Weraramuu Yuukireeniifi deebii addunyaa: qoqqobbii, baqattootaafi sodaa waraanaa

Madda suuraa, REUTER
Biyyoonni Lixaa jajjaboon Raashiyaan Yukireen weerarutti dheekkamuun deeebii kan kennaan yoo ta’u, Puutiin waraana dachee Awurooppaatti deebise jedheedhaniin.
Pirezedantiin Ameerikaa Joo Baayideen balaa kanaan lubbuu namootaa darbuuf yaaddoo qabaachuu ibsuun, biyyoonni michuuwwan isaa qoqqobbiiwwan jajjaboo ni buusuu jedhan.
Biyyoonni Baha Awurooppaa dambalii baqqattootaa biyya isaanii seenaniin waliin rakkachuu maluu jedhamee sodatama.
Biyyoonni biroo kanneen akka Chaayinaa jecha weerara jedhuttille mufachaa turan amma ni callisan. Biyyoonni kaan immoo nageenya lammilee isaanii Yuukireen keessa jiranii eegsiisuuu irratti qiyyaafatan.
Yuukireen akka jettutti, Raashiyaan humna guutuudhaan haleellaa kallattii hedduun raawwatte.
Taatullee odeeffannoon bal’aan haleellaa qaqqabee fi namoonni hangamii akka miidhaman amma yoonaatti hin ibsamne.
Pirezedantiin Raashiyaaa Vilaadimiir Puutin ''tarkaanfi waraanaa addaa ta’een’’ meeshalee waraanaa hiikkachisuufi ‘’ilaalcha Naazii Yuukireen keessaa balleeesuuf’’ tarkaanfii fudhanne jedhan. Haata’u malee, galmi weerara Raashiyaan raawwataa jirtu kan waliigalaa ifa miti.
Pirezedantiin Firaansi Emaanu’el Maakiroon akkas jedhan: ''Kun seenaa Awurooppaa keessatti jijjirama olaanaadha.’’
‘Raashiyaan gatii jabduu baasti’- Biyyoota Lixaa jajjaboo
Biyyoonni jajjaboon kunneen weerara Raashiyaa balaaleffachuun maddiitti qoqqobuuf waadaa seenaniiru.
Pirezidaant Baayidean: ''Pirezidaant Puutin waraana karoorsan filachuun lubbuu namootaa dabarsuufi namoota heddu dararuuf jira’’ jedhan. Itti dabaluun Baayidan, Ameerikaan biyyoota michuu waliin qoqqobbii dinagdee Raashiyaa adabu buusuuf walga’uuf jirra jedhan.
Hoggaantuun Komishinii Awurooppaa Yuursulaa Voon dir Leyen, Aab Puutin ‘’waraana Awurooppaatti deebisee fiduu isaatiif itti gaafatamaadha,’’ jedhan.
Ministirri Muummee UK Booris Joonsan gamasaatiin: ''Qoqqobbiiwwan dinadgdee Raashiyaa laaffisaaniifi akka hin ammayyoofne humna dhabiisan buusna,’’ jedhan.
Itti dabaluun Joonsan’’ Aab Puutin dhiiga dhangalaasuufi badiif’’ osooo dorsiifni irra hin qaqqabiin haleellaa raawwachuu filatan jedhan.
Chaansilarri Jarman Olaaf Shooltis biyyoota Baha Awurooppaa cina akka dhaabbata himuudhaan, Aab Puutin dogoggora isaatiif ‘’gatii jabduu baasa,’’ jedhan.
Pirezedantiin Firaansi Emaanu’el Maakiroon yaa’iin ‘NATO’ saffisaan akka taa’amu waamicha dhiyeessun maddiitti Yuukireen cinaa akka dhaabatan ibsan.
Biyyoonni hedduunis yaaduma walfakkaatu dhageessisaniiru. Minisitirri Muummee Xaaliyaaniii Maariyoo Diraagi, haleellaa Raashiyaa kanaan ’’sababa sirrii hin qabu,’’ jedhaniiru. Kana booda maaltu ta’a jechuun yaaddoo qabaachu himan.
Yaaddoo Baha Awurooppaa
Biyyoonni ollaa Yuukireen akkuma biyyattiitti yaaddoo qabu, taatullee hedduun isaanii nageenya isaanii eeggachuurratti fuulleeffatan.
Pirezedantiin Lituuniyaa labsii yeroo muddamaa labsan. Moldovaanis akkasuma gara Kibba biyyattiitti labsii baaste.
Daangaa Yuukireen irrattii konkolaattoonni hedduun hiriraa galanii kan dhaabbatan yoo ta’u, Moldovaan baqattoota kuma kudhanitti lakkaa’aman nan simadha jetteetti. Roomaniyaan immoo baqattoota 500,000 nan simandha jette.
Pooland iddoowwan simannaa baqattootaa dhaabu eegalte. Biyyattiin Raashiyaan haleellaa akka goolabdu fi Yuukireen gadhiiftee akka baatu gaafattetti.
Joorjiyaann biyya bara 2008 Raaashiyaa waliin waraana keessa turte yoo taatu, Yuukireen tumsuun weerarri Raashiyaa hawaasa addunyaaf ‘’balaadha ‘’jedhan.
Raashiyaa cina kan hiriirte Beelaruus immoo waraan keessatti hirmaachuuf fedha hin qabnu garuu yoo affeeramne ni ilaalla jette.
Beelaruus yeroo muddama dhalate kanatti loltoota Raashiyaa kan keessummeesite yoo ta’u, haleellaa raawwachuuf daangaa biyyattii qaxxamuranii Yuukireen seenan.
Yuukireen biyya miseensa NATO taate Tarkii ulaa qaama bishaanii Boosforasfi Danddanillis jedhaman Raashiyaattii akka cuftu gaafattee ture.
Gaaffii dhiyaate kana akka ilaaltu kaasuun, tokkummaa Yuukireen akka tumsitu beeksifte.
Chaayinaan maal jette?
Ministirri Dhimma Alaa Raashiyaa ‘’kana ta’a jennee guduunfuuf hin ariifannuu’’ jedhan.
Dippiloomaatii olaaanaan Chaayinaa Waangi Yiin yaaddoo nageenyaa Raaashiyaan qabdu ni hubanna jedhan. Chaayinaafi Raashiyaan dhiibbaa Ameerikaa qolachuuf yeroo ammatti michummaa tarsimoo waliin qabu.
Chaayinaan lammilee ishee Yuukireen keessa jiraniin’ akka balaan isiniirra hin geenye of eeguuf alaabaa Chaayinaa mirmirsaa’ jettee.














