Yaa'ii Nato: 'Chaayinaa waliin "Waraanni Ololaa" haraan hin jiru'- NATO

Bareessaa NATO Janaraal Jeens Istooltenberg

Madda suuraa, Reuters

Barreessaan NATO biyyoonni miseensa dhaabbatichaa ta'an ka'umsa Chaayinaan agarsiisaa jirtuuf deebii akka kennaniif gaafatan. Barreessaan NATO Janaraal Jeens Istoltenberg kana kan jedhan kora murteessaa deeggarsa Ameerikaan dhaabbatichaaf akka taasiftuuf qophaa'e durseeti.

Gaggeessitoonni NATO Wiixata Beeljiyeemitti erga walga'anii booda Chaayinaa akka yaaddoo nageenyaa taatetti farrajuun ibsa akka baasan eegama.

Barreessaan NATO Janaraal Jeens Istoltenberg korri kun Walta'insichaaf "yeroo murteessaadha" jedhan.

Korri ammaa kun erga Pirezidaantiin US Joo Baayidan aangoo qabatanii kora NATO jalqabaati.

NATOn walta'insa humna waraanaa guddaa biyyoota Awurooppaafi Ameerikaa Kaabaa 30 gidduutti uumamedha. Dhaabbanni kun Waraana Addunyaa Lamaffaan booda babal'achuu Sooviyeet Yuuniyeen taasisaa turteef deebii kennuuf jedhamee kan ijaaramedha.

Dhaabbatichi baroota dhiyoo as, falmii gaggeessitoonni isaa waa'ee kaayyoo isaafi madda fandii isaarratti walfalmuu keessa seenanii dhiphina guddaa keessa galee ture.

Dhiphinni kun bara pirezidaatummaa Tiraamp keessa daran hammaatees ture.

Mr Tiraamp waa'ee deeggarsa maallaqa Ameerikaan dhaabbatichaaf gumaachituu irratti komii kaasuun, biyyattiin maaliif biyyoota michoota Awurooppaatiif gatii kaffaltii gaaffii jedhu kaasaa ture.

Haata'u malee, faallaa kanaatiin ammoo, bakka isaa kan bu'an Mr. Baayidan, deeggarsa Ameerikaan walta'insa humna waraanaa umurii waggaa 72 qabu kanaaf taasiftu keessa deebi'dhaan ilaaluu fedhan.

Dilbata darbe, gorsaan Nageenya biyyaalessaa Waayit Haawus Jaak Suliivaan, mariin NATO Chaayinaa dura dhaabbachuufi humna waraanaa ishee guddachaa jiru ilaallatu dabalatee dhimmoota nageenyaa waloo irratti kan xiyyeeffatu akka ta'e dubbataniiru.

"Nuti Chaayinaa waliin Waraana Ololaa haaraa keessa seenaa hin jirru. Chaaiynaan masaanuu ykn diina keenya miti," jechuun rippoortarootatti himan Mr. Istoltenbverg.

"Haata'u malee, akka walta'insa tokkootti, rakkoo ka'umsi Chaayinaa nageenya keenyarratti fiduu malu waliin ta'uun furanna."

Waa'ee jijjiirama hala qilleensaa, nageenya Saayiibarii, Raashiyaa, akkasumas waa'ee humnoota NATO Afgaanistaan keessaa bahuu ajandaawwan marii ta'u.

Turtiin humnoonni NATO Afgaanistaan keessatti taasisan humna dhaabbatichi biyyoota birootti bobbaase isa baayyee dheeraadha jedhameera.

NATOn maaliif Chaayinaa irratti xiyyeeffate?

Akka Mr. Istoltenberg jedhanitti, gama humna dinagdee, humna waraanaafi tekinooloojiitiin Chaayinaan NATOtti "dhiyaachaa jirti."

Gamaggamni Mr. Istoltenberg kun yaada Mr Suliivaan irra deebiiyuun dubbatedha. Mr Suliivaan gaggeessitoonni biyyoota G7 kallattii maraan Chaayinaaf "deebii kennuufi morkachuun" barbaachisaa akka ta'erratti waliigalaniiru jedheera.

Dippilomaatiin tokko Rooyitarsitti akka dubbatanitti, ibsa NATO kora booddee ba'u kun Chaayinaan masanuudha jechuun kallattiin hin farrajne. Haata'u malee, Chaayinaan akka yaadoo nageenyaa miseensota NATO taateetti "tooftaadhaan" akeekeera jedhan.

"Ibsa NATO sana keessatti Chaayinaan kan kanaan duraa caalaa bifa fooyyaa'aa ta'een ilaalamte," jedhan gorsaan olaanaa Baayidan Mr. Suliivaan ammoo.

NATOn erga bara 2014 keessa Raashiyaan Kireemiyaa ofitti makatteen as humna isaa ammayyeesseera. Haata'u malee, yaaddoo sababa fedhiiwwan Chaayinaa irraa ka'an caalaa cimsee kan ilaaluu jalqabe dhiyeenya kanadha.

Invastimentiin Chaayinaa ulaawwan galaanaa Awurooppaa keessa jiruufi karoora buufata waraanaa isheen Afrikaa keessatti hundeeffachuun Baaltik irratti shaakala loltummaa Raashiyaa waliin taasisuuf qabduun, humni Chaayinaa dabalaa dhufe kun deebii kennuufiif akka barbaachisu NATOn waliigaleera.

Ergaan cimaan NATO Chaayinaa irratti dabarse kun qeequmsa biyyoonni G7 torban darbe kana kora UK keessatti erga gaggeeffataniin dhiyeessaniin boodadha.

Biyyoonni G7 kun ibsa baasaniin sarbama mirgoota namoomaa Chaayinaan raawwattu qeequun akka itti Covid-19 biyyasheetti itti ka'erratti qorannoon ifa ta'e akka gaggeeffamuufis gaafataniiru.

Chaayinaan gamasheetiin deebii karaa imbaasiishee UK jiruun j=kenniteen, "soba, ololaafi himannaa bu'uura hin qabne" jechuun himattee jirti.

NATOn maali?

  • Dhaabbata Waliigaltee Kaaba Atilaantikii, NATO, jedhamuun beekamu humna walta'insa waraanaa baayyee cimaafi waggaa dheeraa lakkoofsisedha.
  • NATOn yaaddoo baballina Komunistii dura dhaabbachuuf jedhamee Waraana Addunyaa Lamaffaa booda bara 1949 hundeeffame.
  • Bu'uura michoonni waliin ta'anii humna ittisaa qabaachuu jedhurratti hundeeffame.