Weerara Yukireen: Akeekkachiisni nuukilaraa NATOn sodaate hin oolle

Loltuun Yukireen haara yeroo kuusaan boba'aa misaa'elii Raashiyaan haleelamee gubatu ilaalaa jiru

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Loltuun Yukireen haara yeroo kuusaan boba'aa misaa'elii Raashiyaan haleelamee gubatu ilaalaa jiru
    • Barreessaa, Frank Gardner
    • Gahee, Gabaasaa Dhimma Nageenyaa BBC

Pireziaantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin humnoota nuukilaraa isaanii akka of eeggannoo addaan qophaa'anii taa'aniif waraana isaaniif ajaja dabarsaniiru.

Walga'ii qodaaltota ittisaa waliin Kireemilin keessatti taa'ame irratti, biyyoonni Lixaa Raashiyaa irratti tarkaanfiiwwan hin malle fudhatan jedhan.

Tarkaanfii hin malle isaan fudhatan keessaa ammoo qoqqobbii isaan weerara Yukireen irratti banameen booda irra kaa'amedha.

Putiin akka jedhanitti, humnoonni waraanaa of eeeggannoo cimaan qophaa'anii eeguu qabu, sababiin isaa ammoo aanga'oonni NATO olaanoon Raashiyaa irratti "dubbiiwwan hamoon" akka dubbatamaniif hayyamaniiru.

Kanaaf, ministeera ittisaafi dursaa jeneraala waraanaa humna nuukilaraa of eeggannoorra godhanii akka qopheessan ajajaniiru.

Meeshaan nuukilaraa aggaammii diinaa qolachuuf akka "of eegannoo addaatiin qophaa'ee eeggatuuf" beeksisuun Raashiyaa, qoqqoobbiiwwan farra Raashiyaa biyyoonni Lixaa kaa'anitti aaruu Pirezidant Putiin fi sodaa irra bubbule inni biyyi koo yaaddoo NATO jala jirti jedhee yaadu agarsiisa.

Amma gochi isaa kun qalbii biyyoota Lixaa argateera. Dubbiin akkas hammaachuun kun sirriidhumatti kan karoorsitoonni waraanaa NATO sodaatanidha.

Kanaafidha, waliigalteen humna waraanaa Kaaba Atilaantik kun irra deddeebiidhaan Yukireen akka Raashiyaatiin ofirraa deebiftuuf loltoota akka hin ergine beeksisaa kan tureef.

Haata'u malee, haleellaan Raashiyaan Yukireen irratti goote karoora guutuun miti. Guyyaa afraffaa irratti magaalaa jajjaboo Yukireen keessaa tokkollee harka Raashiyaa hin jirtu. Raashiyaanonni loltoonni baay'inaan jalaa du'aa kan jiran fakkaata.

Kun ammoo Mooskoon akka dhiphattuufi obsa dhabdu ni taasisa. Mariin nagaa daangaa Belaaruus irratti akka gaggeeffamuuf yaadni dhiyaates Mooskoofi Kiyeeviif lachanuuf hojjetee bu'aa buusa jedhanii eeguunis rakkisaadha.

Putiin Yukireen akka isheen akka fedha isaa taatuutti akka deebitu barbaada, mootummaan Zeleniskiin ammoo walaba ta'ee itti fufu barbaada. Garaa garummaa walitti dhiyeessuuf rakkisaa ta'ee mul'atudha.

Kanaaf, akeekkachiisa nuukilaraa har'a biyyoonni Lixaa akka dhaabbataniif kennameen alatti, wraanni Raashiyaan Yukireen keessatti gaggeessaa jirtu guyyoota itti aanan keessa kan kanaan duraa caalaa of eeggannoo namoota nagaaf osoo hin taasisiin cimee itti fufee arguuf jirra.