Raashiyaan ergama dippiloomaasii NATO keessaa qabdu dhiisaa jiraachuu himte

Madda suuraa, Getty Images
Raashiyaan ergama NATO keessaa qabdu adda kutaa jiraachuu Ministirri Dhimma Alaa biyyattii Sergei Laavrov himan.
Dabalataan hojjettoonni NATO Moskoo jiran Sadaasa dhufu irraa kaasee eeyyamni isaanii irraa mulqama jedhan.
Murteen Raashiyaa kun erga NATO'n jalqaba ji'a kanaatti lammiilee Raashiyaa saddeet ari'ee booda dhagahame.
Nato'n jarri kun tika mootummaati, ergama mootummaa biyyattiif hojjetu jechuun ari'e.
Hariiroon Raashiyaa fi NATO gaafa Moskoon dachee handaara galaanaa Yukreen, (Ukraine's Crimean peninsula) bara 2014 of harka galchite laafuu eegale.
Aab Laavrov miidiyaa biyyattiitti akka himanitti, tarkaanfiin kun gocha NATO'f deebii kennuuf kan fudhatameedha.
Jaarmiyaan biyyoota damee waraanaan michoomse kun haasaa haqa qabeessaa fi hunda hirmaachise gochuu didee akka isaanitti roorrise himatan.
"Miseensonni NATO dhimma ariifachiisaa yoo qabaatan, ambaasaaddara keenya Biraaselsi jiru quunnamuun gaaffii qaban dhiyeessuufii danda'u,'' jechuun miidiyaa biyyattiitti himan Aab Laavrov.
Erga Raashiyaan ejjennooshee kana beeksistee booda NATO'n murtee Raashiyaa kanaaf bakka kennee akka fala itti godhu himeera.
"Tarkaanfii fudhannetti gabbine,'' kan jedhan dubbi himtuun NATO Oana Lungescu, "Imaammati Nato'n Raashiyaarratti qabu akkuma duriiti. Rincicaa fi mata jabeenya Raashiyaarraa kaanee tarkaanfii kana fudhanne.
Akkasuma ammoo ammallee mari'achuuf qophiidha. Karaa Koree NATO-Raashiyaa marii jalqabuu dandeenya,'' jedhan.
Jarmaniin ammoo tarkaanfiin Raashiyaa dhibdee kan uumuudha jechuun komatte.
"Gaabbii qofa miti, murteen Moskootti darbe kun hariiroo NATO waliin qaban akkaan kan laaffisuudha,'' jedhan Ministirri Dhimma Alaa Jarmanii.
NATO'n wayita lammiilee Raashiyaa saddeet ari'u, dippiloomaatonni biyyattii jaarmiyachi eessatti hafan 10 qofa.
Wayita tarkaanfiin fudhatamu Hoogganaan Nato Jens Stoltenberg Raashiyaan amala hintaane mul'isaa waan jirtuuf qophaa'inaan eeggachuu feesisa jedhanii turan.
Bara 2018 keessas NATO'n dippiloomaatota Raashiyaa hedduu ari'ee ture.
Yeroo sana baay'ina dippiloomaatota Raashiyaa NATO keessa turanii 30 irraa gara 20tti xiqqaaate.















