'Otoo waraanni as dhufee duuluunkoo shakkii hinqabu'- dhalataa Itoophiyaa Raashiyaa jiraatan

Obbo Tafarraa Yewaala

Madda suuraa, Tafarraa Yewaala

Dhalataan Itoophiyaa Raashiyaa waggoota 35 jiraatan waayee biyya kooti jedhaniin Raashiyaa yoo himan, ''otoo waraanni as dhufee duuluunkoo shakkii hinqabu'' jedhan.

Obbo Tafarraa Yewaala miilli isaanii dachee Raashiyaa kan ejjete bittinaa'uu Sooviyeet Yuuniyeen dura yeroo ta'u amma magaala Mooskoo keessa waggoota 35 jiraataniiru.

Injinara Saayinsii Albuudaa kan ta'an obbo Tafarraan barnoota bilisaa argachuun ture garas kan imalan. Achiis lammii Raashiyaa fuudhanii daa'imman sadii horataniiru.

Yeroo isaan jalqaba biyattii dhaqana qaama tokkummaa Sooviyeet ta'an booda biyya of danda'an ta'an lama Yukireeniifi Raashiyaa gidduutti waraana dhalate irratti yaada isaanii BBC'f kennaniiru.

BBC: Yoom Gara Raashiyaa imalatan?

Yeroo Gamtaan Sooviyet ture sana Gorbaachev bara bulchaa ture sanattin garana dhufe. Achin booda Boris Yelsen dhufe, achiin booda ammo Vilaadmir Putinitti cehe, achii ammo dimeetirii Medvedev ture, deebisemmoo Putiin harkaa fudhatee haga ammaa bulchaa jira.

Mootummaa afur argeera. Shanaffaan ammo tarii horteen ijoollee keenyaa ni argu jedheen yaada.

BBC: Putiin lammiilee biyyattii sanaan akkamiin ilaalamu?

Putiin nama Raashiyaaf oolmaa guddaa oolaniifi biyyattiis sirnaan kan kunuunsan, akkasumas biyyoota awurooppaa tokko tokkorraa nageenya biyyattii kan eegsisaniidha. Gama kaaniin ammoo ''nuyi demokraatota'' jedhaniin namticha kan morman jiru. Itoophyaa waan jirus yoo fudhatte akkasuma.

Biyyoota awurooppaarra darbee Ameerikaallee, dhimma Nato irratti gaafateera. Uummata biyyasaa eeguuf, daangaa biyyasaa kabachiisuuf. Waan amma gochaa jiruun, uummanni deeggarsa olaanaa gochaafi jira.

BBC: Lammiileen Yukireenifi lammiileen Raashiyaa akkamiin wal-ilaalu?

Jarri gosti isaanii tokkicha. Keessattuu magaalonni Yukireen kan hundeeffaman, giiftii Raashiyaadhaan ture. Warra Ruskiitu ijaare. Walhoraniiru, lamaanuu gosa Islaaviyaan kan jedhamanidha.

Namoota siyaasaatu morkii akkasii uume malee, gama Yukireeniin adaraa maaloo obboloota keenya wajjiin wal nun lolchisiisiinaa, uummanni nagayaan jiraachuu barbaada, jechuun hiriira nagaafaa bahaa, miidiyaa argatanitti dubbatu.

Wanti isaan gargar baasu hinjiru, kan isaan gargar baase dhimma siyaasaafi daangaadha.

BBC: Moskoon wayita ammaa maal fakkaatti ? Waanta argitan nutti himaa?

Yeroo ammaa kanatti waa'een waraanaafi waraana fakkaatu tokkollee hinjiru. Raashiyaan achi galuushee kan as teenyee arginu gama televizhinii fi miidiyaa hawaasaatiin malee, waanta tokkollee hin agartu.

Uummannis kun tapha siyaasaa akka tahe waan beekuufi rakkoo jarri Awurooppaa fidan akka tahe waan beekuuf, dhimmuma kanafaarratti dubbata malee, dhiphinni kanaafi sana haa goonu jedhu hinjiru.

BBC: Isin Moskoo keessa mana nyaataa akka qabdan nan beeka? Hojiin akkami?

Waanta duraan tureerraa wanti adda tahe oomtuu hinjiru. Namni waayee waraanaa yaadu hinjiru. Baayyeen isaanii inumaa tv irratti siyaasa ilaaluurra, kubbaa miilaa ilaalu.

BBC: Paaspoortii Raashiyaa qabdu mitii? Yoo gaaffiin isinii dhiyaate, biyyattiif duultu jechuudhaa?

Een nan qaba. Raabbiin hin fidin malee, otoo waraanni as dhufee, biyya keetii qolachuuf duuluunkee waan hinoolledha. Duuluunkoo shakkii hinqabu.

BBC: Waa'ee Raashiyaa wanna hordoftootni beekuu qabu jettan wanti addaa ni jiraa?

Amalli uummata Itoophiyaafi Raashiyaa tokkuma. Walabummaan biyyaa akka hin sarbamne, hamilee cimaa uummata qabudha. Uummanni Raashiyaa yoo itti siqxe, sitti dhiyaata, yoo jibbites si jibba. Yoo si jaalate, siif jedhee du'a. Yoo si jibbe bakka seente lixee, si balleessa.