NATO'n maali, Raashiyaan hoo maaliif hin amantu?

Madda suuraa, Getty Images
Miseensonni NATO Raashiyaan Yuukireeniin kan weerartu yoo tahe hammamiyyuu ta'u deemuun akka Yuukireen gargaaran himaa jiru.
Tokkummaan humna waraanaa kun Ameerikaa, UK, Faransaayiifi Jarmanii of keessaa kan qabu yoo ta'u, Yuukireen deeggaruuf qophii ta'uu himeera.
Garuu NATOn maali?
NATO - Dhaabbata Waadaa Waraanaa Kaaba Atilaantik - Tokkummaa waraanaa bara 1949 biyyoota 12 hammachuun hundaa'edha.
Miseensonni NATO biyyi tokko isaan keessaa biyya biraan weeraramnaan walii birmachuuf waliigaltee qabu.
Kaayyoon hundeeffama isaa jalqabaa waraanaan booda babal'ifannaa lafaafi bulchiinsaa Raashiyaan Awuroopppa keessatti gochaa turte dura dhaabbachuuf ture.
Bara 1955 ammoo Sooviyeet Raashiyaan humna NATO kana qolachuu kan danda'u tokkummaa biyyoota Baha Awurooppaa Komunistii hordofanii ''Warsaw Paakt'' [Warsaw Pact] jedhamu hundeessite.
Bara 1991 kufaatii Sooviyeet Raashiyaa hordofee biyyoonni duraan miseensa 'Warsaw Pact' turan miseensota NATOtti makaman.
Amma tokkummaan waraanaa NATO jedhamu kun biyyoota miseensa ta'an 30 of keessaa qaba.
Rakkoon amma Raashiyaan NATO fi Yuukireen irraa qabdu maali?
Yuukireen duraan biyyoota Sooviyeet Raashiyaafi biyyoota Gamtaa Awurooppaa daangessitu turte.
Garuu miseensa NATO hin turre, ''michuu isaanii'' turte malee. Kana jechuun ammoo fuulduratti yeroo barbaaddetti tokkummaa waraanaa NATO jedhamu kanatti makamuu akka dandeessu agarsiisa.
Raashiyaan ammoo akka kun hin taane biyyoonni Lixaa akka waadaa galaniif barbaaddi. Yaada Raashiyaa kana ammoo isaan hin barbaadan.
Yuukireen uummata sanyiin isaanii Raashiyaa irraa ta'an hedduu qabdi. Aadaafi hawwaasummaan uummata Raashiyaa waliin hariiroo guddaa qabu.
Akka tarsiimoo isheetti Kireemiliin Yuukireeniin akka boroo qe'ee isheetti ilaalti.
Amma waan rakkoo tahe Pirezidaant Vilaadmiir Puutiin humnoonni Lixaa tokkummaa kana fayyadamuun Raashiyaa marsuu barbaadu yaaddoo jedhudha.
Ameerikaan bara 1990 NATOn kana caalaa gara Baha Awuroopppatti hin babbal'atu jechuun waadaa Raashiyaaf galte cabsiteetti jechuun mormu.
NATO ammoo himata kana haaluun miseensota isaa xiqqootu Raashiyaa waliin daangaa qooddata, kunis tokkummaa ittisaaf oolu jedhe.
Sochii amma Raashiyaan humna waraanaa ishee daangaa Yuukireen irratti bobbaaste, biyyoonni Lixaa dirqamuun fedha nageenyaa Raashiyaan barbaaddu sana akka fudhatan gochuuf jedhu namoonni baay'een.
Raashiyaafi Yukireen irratti NATOn maal godhee ture?
Bara 2014 yeroo lammiileen Yuukireen pirezidaantii isaanii Raashiyaa deeggaru aangoo irraa kaasan, Raashiyaan lafa Yuukireen gara Kibbaa jiru Kirimiyaa ofitti dabalatte.
Akkasumas, humnoota foxxoquu barbaadaniifi Raashiyaa deeggaran kanneen lafa bal'aa Baha Yuukireen to'atan gargaaraa turte.
Yeroo sana NATOn gidduu hin seenne. Garuu yeroo jalqabaaf biyyoota Baha Awurooppaa hedduu keessa loltuu isaa bobbaasuun ejjennoo isaa ifatti mul'ise.

Madda suuraa, Getty
Kutaa waraanaa afur biyyoota adda addaarraa walitti bahan Istooniyaa, Laativiyaa, Lutaaniyaafi Poolaand keessaa qaba.
Birgeedii gurguddaa ammoo Romaaniyaa keessaa qaba.
Akkasumas, eegumsa qilleensa irraa biyyoota Baaltikiifi Baha Awurooppaa keessatti babal'iseera. Kun ammoo xiyyaara waraanaa Raashiyaa daangaa qilleensaa irraa cabsanii seenan qolachuun miseensota isaa eeguuf.
Raashiyaan ammoo humnoonni kunneen naannichaa akka bahan barbaaddi.
NATOn Yukireeniif abdii akkamii kenne?
Pirezidaant Joo Baayiden Raashiyaan Yuukireen kan weerartu yoo tahe, ''gatii hamaa tahe'' kaffalti jedhe.
Ameerikaan humna waraanaa 8,500 ta'u ajaja qofa eeggatu qopheessuu ishee himteetti.
Peentaagon humni waraanaa kunneen yoo NATOn humna ariifataa deebii kennu barbaaduu isaa murteesse bobbaafamu jette.
Garuu ofii isheen gaaffii NATO malee Yuukireenitti waraana bobbaasuuf akka hin karoorsine himte.

Madda suuraa, Anadolu via Getty
Ministirri Dhimma Alaa Jarman Analenaa Baarbook muddamni waraanaa kana caalaa deemnaan ''mootummaa Raashiyaa gatii guddaa baasisa- dinagdee, siyaasaafi tarsiimoon,'' jedhan.
Downing Street akka jedhetti [Afaan Ingiliizii] UK'n ''tokkummaan kun tarkaanfii ariifachiisaa qoqqobbii dabalatee fudhachuu qaba,'' jettee amanti.
Pirezidaantiin US, Joo Baayiden dhimma Yuukireen irratti hoggantoota Awurooppaa waliin ''waliigaltee guutuurra'' jira jedhan. Garuu gargaarsa biyyootni adda addaa godhan irratti garaagarummaan jira.
Ameerikaan ''gargaaarsa waraanaa'' toonii 90 ta'u ''adda durummaan warra ittisa irra jiraniif'' gara Yuukireenitti erguu himte. UK akkasuma farra taankii misaa'elaa fageenya gabaabaa Yuukireeniif gumaachiteetti.
Miseensotni NATO biroo akka Denmaarki, Ispeen, Faransaay fi Nezerlaandis doonii waraanaafi xiyyaarota waraanaa gara Baha Awurooppaatti erguun ittisa naannichaa cimsaa jiraachuu himaniiru.
Jarman ammoo gaaffii UK dhiyeessiteef hin fudhanne. Meeshaalee waraanaa naannoo waraanni jirutti hin ergu garuu gargaarsa fayyaaf kan oolan nan erga jetteetti.
Pirezidaantiin Faransaay Imaanu'eel Maakiroon ammoo dubbicha qabbaneessuuf Raashiyaa waliin mari'achuuf waamicha godhaniiru.


















