'Taayiwaan Chaayinaaf hinjilbeeffattu'- Pireezidantii Taayiwaan

Tsaayi Ing-wen sirna kabaja Guyyaa Biyyaaleessaa Taayiwaan irratti wayita haasaa taasisaniitti Onkolooleessa 10, 2021.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Tsaayi Ing-wen sirna kabaja Guyyaa Biyyaaleessaa Taayiwaan irratti wayita haasaa taasisaniitti

Wayita ammaa yeroo muddamni olaanaan Taayiwaan irratti umamaa jiru kanatti Pirezidaantiin biyyattii Tsaayi Ingi Qiin biyyisaanii dhiibbaa Chaayinaatiif akka hin jilbiifannee fi yaada dimokiraa isheetiin akka itti fuftu beeksiifte.

Dureen Taayiwaan dabaluu, ''milkaa'innii keenya wayita dabalu dhiibbaan Chaayinaa irraa nurra gahus ni dabala'' jedhan.

Pirezidaantiin Chaayinaa Xi Jinpingi ''Taayiwaan ofitti deebisanii makuuf'' erga dhaadataniin booda haasaan duree Taayiwaan kun Kabaja sirna Guuyyaa Biyyaaleessaa Taayiwaan magaalaa guddiitti biyyattii Taapi'ee keessatti kan dhagaahame.

Taayiwaan ofiishee akka bulchiinsa walabaatti ilaaltullee Chaayinaan ammoo haala sanaan osoo hintaane akka bulchiinsa ishee jala jirtuutti ilaalti.

Chaayinaan ofitti deebiiftee makuuf yaada jettu raawwachuuf humnatti fayyadamu ni dandeessi ta'a.

Kanaaf akka fakkeenyaa kan ta'u Chaayinaan erga baatiiwwan dhiheenyaatii as jeettiiwwan waraanaa baayyee gara qaxanaa qilleensa ittisa Taayiwaanitti ergusheeti.

Xinxaltoonni akka jedhanittis, balaliinsi jeettotaa sunis pireezidaantii Taayiwaanif akka akeekkachisaati fudhatamuu kan danda'udha.

Pirezidaantittiin gama isheetiin, ''Taayiwaan dimookiraasiif dhaabbattee jirti,'' jechuun dubbataniiru. Odolittiin haala bilisummaa, dimookiraasii fi walabummaa dhorkuun ''sarara Chaayinaan diriirsite'' akka fudhattuuf dirqisiisuun akka hindanda'amne hubachiifte jirti.

Kabaja Guyyaa Biyyaaleessaa Taayiwaan irratti agarsiifni konkolaataawwan waraanaa raawwatameera, Onlolooleessa 10, 2021.

Madda suuraa, EPA

Ibsa waa'ee suuraa, Kabaja Guyyaa Biyyaaleessaa Taayiwaan irratti agarsiifni konkolaataawwan waraanaa raawwatameera

Balaliinsi loltoota Chaayinaa gara qaxanaa raayyaa ittisa taayiwaan seenuun isaanii nageenya biyyaalessaafi aaviyeeshinii irratti dhiibbaa olaanaa qaqqabsiisuu kan kaasan pireezidaantittiin, ''haalichis kan waggoota 72 darban caalaa walxaxaa fi kan hinyaadamneedha,'' jedhan.

Taayiwaan ''ariitiin tarkaanfii hinfudhattu,'' jedhan illeen garuu, raayyaa ittisaa isheen ni cimfatti jedhaniiru.

Dureen Taayiwaan aanga'oota Chaayinaa waliin haala walqixa ta'een mari'achuuf irra deddebiin yaada dhiyeessanillee, qondaaltota Chaayinaa foxxoqtoota jechuun waamaniin kuffifameera.

Pirezidaantiin Taayiwaan tunis bara darbe irra deebiin kan falatamte sagalee olaanaan yoo ta'u, Chaayinaa fuldura dhaabbachuuf waadaa galte ture. Erga pirezidaantiittiin haasaa taasifteen boodas jeettiiwwan waraanaa Taayiwaan yoo balalii'an mul'ataniiru.

Waa'ee Chaayinaafi Taayiwaan dhimmoota bu'uuraa muraasa:

• Chaayinaa fi Taayiwaan maaliif walitti dhufeenya laafaa qabaatan? Chaayinaafi Taayiwaan wal waraansa bara 1940motaan gargari bahan. Haata'u malee Chaayinaan ammalleen barbaachisaa yoo ta'e odollii tun humnaan deebii'u ni dandeetti amantaa jedhu qabdi.

• Taayiiwaan attamiin bulfamtii? Odoolli tun heera motummaa mataashee, aanga'oota haala dimokiraatawa ta'een filaman fi miseensa raayyaa ittisaa gara kuma 300 ta'u kan qabduudha.

•Taayiwaan akka biyyaatti eenyutuu beekamtii kenneef? Taayiwaaniif beekkamtii kan kennan biyyoota muraasa qofaadha. Baayyeeni motummaa Chaayinaa teessoo isaa Beejingi taasiseef beekamti kennu. Ameerikaan Taayiwaan waliif walitti dhufeenya idilee hinqabdu. Garuu ammoo seera odolittiin ofiishee akka ittistuuf deeggarsa akka kennituuf gaafatu qabdi.