Yuukireen: Faransaay qoqqobbi Raashiyaa irratti dabarsiteen doonii ishee fudhatte

Madda suuraa, Reuters
Faransaay doonii fe'umsaa alaabaa Raashiyaa ofirraa qabdu qoqqobbii sababa waraana Yuukireenii darbe cabsiteetti jedhamuun shakkamte dura goruun gara biyyasheetti galchite.
Dooniin, Baltik Liider [Hogganaa Baltik] jedhamuun beekamu Kaaba Lixa magaala faransaay Ruuhen irraa gara St Piitersbargitti konkolaattota haaraa feetee deemaa turte.
Dooniin kun bo'oo buufata doonii Bolonyitti qabamte. Miidiyaan mootummaa Raashiyaa dooniin kun kan baankii tibbana Gamtaa Awurooppaa fi US'n qoqobamanii akka tahe hime.
Qondaalli naannichaa Farnsaay tarkaanfiin akkasii xiqqoodha garuu kun mallattoo ejjennoo keenyatti cichuuti jedhan.
Dippaartimantiin Qabeenyaa US dhorkaa qoqoobii doonii kana irratti dabarsuun dooniin qabamte kan baankii Promsvyazbank akka tahe hime. Dhaabbatni faayinaansii Raashiyaa kun qoqqobameera.
Baankichis kana booda doonii Baltik kan isaa akka hin taane hime. Rooyitarsitti akka himetti osoo qoqqobbiin kun hin darbiin dura dhaabbata biraatti gurguruu hime.
Qondaalonni Faransaay dooniin kun kan Raashiyaa tahuu fi dhiisuu ishee adda baasaa jiru. Gareen doonii kana irra jiran qorannicha irratti ''deeggarsa ni taasisu'' jedhan.
Adeemsi kun ammoo hanga sa'a 48 fudhata jedhameera.
Imbaasiin Raashiyaa Paaris jiru qabamuu doonii kanaa irratti mormii qaban Ministera Dhimma Alaa Faransaayiif akka ergan himan.














