Weerara Yuukireen: Weeraramuun Yukireen Chaayinaatti maaliif qormaata jabaa ta'e?

Pireezidant Vilaadmiir Puutiiniifi gita isaanii Chaayinaa Shii Jiinpiing

Madda suuraa, AFP

    • Barreessaa, Isteefan Maakdooneliin kan barreefame
    • Gahee, BBC News, Beejing

Weerara Raashiyaan Yukireen irratti bante pireezidantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing lameen keessaa eenyyuun filatanii akka deeggaran irratti qormaata itti ta'eera.

Pireezidant Putiin Yukireen irratti waraana banuuf ajaja erga dabarsanii sa'aa muraasa booda US, Beejiing, Mooskoo waliin ta'uun sirna addunyaa bilisa hin taane uumuutti jiruu jechuun qeeqxeetti.

Akka US jettu ta'uu isaaf ragaan hedduun amma bahuu baatanis, rakkoon Yukireeniifi Raashiyaa gama hedduun Chaayinaa qormaata keessa galcha.

Michummaan Chaayinaai Raashiyaa akka malee cimaa dhufe Olompiika gannaa Beejiing irratti Puutiin aanga'oota muraasa argaman keessaa isaan guddaa ta'auunuu fakkeenya.

Akkuma dorgommiin kun xumurameeni Puutiin bulchiinsota Yukireen harka hidhattootaaa jiraniif beekamtii kan kennan.

Chaayinaan hanga ammaattii dhimma kanarratti wanti dubbatte ijoon qaamoleen lamaanuu muddama jiru akka xiqqeessaniidha.

Weerarri Raashiyaa magaala guddoo Kiyeev qaqqabuun isaa ejjennoo Chaayinaa garam godha?

Mootummaan Chaayinaa Awurooppaa keessatti waraana jajjabeessuu hin yaadu ammoo Mooskoo waliin hariiroo waraanaafi tarsiimoo cimsachuu fedha.

Yukireen Chaayinaaf michuu daldalaa jabduudha. Kanaaf Beejiing Kiyeev waliin hariiroo qabdu kana dhabuu hin feetu

Chaayinaa weerara Yukireen irratti Raashiyaa cinaa yoo dhaabbatte Lixa Awurooppaa keessatti hariiroon daldalaa qabdu rakkoo keessa gala.

Kana irratti ammoo hoogganoonni Chaayinaa dhimmoota keessoo biyya ormaa keessa galuuf fedha hin qaban, biyyoonni kaanis akka dhimma isaanii keessa galan hin fedhan.

Maxxansa twiitaraa isaanii dhiyoorratti dippiloomatiin olaanaan Chaayinaa Liyoo Shi'oomiing Chaayinaan biyya kamuu weerartee hin beektu, lola keessoo keessa hin galle'' jechuun daandii nagaaf murannoo qabdu himaniiru.

Hojjetaan tikaa US duraanii Jopn Kaalver twiitara gubbaarratti ''Raashiyaan kutaa Yukireen yoo fudhatte, weerartee fi Kiyeev yoo qabatte ejjennoo Chaayinaan walabamuun biyyoota hin tuqamu jedhu ni sarbiti'' jedhan.

Hanga ammaatti dubbii himaan Ministirri Haajaa Alaa Chaayinaa Waang Wenbiin weerara Yukireen hin balaaleffanne, gochaa Raashiyaa kanaanis weeraradha hin jenne.

Waang Chaayinan ammallee Yukireeniin akka biyya walabaatti ilaaltii jedhan. Haata'u malee Baha Yukireeniti bulchiinsota of dandeenyeerra jedhan lamaniin ilaalchisee homaa hin dubbanne.

Paartii Koministii Chaayinaaf yaaddoo guddaan uummata isaaniifi ilaalcha dhimma addunyaarratti qaban irratti dhiibbaa maalii qaba kan jedhuudha.

Sababa kanaan haasaawwan dhimma Yukireeniin walqabatan miidiyaalee idilee fimiidiyaalee hawaaasaarraa hordofuutti jiru.

Dubbichi dhimma Taayiwaan deebisee ho'isuu mala jedhamaa jira.

Mootummaan Chaayinaa bulchiinsi ofiin bultu Taayiwaan qaama koo seeraan ala baate waan taateef natti makamuu qabdii jedha.

Twiitara Chaayinaatii kan jedhamu miidiyaa hawaasaa biyyattii Weibo irratti leellistootni sabboonummaa Chaayinaa biyyattiin faan Raashiyaa hordoftee Taayyiwaan deebifachuuf carraan gaariin ammaa jechuun barreessaa jiru.

Qoqqobbiiwaan biyyootni Lixaa Raashiyaarra kan balaaleffatte Chaayinaan Taayiwaaniin deebifachuuf yoo yaalte muuxannoon walfakkaatu akka ishee mudatu tilmaamni jira. Suni ammoo dhangala'uu dhiigaafi baasii guddaa baasisa.

Dubbii himtuun Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa Huwaan Chuunyiing miidiyaaleetti yoo dubbatu, qoqqobbiin rakkoo furuuf filannoo gaariidha amantaa jedhu hin qabnuu jedhan.

Pireezidantii Chaayinaa Shii Jiinpiing

Madda suuraa, Getty Images

Vilaadmiir Puutiin dubbattoota Raashiyaa Yukireen keessa jiraniin bilisa baasaa jiraa jedhan. Warri saba Mongoliyaa, Kooriyaa, Kirgiiz fi kaan Chaayinaa keessa jiranoo? Chaayinaaf wnti balaa ta'uu danda'u warri Tiibeetiifi Uyiihugguur mirga olaanaaf ykn ammoo of danda'uuf gaaffii yoo dhiyeessanoo? kan jedhu

Bulchiinsa pireezidant Shiif wanni guddaan dhimmoota kana.

Haala kanaan miidiyaaleen mootummaa Chaayinaa uummata miidiyaalee hawaasaarraa dubbatan kana garamitti oofaa jiruu kan jedhu ilaaluun Chaayinaan deemsa Raashiyaan Baha Awurooppaa irratti ejjennoon ishee garam kan jedhu hordoofuutu barbaachisa.

Miidiyaan biyyoolessaa Weibo irratti akkaawuntii qabuun maxxansaalee isaa dhummoota Yukireeniifi Raashiyaa irratti yaada hordoftootaaf deebii ni kenna.

Yaadota kennaman keessaa hangi tokko:

''Puutiin namatti tola!''

''Ani Raashiyaan deeggara, US nan morma. Wanniin jedhu kanuma''

''Ameerikaan yeroo hunda addunyaa hunkuruu barbaaddi!''

Namootni nagaan akka bu'i yaada maxxansan hedduun jiraataniis, kanneen US balaaleffatan garuu akkaan leellifamu.

Tokko akkas jedha: ''Namoonni hedduun maaliif Raashiyaafi Puutiin akka deeggaran naaf hin galle. Weerarri akka haqaatti ilaalamaa? Waaraana gosa kamuu mormuu qabna!''

Kan biroon ammoo akkas jedhe: Putiin nannoo fottoqtoota Yukireeniin qabameef beekamtii kenna, Kunimmoo ifatti dhimma biyya biraa keessa galuudha.''

Chaayinaan lammiileen hedduun yaada akka maxxansa isa dhumaa kana deeggaraniifi bitatan hin feetu.

Embasiin Chaayinaa Yukireen jiru lammiileen isaa biyyattii san jiran konkolaata isaaniirratti alaabaa Chaayinaa kaahanii akak wal eegan dhaameera.

Wanti Raashiyaan raawwatte weerara moo miti jedhamanii kan gaafataman dubbii himtuun Ministeera Haajaa Alaa Chaayinaa Huwaan Chuunyiing, ''seenaan dudduubee dhimma kanaa walxaxaadha.. dhimmi kun kan dhalate sababoota hedduu birootiini'' jedhan.

Amma wanti Awurooppaa keessatti adeemaa jiru Shii Jiinpiing eeggannoon garatti goran filachuuf rakkisaa taasisa.