Chaayinaan gocha 'dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu' nan morma jette

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Dhimma Alaa Chaayinaa Waang Yii, gocha dhimma keessaa Itoophiyaa keessa seenuu biyyi isaanii akka mormitu ibsuu miidiyaan mootummaa biyyattii gabaase.
Burqaan oduu qabeenyummaan isaa kan mootummaa ta'e Shiinuwaan Ministira Dhimma Alaa waabeffachuun akka gabaasetti, Chaayinaan gocha dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu ni mormiti jedheera.
Ministirri Muummee Itti-aanaafi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonnon fuula tiwiitara isaaniirratti, marii ministira dhimma alaa Chaayinaa waliin bilbilaan taasisaniin ''dhimma keessoo biyya keenyaa giddu-galtummaa malee hiikuuf dubbanneerra," jehan.
Aanga'oonni kunneen marii taasisaniin, "birmadummaa walii akka kabajan, akkasumas walii walii isaanii ammoo murannoon wal tumsuuf," waliigaluu isaanii Obbo Dammaqaan fuula tiwiitara isaaniirratti barreessaniiru.
Ministirri dhimma alaa Chaayinaa Waang Yii, "biyyoonni lamaan warra waliif tumsanidha," jechuu isanii Shiinuwaan gabaaseera.
Biyyoonni addunyaa gama lixaa naannoo Tigiraay keessatti sarbamni mirgoota namoomaa raawwatamuusaa, ummanni beelaaf saaxilamuusaa, gargaarsi namoomaa haalaan gahaa jiraachuu dhabuufi rakkoowwan biroo ibsuun mootummaa Itoophiyaa qeequu erga jalqabanii bubbulaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa ammoo qeeqa kana mormuudhaan, biyyoonni lixaa dantaa biyyaa keessa seenuudhaaf yaalu jechuudhaan balaaleffata.
Ameerikaafi Gamtaan Awurooppaa marii Tigiraay ilaallaturratti taasisaniin ajjeechaa, dirqisiisanii gudeeduu, baqattummaaf saaxiluu, akkasumas bu'uuraalee misoomaa kanneen akka dhaabbilee tajaajila fayyaa irratti gochi mancaasuu raawwatamuu ibsaniiru.
Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii dabalatee dhaabbileen gargaarsaa idil-addunyaa gara garaas dhimma Tigiraay ilaalchisuun akkuma kana yaaddoo walfakkaatu ibsaniiru.
Mootummaan Itoophiyaa gama isaatiin gargaarsi namoomaa dhiyaataa akka jiru irra deddeebiyee ibseera.
Dubbi himtuun Waajira ministira muummee Biillenee Siyyum ibsa guyyoota muraasa dura kenniteen, ejjennoo biyyoonni gara garaa agarsiisan "kan kabaja Itoophiyaa hin eegnedha" jettee turte.
Shiinuwaan fuula marsariitii isaaratti, ministirri dhimma alaa Chaayinaa , "Itoophiyaan nageenyaafi tasgabbii biyyalessaashee eeggachuuf mirga qabdi" jechuu isaanii barreessee jira.
"Itoophiyaan dhimmoota keessooshee adda durummaan yaalii ofiisheetiin hiikkachuu qabdi. Hawaasni addunyaa ammoo fedhii Itoophiyaa kabajuudhaan deeggarsa taasisuu qaba. Qoqqobbii kaa'uullee hin qabu," jechuu isaanii gabaaseera.
Mootummaan Ameerikaa aanga'oota Itoophiyaafi Ertiraa, miseensota loltootaafi nageenyaa, humnoota hidhattoota Amaaraa, akkasumas miseensota TPLF irratti dhorkaa viizaa kaa'uun isaa ni yaadatama.
Kanaaf ammoo akka sababaatti kan dhiyaate waraanni naannoo Tigiraay keessatti gaggeeffamaa jiru akka dhaabbatuuf loltoonni Ertiraa akka naannicha keessaa bahan, dhiyeessi gargaarsa namoomaa akka foyyaa'uuf, homnoonni walitti bu'iinsicha keessatti hirmaatan gara mariitti akka dhufan yaaliin taasifame fudhatama dhabuu isaati.
Marii bilbilaa ministiroonni dhimma alaa Itoophiyaafi Chaayinaa waliin taasisaniin, "Chaayinaan rakkoo gargaarsa namoomaa naannoo Tigiraay keessatti uumameef gargaarsa kennuudhaaf hayyamamtuudha. Gargaarsi nyaataa marsaa jalqabaas ergameera," jechuun Shiinuwaan gabaaseera.
Obbo Dammaqaan Chaayinaan imaammata dhimma keessoo Itoophiyaa keessa seenuu dhiisuu tarkaanfachiisuusheetiif galateeffachuu isaanii burqaan oduu kun barreessee jira.















