Muddama Yuukireen: 'Raashiyaan haleellaa qilleensa Yuukireen irratti raawwachu eegalte'

Loltoota Raashiyaa naannoo daangaa Yuukireen jiran

Madda suuraa, EPA

Raashiyaan haleellaa misaa'elaa bu'uuraalee misoomaa humna waraanaa Yuukireen irratti gaggeessaa akka jirtu himte.

Humni waraanaa biyyattii akka himetti, haleellaan qilleensa irraa gaggeessaa jiran magaalota Yuukireen irratti osoo hin taane humna ittisaa qilleensarraa, buufataalee xiyyaaraa fi waraanaa Yuukireen irratti hime.

Dhukaasa gurguddaan naannoo magaala kiyev har'a akka dhagahamaa ture gabaasaan BBC naannicha jiru himeera. Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin haleellaan qilleensarraa biyya isaanii irratti gaggeefamaa jiraachuu himan.

Ministirri Dhimma Alaa yuukireen Putin 'guutummaatti Yuukireeniin weeraruu eegale' jechuun fuula Tiwiiterii isaanii irratti maxxansan.

Yuukireen ''ofirraa ni ittisti'' jedhanii ''adunyaan Puutiniin nurraa dhaabsisuu qabdi, gochuus dandeessis'' jedhan.

UN'tti ambaasadara Yuukireen kan tahan Sergiy Kiyslatisya UN'tti ergamaan addaa Raashiyaa pirezidaantiin isaa ''waraana biyya koo irratti labsuu'' mirkaneessera jechuun Rooyitersi gabaase.

Ministeerri Dhimma Keessoo Yuukireen CNN'tti akka himanitti ''weerarichi jalqabee jira.''

Pirezidaanti Putin karaa foddaa Televizhinii biyyi isaanii ''karoora Yuukireen weeraruu hin qabdu,'' jedhan. Waan amma biyyi isaanii Yuukireen waliin itti jirtu yoo himani ''oppireeshinii waraanaa adda tahedha,'' jechuun ibsan.

Uummanni Yuukireen eenyu akka biyya isaanii gaggeessuu qabu ''bilisa tahanii filachuu'' danda'u jedhan.

Pirezidaantiin US Joo Baayiden haleellaa hin barbaachisne loltootni Raashiyaa Yuukireen irratti raawwatan jedhan.

''Kadhannaan adunyaa guutuu uummata Yuukireen waliin jira jedhan. Pirezidaanti Puutin waraana hamaa lubbuu namaa gaaga'uu fi balleessu jalqabuuf itti yaadee qophaa'e'' jechuun dubbatan.

''Ajjeechaa lubbuu namaa fi miidhaa waraana kanaan dhaqqabuuf Raashiyaa qofaatu itti gaafatama. US fi michoonni ishee karaa qindaa'aa fi murteessaa taheen deebii ni kenninaaf'' jedhan.

''Adunyaan Raashiyaan akka itti gaafatamtu ni gooti.'' Baayiden gaafa Kamisaa kana raashiyaa maaltu akka eeggatu lammiilee Ameerikaaf akka himan dubbatan.

Waayit Haawus irraa haalicha akka hordofaa jiruu himuun osoo miidhaa akkamiitu Raashiyaa irratti dhaqabuu danda'a kan jedhu hin ibsiin hoggantoota biyyoota badhaadhan torba G7 jedhamuun beekaman waliin wal gahii akka gaggeessan himan.

"Halkan kana anaa fi Jiil uummata Yuukireen jagnaa fi goota tahaniif kadhannaa gaggeessaa jirra,'' jedhe. Qoqqobbii baay'ee hamaa tahes Raashiyaa irratti akka darbu himaniiru.

Baayiden gita isaanii Yuukireen pirezidaanti Volodymyr Zelenskii waliin tarkaanfii akkamii adeemsa adeemsaan akka fudhachaa jiran irratti bilbilaan dubbataniiru.

Zeleniskiin gaggeesitootni adunyaa bahanii akka ifatti dubbataniifi uummata Yuukireen cina akka dhaabbataniif gaggeesitoota adunyaa kanaaf akkan bilbilee himu na gaafateera jedhan Baayiden.

Pirezidaantiin duraanii Ameerikaa Donaaldi Tiraampi Fox News irratti weerarri Raashiyaan Yuukireen irratti gootu ''bara bulchiinsa isaatti hin raawwatu ture'' jedhan.

Tiraampi bilbilaan Putin ''jalqaba kana gochuuf waan yaade miti,'' jedhan.

''Akkan yaadutti waa gochuu fi mari'achuu barbaadeeti haalichi hammaataa hammaataa dhufe, as keessatti dadhabina US arge,'' jedhan Tiraampi.

Weerarri Putin gaggeessaa jiru kun sababa Ameerikaan loltoota ishee Afgaanistaanii baasuun ''dadhabina'' agarsiiften jedhe.