Weerara Yuukireen: Biyyootni hedduun xiyyaarotni Raashiyaa qilleensa isaanii irra akka hin balaliine dhorkan

Xiyyaara Aeroflot Mooskootti

Madda suuraa, Reuters

Biyyootni Awurooppaa hedduun daandii qilleensaa isaanii balalii xiyyaarota Raashiyaa jalaa cufan. Mooskoon weerara Yuukireen irratti raawwatteen dhiibbaa cimaa keessa galaa jirti.

Estooniyaa, Laatviyaa, Islooveniyaa fi Roomaaniyaan Sanbata kaleessaa balalii Raashiyaa irraa dhufu akka dhorkan himan.

Bulgaariyaa, Poolaandii fi Cheek Rippaabiliki akkasuma xiyyaarotni raashiyaa qilleensa isaanii irra akka hin balaliine dhorkinaan Raashiyaanis balalii biyyoota kanneen irraa tahu gara biyyashee akka hin galleef dhorkiteetti.

Akkasuma xiyyaarotni Raashiyaa daandii qilleensa UK galuu hin danda'an.

Ministirri Muummee Estooniyaa, Kaajaa Kaalaas biyyootni Gamtaa Awurooppaa kaanis dhorkaa wal fakkaataa akka fudhataniis waamicha godhaniiruuf.

''Samii biyyoota dimokiraatotaa irra bakki xiyyaarota mootummaa abbaa irreef hin jiru'' jechuun fuula Tiwiitera isaanii irratti barreessan.

Ministirri Muummee Estooniyaa Jaanez Jansaa dubbii Kaalas kana fudhachun ''Islooveniyaanis waanuma kana raawwatti'' jechuun tiwiit [Tiwiitera isaanii irratti maxxansan] godhan.

Ministerrii Geejibaa Laativiyaa Taalis Linkaatis akkasuma Tiwiitera irratti ''Laatviyaan daandii qilleensaa ishee xiyyaarota daldalaa Raashiyaa jalaa ni cufti'' jedhan.

Murtoon kunis wal gahii kaabinee isaanii itti aanu irratti akka murtaa'u himan. Dhorkaan xiyyaarota Raashiyaa irratti darbe kun Baha Awurooppaa keessa imaluuf karaa biraa naannahaa akka oolan godha.

Balaliin xiyyaara Aeroflot tokko gaafa Sanbataa Moskoo irraa ka'ee gara Buudaapest imaluuf sa'a duraan fudhatu irratti daqiiqaa 75 dabalataan balal'eeti gahe.

Marsariitiin balalii hordofuuf gargaaru 'flight radar24 jedhamu balaichi sarara qilleensa Poolaand irra hin darbine.

Balaliin xiyyaarota daldalaa kaanis sababa weerara Yuukireeniin daandii qilleensaa Yuukireen, Moldoovaa fi Beelaarus irraa dhorkamaniiru.

Ameerikaa irraa ammoo Daandiin Qilleensaa Deeltaa jedhamu waliigaltee ragaa walii qooduu Daandi Xiyyaara raashiraa Aeroflot waliin qabu akka adda kutu hime.

UK'n qilleensa ishee xiyyaarora Raashiyaa akka Aeroflot fi xiyyaarota dhuunfaa dhorkinaan, Moskoonis tarkaanfii wal fakkaataa xiyyaarota Biriiteen irratti fudhatte.

Virjin Atilaantik xiyyaarota Raashiyaa dhorkuun kun balalii UK, Indiyaa fi Paakistan gidduu godhan irratti daqiiqaa 15 hanga sa'a tokkoo itti dabala.