Weerara Yuukireen: Federeeshiniin Juudoo Putiniin pirezidaantummaa fi ambasadarummaa federeeshinichaa irraa dhorke

Madda suuraa, Getty Images
Federeeshiniin Juudoo Idil-adunyaa Vilaadmir Puutiniin aangoo pirezidaantii kabajaa fi ambaasaadarummaa kenneef ture irraa fuudhe.
Pirezidaantiin Raashiyaa kun ispoortii Juudoodhaan qabattoo gurraacha qaba. Tarkaanfiin kun qaamuma ‘’qoqqobbii’’ ispoortii tibbana sababa Raashiyaan Yuukireeniin weerarteef irratti darbedha.
Akkasumas dorgommiin Formula 1 Grand Prix Fulbaana dhufu Soochiitti gaggeeffamuuf qabames haqameera.
Kana malees dorgommiin waancaa xumuraa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa 2022 St Piitersbargitti taphatamuuf qabames haqamuun Paarisitti akka taphatamu murtaa’eera.
Biyyootni Lixaa Raashiyaa irratti qoqqobbii jajjabaa dabarsuu ittuma fufaniiru. Dhaabbilee faayinaansii biyyattii waliin hidhata kan qaban irrattis tarkaanfii wal fakkaataan fudhatamaa jira. Baankotni Raashiyaa gariin tajaajila daddabarsa maallaqaa si’ataa biyyoota adda addaa irraa gaggeessu Swift irraa akka haqamanis murtaa’eera.
Pirezidaantiin Raashiyaa weerara Yuukireen irratti gaggeessan itti fufaniiru. Humnoota addaa isaanii Yuukireenitti ‘’dirqama waraanaa isaanii gootummaan bahan’’ jedhanis galateeffataniiru.
Ibsa foddaa Televizhiniin kennanii marsariitii Kiremliin irratti maxxansameen loltoota isaanii ‘’maqaa uummata Raashiyaa fi biyya keenya guddoon dirqama isaanii bahatan’’ jedhan galateeffataniiru.
Haleellaan waraanaa Raashiyaan Yuukireen irratti taasifte ‘’jalqabbii xumura Putin taha’’ jette Ministirri Dhimma Alaa UK, Liiz Tiraas.
Sky News sagantaa Tirevar Filiipsi irratti akka himanitti ‘’ittisa jabaa fi gootummaa qabu uummata Yuukireen irraa argaa jirra, Uk’n meeshaa waraanaa fi dinagdeen isaan deeggaruu itti fufti,’’ jedhan.
Itti dabaluun Puutin ‘’imaammata dogogoraa hojjette’’ sababni isaa ammo qoqqobbiin Lixaa dinagdee Raashiyaa waan miidhuuf jedhan.
Waraanni kun waggootaaf kan itti fufu tahuu akka malu himan. ‘’Hatatamaan nan sodaadhe waan jettu miti, waraana kana nan sodaadhe kan jedhamus yoo tahe dhiiga akka malee kan dhangalaasu taha,’’ jedhan.
Waraanni kun dinagdee UK irrattis dhiibbaa akka qabu himanii garuu yoo Putin fuuldura hin dhaabbanne gatii inni nu kaffalsiisuu danda’u uummanni keenyas ni hubata jette.
Raashiyaan jila tokko Yuukireen waliin mari’achuuf gara Beelaarusitti ergiteetti. Pirezidaantiin Yuukireen Zeleniskiin garuu mariif qophii tahuu himanii Beelaaris magaalaa Miniskitti garuu hin mari’annu jedhan.
Sababni isaa ammo Raashiyaan karaa daangaa Beelaarus seenuun Yuukireenin weeraruu ishee akka sababaatti kaa’an.
Magaalotni akka kiyeev ammallee misaa’ela jajjabaan rukutamaa jiru. Waraanichi itti fufee jira.













