Kilabni Cheelsii kan qabeenya lammii Raashiyaa ta'e qormaata keessa gale

Leenjisaa Cheelsii Toomaas Tuheel

Madda suuraa, PA Media

Leenjisaan Cheelsii Toomaas Tuheel Raashiyaan sababa Yukireen weerararteef ''dhimma kilaba keenyaan walqabatee wantootni hin tasgabboofne hedduun jiru'' jedhan.

Cheelsiin qabeenya biiliyeenara lammii Raashiyaa Roomaan Abraamiiviich hoggaa ta'u, UK ammoo tarkaanfii Raashiyaa dhaabsisuuf jecha abbootii qabeenyaa Raashiyaa qabeenya isaanii uggurtu keessaa tokko biiliyeenara kanaa jedhu miseensi paarlaamaa UK tokko.

Tuuhel ibsa kana kan kennan gareen isaanii Cheelsiin Dilbata boruu Waancaa Karabaa'oof Weembilee irratti Liivarpuuliin falmachuuf yeroo qophii xumuraa jiruttidha.

''Kuni dhimma guddaadha miti jennee fakkeessuu hin qabnuu '' jedhan Tuheel.

''Haalichi waliigalatti(Yukireen) anaaf fi waahillan koof akkasumattis nama hunda Cobhaam jiran, taphattootaafis rifaasisaadha.

''Humtuu kana hin eegne. Dhugaa hin fakkaatu, akkuman jedhe sammuu keenyarra mareera, tapha xumuraaf miira qabnu mareera.

Kuniis tasgabbii dhabuu guddoo uumuu dubbatan. Warra Yukireeniif hawwii gaarii qabanis dhaaman.

''Kilaba keenya ilaalchisee wantootni ifa hin taane hedduun jiru'' jedhan kuniis mootummaan UK aanga'oota Raashiya, baankiiwwaniif abbootii qabeeenyaa Raashiyaa qoqqobuu wajjin walqabata.

Abbaan qabeenyaa Kilabichaa Abraamiiviich pireezidantii Raashiyaa Vilaadmiir Puutiin waliin michummaa jabaa qaba jedhamee amanama.

Miseensi paartii warra Leeber ragaa dhoksaan miseensota paarlaamaatti dabarsaniin Ambraamoviich UK keessa turuu akka hin dandeenye akeekaniiru.

Tuuheel dhimma abbaa qabeenyaa isaa ilaalchisee odeeffannoo hedduu akka hin qabne himaniiru.

''Gareen kun, hojjettootniifi anas dabalatee siyaasaan alatti ilaalamuun ispoortiirratti xiyyeeffannee hojjechuun mirga keenya'' jedhan.

Dhugaa jiru garuu ifa waan ta'eef hin dhakatu, akkaanis hamaadha jedhan.

Awurooppaatti waraannii yeroo dheeraaf kan yaadamu hin turre. Mee haa eegnu. Dhiibbaan isaa ifadha. mariin dhiibbaa ni qabaata. Mee obsa xiqqoo haa dabalannu, safartuuwwan kunniin maal akka ta'an haa hubnu. Achii booda itti madaqna'' jedhan leenjisaan Cheelsii Tuheel.