Nato gara daangaa keenyaatti butuu fi aadaa keenya balleessuuf jecha nu doorsisaa turan, waggoota hedduuf nu sodaachisaa, nu doorsisaa turan.''
Kun dubbii Yevgeny Poopov, miseensi paarlaamaa Raashiyaa fi Raashiyaatti Tv irratti sagantaa adda addaa keessumessuun beekamu, Eebla 19 tamsaasa BBC Yuukireen irratti dubbattedha.
''Dhugumaan karoorri NATO'n Yuukireeniif qabu kallattiin lammiilee Raashiyaaf yaaddoodha.''
Ilaalchi isaa kun waan nama raajeffachiisuufi seenessa Kireemiliin adda tahe isa biyyootni Lixaa jedhaniin adda tahe akka ilaallu nu taasisedha.
Gurra Awurooppaafi biyyoota Lixaaf dubbiin kun kan hin dhagahamneefi hubachuuf rakkisaa tahedha. Inumaayyuu ragaa of eeggannoon qindaa'ee jiru fudhachuu dhiisuuttis ilaalama.
Haa tahu malee dubbiin kun Kireemiliin irraa qofa kan dhagahamu osoo hin taane kutaalee adunyaa kanaa kaan keessattis haaluma wal fakkaatuun ilaalama.
Erga Raashiyaan Guraandhala 24 Yuukireen weerartee wal gahii ariifachiisaa UN torbee isaatti waame irratti miseensota isaa 193 keessaa kan weeraricha balaaleffate biyyoota 141 tahanidha.
Biyyootni hafan baay'een sagalee kennuu irraa of qusataniiru, isaaniis Chaayinaa, Indiyaa fi Afrikaa Kibbaa dabalateeti.
Kanaafuu gaggeesitoota biyyoota Lixaaf adunyaan guutuun ilaalacha NATO deeggaru jedhanii ilaaluun dhugaa irraa kan fagaate taha. Raashiyaan guutummaatti weerara hamaa Yuukireeniif itti gaafatamti kan jedhus akkasuma adunyaa guutuun kan deeggaramu miti.
Sababni isaas akkas waan hin taaneef.
Kanaaf ammoo sababootni hedduun jiraatanis kaan kallattiin deeggarsa dinagdee fi waraanaa dhuunfaa argachuu fedhan waliin yoo wal qabatu kaan ammoo isa yeroo kolonii irraa eegaluun of tuulummaa biyyoota Lixaa himachuun ilaalcha isaanii hin deeggaran.
Biyyootni hundinuu ifatti Raashiyaa balaaleffachuu ykn pirezidaanti cina akka jiran ifatti dubbachuu kan hin barbaanneef sababa dhuunfaa isaanii ni qabaatu.
Wal tumsuuf 'daangaan kaa'ame hin jiru'
Mee Chaayinaa biyya uummata biliyoona 1.4 qabdu irraa haa eegallu. Heedduun isaanii odeeffannoo waa'ee Yuukireen miidiyaa mootummaan to'ate irraa argatu. Kun lammiilee Raashiyaafis dhugaadha.
Chaayinaan dorgommii Olompikii yeroo Bonaa 'Winter Olympics' gaggeessuuf qophaa'aa turte dursuun nama jabaa daawwannaaf deeme tokko-Vilaadmir Puutin simatte.
Ergasii qondaalonni Chaayinaa ibsa baasaniin ''biyyootni lameen wal tumsuuf daangaan homtuu hin jiru'' jedhan.
Kanaafuu Puutin gita isaa Chaayinaa Shi Zhinpingitti akka guutummaatti Yuukireeniin weeraruuf jedhu gurra buuseera jechuudhaa? Guutummaatti akkas miti jette Chaayinaan. Garuu biyya ollaa keenyaa murteessituu taatetti waan akkasii dhufa jedhanii yaaduu dhiisuun ulfaataadha jette.
Chaayinaa fi Raashiyaan guyyaa tokko morkattoota imaamataa walii isa turan ni dhaabu. Garuu har'a iyyuu michuu walii tahuun dhimma qajeelfama dimokiraasii biyyoota Lxaa fi NATO akkasumas daangaa irratti yaada wal fakkaataa qabu.
Chaayinaan Ameerikaa waliin dhimma babal'ifannaa waraana ishee gara Kibba galaana Chaayinaatti taasifte irratti waldhabdee jirti. Akkasumas Beejiingi qabinsa mirga hawwaasa Musilimaa Uighur jedhaman irratti biyyoota Lixaa waliin wal dhabdee keessa galtee jirti.
Akkasumas dimokiraasii Hongi Kongi keessaa cabsuufi yaalii Chaayinaan Taayiwaan ofitti deebisuuf gootu irrattis wal dhabdee keessa galaniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Kanaafuu Chaayinaa fi Raashiyaan NATO keessaa diina waloo akka qabanitti waliigalu. Isa biyyootni Lixaa waan Raashiyaan Yuukireen keessatti raawwatte yakka waraanaati jedhanis hin fudhatan.
Indiyaa fi Paakistaan Raashiyaa waan faallesuu hin barbaanneef sababa mataa isaanii qabu. Indiyaan meeshaa waraanaa jajjabaa kan argattu Raashiyaa irraati.
Erga dhiyeenya dhimma Himaaliyaa irratti Chaayinaa faana wal dhabdee ammoo guyyaa tokko michummaan raashiyaa na barbaachisa jettee waan amantuuf wal dhabdee keessa galuu hin barbaaddu.
Dhiyeenya aangoo irraa kan kaafame Ministerri muummee Paakistaan Imraan Kaan biyyoota Lixaa keessumaa US akka malee qeequun beekama.
Paakistaanis meeshaa waraanaa kan argattu Moskoo irraati. Kanaaf sarara daldalaa gara Kaaba gidduugala Eeshiyaatti taasistuuf Raashiyaa akka eebba isheetti lakkoofti.
MM Paakistaan yeroo sanaa gaafa Guraandhala 24, guyyuma raashiyaan Yuukireen weerarte irra Putin daawwachuuf karoorsee ture. Waliigalatti Indiyaa fi Paakistaan wal gahii UN weerara Raashiyaa balaaleffachuuf waamame irratti sagalee kennuu irraa of qusatan.
Of tuulummaa fi qajeelfama madaalawaa hin taane
Biyyootni irra caalaa amantaa Islaamaa hordofan biyyoota Lixaa keessumattuu US'n of tuulummaa fi imaammata madaalawaa hin taane hordofuu isaaniif qeequ.
Bara 2003, US fi UK'n wixinee UN weerara Iraaq irratti dhiyeesse raggaasisan. Biyyootni hedduun garuu walitti bu'insa waggaa dheeraa fida jechuun mormanii ture.
Akkasumas waashingitanii fi Landan waraana walii waliinii Yaman keessaa akka dheeratuuf deeggaraa jiru jedhamuun himatamu.
Kunis hoogganoota Saawdii kan haleellaa qilleensarraa gaggeessu hidhachiisuun himatamaa turan.
Biyyootni Afrikaaf ammoo inumaayyu sababootni seenaa waliin wa qabatan jiru. Yeroo Sooviyeet sanatti Moskoon meeshaa humna waraanaa gara Afrikaatti fe'uun akka isaan Sahaaraatii hanga Keeppi, Afrikaa Kibbaatti biyyoota Lixaa fi US dura dhaabbatan gochaa turte.
Bara 2013 keessa yeroo Faransaay biyya kolonii ishee turte Maalii keessatti Al-Qaayidaan akka biyyattii hin qabaneef loltoota ishee bobbaaftu biyyattii keessatti hin jaalatamne ture.
Amma loltootni Faransaay bahuun loltootni garee Waagneer jedhaman Raashiyaan deeggartu bakka bu'an.

Madda suuraa, Getty Images
Biyyootni Baha Giduugaleessaahoo ejjennoo akkamii qabu? Sooriyaa - biyyoota akka Kooriyaa Kaabaa, Beelaarus fi Eertiraa- weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte ni deeggaru.
Pirezidaantiin Sooriyaa Bashar Al-Assad bara 2015 yeroo biyyi isaa finciltoota ISIS'n weeraramte irra caalaa deeggarsa meeshaa waraanaa Raashiyaa irratti hirkachuun baraaaraman.
Inumaayyu biyyootni akka Sawud Arbaiyaa fi UAE sagalee UN deeggaranis, weeraricha irratti garuu Mooskoo yeroo qeeqan hin dhagahamne.
Bulchaan UAE Ilmi Mootii Mohammed bin Zayed, Puutin waliin hariiroo gaarii qabu.
Ilmi mootii Sawud Arabiyaa Mohammed bin Salman pirezidaanti Baayiden waliin hariiroo gaarii hin qaban. Lameen isaanii bilbila walii iyyuu hin deebisan.
Kunis bara 2018 ajjeechaa gaazexessaa Jamaal kaashogjii waliin wal qabatee mootummaan Sawudii ajjeechi qindeessera jechuun biyyootni lIxaa erga himataniin booda.
Faallaa kanaa ammoo Putin waliin harka wal fuudhaniiru. Garuu biyyootni maqaa dhoofne kana keessaa tokkollee ifatti weerara Raashiyaan Yuukireen irratti raawwatte akka deggaran hin himne. Beelaarus irraa kan hafe.
Kana jechuun biyyootni adunyaa hundi ilaalcha warri Lixaa weeraricha irrattis qabanis tahe dhiyeessi meeshaa waraanaa gochaa jiran irratti qaban ni deeggaru jedhu qabu jechuu miti. Akkasumas ifatti weerara Raashiyaa kana mormuus hin barbaadan.















