Kora Raashiyaa - Afrikaa: MM Abiy Ahimad Pirezidant Putiin waliin mari'atan

Madda suuraa, Getty Images
Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad Kora Raashiyaa-Afrikaa irratti hirmaataa jiran Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimiir Putiin waliin mari'atan.
Korri Raashiyaan hariiroo biyyoota Afrikaa waliin qabdu cimsuuf itti dhimma baati jedhame kanarratti ammatti dureewwan biyyoota Afrikaa 17 dhaqqabuun isaanii ibsameera.
Korri kuni Kamisa har'aa magaalaa Seent Piitarsibargitti eegaleera.
Pirezidant Putiin yaa'ii kana irratti ji'oota muraasa dhufanitti biyyoota Afrikaa jahaaf midhaan tolaan akka dhiheessuuf jiran ibsaniiru.
Dabalataan, biyyoota miseensota G-20 jedhaman irratti Afrikaan miseensa akka taatu akka fedhan ibsaniiru.
Marii kana dura marii dureewwan lamaan taasisaniin dhimma daldalaa, hariiroo waloofi idil-addunyaarratti mari'ataniiru.
Affeerraa taasifameen bulchaan Itoophiyaa gara Raashiyaa imaluu isaanii kan galateeffatan Pirezidant Putiin, biyyoonni lamaan hariiroo dheeraa qabaachuu eeran.
''Itoophiyaan Afrikaa keessatti biyya jalqabaa hariiroo dippilomasii waliin eegaltedha. Kuni waggoota 125 dura raawwate,'' jedhan Putiin.
MM Abiy Ahimad gama isaaniin ''simannaa ho'aa'' taasifameef galateeffatanii daawwannaan kuni akka hariiroo biyyoota lamaanii cimsu abdii isaanii ibsan.
''Seenaa dheeraa waliin qabna. Rakkoo waliin keessa baane. Daawwannaan kuni, akka yaada kiyyaatti, hariiroo keenya ni cimsa,,'' jedhan MM Abiy.
Yeroo waraana Kaaba Itoophiyaa wixineen seeraa Itoophiyaa qeequ akka hin baane biyyoota mormaa turan keessaa tokko biyya sagaleen mo'u kan qabdu Raashiyaadha.
MM Abiy gara Raashiyaa imaluun dura Pirezidantii Yukireen Zeleniskii kan Raashiyaa waliin waraanarra jiran waliin marii gaggeessanii turan.
Yeroo Pirezidant Putiin waliin wal argan dhimma waraana Yukireen waliin adeemaa ture kaasuun isaanii hin beekamu.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Pirezidant Putiin hariiroon daldalaa biyyoota lamaanii xiqqaachuu eeran.
Waajjirri dhimma daldalaa hordofu baatii darbe Finfinneetti hundaa'u isaa kan eeran Putiin, kunis hariiroo daldalaa laaffate jedhan akka fooyyessu abdii qaban ibsan.
Dhimmoota dureewwan lamaan mari'atanii mallatteessuuf jedhan keessa imala qilleensaa, roodmaappii wal ta'iinsa annisaa niwkilaraafi kaan eeran.
Biyyoota lammiileen Itoophiyaa bal'inaan barnoota isaanii keessatti hordofan keessaa tokko Raashiyaadha.
Bara barnootaa 2023-2024 hammi barattoota Itoophiyaa irraa simachuun bajata ofiin Raashiyaan barsiistu ''dachaa sadii ol'' guddisuu Pirezidant Putiin ibsuu waajjirri isaanii beeksiseera.
MM Abiyyiifi Pirezidant Puutin Kora Raashiyaa-Afrikaa jalqabaa wagga afur gaggeeffamee turerrattis wal arganii dhimmoota hariiroo seena-qabeessa biyyoota lamaaniifi ardii Afrikaa ilaallaturratti mariyatanii turan.
Marii kana irratti hirmaachuuf Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqiillee imalaniiru.
Pirezidant Isaayyaas Caamsaa darbe Raashiyaatti daawwannaa guyyaa afurii taasisanii Pirezidant Puutin waliin mariyatanii akka turan ni yaadatama.
Biyyoota lixaa waliinhariiroo gaarii ta’e kan hin qabne Ertiraan, Raashiyaa waliin dhimmoota gara garaa irratti wal tumsuufi waliin hojjechuuf fedhii kan qabdu yoo ta’u, hariiroon biyyoota lamaan gidduu jiru cimaa dhufeera.
Kaayyoon Kora Raashiyaa-Afrikaa ijoo maal?
Korri Raashiyaa - Afrikaa kan Raashiyaan dhiibbaa biyyoota lixaa irraa isheerra gahaa jiru dandamachuuf biyyoota Afrikaa of duukaa hiriirsuu yaalti jedhame Kamisa jalqabama.
Kora lammeessoo magaalaa Raashiyaa, Seent Piitarsibarg keessatti gaggeeffama jedhame kanarratti bakka bu'oonni biyyoota Afrikaa 50 ni argamu jedhamee eegama.
Kanneen keesaa walakkaa kan ta'aan gaggeessitoota biyyasaaniitiin bakka bu'u.
Kora baranaa irratti hirmaatuun isaanii ammatti ibsamuu baatus MM Itoophiyaa Abiy Ahimad yaa'ii jalqabaa bara 2019 taa'ameerratti hirmaataniiru.
Kora baranaa irratti dhimmi midhaaniifi xaa'oo ajandaa dubbii ta'u jedhamanii kanneen eegaman keessaati.
Mariin kuni torban darbe Raashiyaan waliigaltee midhaan Yukireen gabaatti dhiheessuu keessaa baatee ofiin midhaan Afrikaaf akka dhiheessitu erga ibsitee booda gaggeeffama.
Koreen kora kana qopheessaa jiru hanga ammaatti dureewwan biyyoota Afrikaa 50 walga'icharratti akka argaman mirkaneessaniiru jedheera.
Waraana Raashiyaafi Yukireen gidduu adeemaa jiruun kan miidhamaniifi lamatti kan hiraman biyyoonni Afrikaa, dhimma nageenyaas ni kaasu jedhamee eegama.
Pirezidantiin Yugaandaa Yuweerii Museeveenii fi Pirezidantii Afrikaa Kibbaa Siriil Raamaafoosaan akka hirmaatan ifatti beeksisaniiru.
Pirezidantiin Raashiyaa Vilaadmiir Putiin walga'ii guyyoota lamaaf tura jedhame kanarratti gaggeessitoota biyyoota Afrikaa garagaraa waliin dhuunfaatti wal arganii akka mari'atan eegama.
Korri Raashiyaa-Afrikaa jalqabaa bara 2019 Raashiyaa magaalaa Sochiitti kan gaggeeffame yoo ta'u, isa lamaffaa Finfinneetti gochuuf karoorri qabamee ture.
Marsariitiin waa'ee kora kanaa ifatti baname walga'ichi "hariiroo Raashiyaa-Afrikaa gidduu jiruuf taatee sadarkaa olaanaatti gaggeeffamudha," jechuun ibseera.
Kora Raashiyaa-Afrikaa jalqabaa bara 2019 gaggeeffame irratti Pirezidant Vilaadmiir Putiin biyyisaanii sochii daldalaa Afrikaa waliin qabdu dachaan dabaluuf waadaa seenanii turan.
Haata'u malee, sochiin daldalaa Raashiyaafi Afrikaa gidduu jiru bakkuma waggaa shan dura turerra dhaabbatee hafe.
Dabalataanis, sochiin daldalaa Raashiyaan biyyoota Afrikaa waliin qabdu gahee olaanaa biyyoota qabatan akka Masiriifi Afrikaa Kibbaa qofa keessatti daangeffamee hafeera.
Kana malees, gargaarsi namoomaa Mooskoon ardii Afrikaatiif dhiyeessitu kan Waashingitan waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu hanga kanas miti.
Ajandaawwan marii kanaa
Kora Raashiyaa-Afrikaa kanarratti daldala meeshaa waraanaatii hanga dhiyeessii midhaan dheedhiitti ajandaan marii qabamaniiru.
Torban dura Raashiyaan waliigaltee daldala midhaan dheedhii Yukireen 'Bilaak Sii' jedhamuun keessaa ba'uun ishee ibsamee ture.
Jaarsummaa Mootummoota Gamtoomaniitiin gaggeefameen waliigalteerra akka ga'ametti Yukireen midhaan dheedhii ulaa galaanaasheerraan gara biyyoota harka-qalleeyyiitti akka ergitu dandeessisee ture.
Raashiyaan waliigaltee kana keessaa baheera erga jetteen booda carraan midhaan biyyoota Afrikaa harka-qalleeyyii ta'aniif bilisaan ykn gatii rakasaan ittiin ergituuf jiraachuu eertee turte.
Barreessaan Olaanaa Mootummoota Gamtoomani Antooniyoo Gutereez Raashiyaan akka waliigaltichatti deebituuf gaafataniiru.

Madda suuraa, Getty Images
Dhiyeessii midhaan dheedhiitiin alatti ajandaan walga'iin biraa dhiyeessii xaa'oo akka ta'u, ministeera dhimma alaa Raashiyaa keessatti aanga'aa olaanaa kan ta'an Oleeg Ozeroov gaazexeessitootatti himaniiru.
Sagantaan marsariitii korichaa irratti bahe akka agarsiisutti, gaggeessitoonni kora guyyaa lama tura jedhame kanarratti dhimmoota akka nageenya, saayinsiifi tekinoloojii, dhiyeessa namoomaa irratti mariyatu.
'Giddu-seentummaa Ameerikaa'
Kun osoo kanaan jiruu Moskoon biyyoota Afrikaa waliin akka hin mariyanneef hoggantoonni US dureewwan Afrikaa sossobaa jiru jette.
Dubbi himaan Kireemiliin Dimiitirii Peskoov Kibxata gaazexeessitootatti yeroo dubbatanitti, warri lixaa biyyoonni Afrikaa kora Raashiyaa-Afrikaa irratti akka hin argamneef waan danda'an gochaa jiru jechuun himatan.
Dhimma kana irratti Ministeerri Dhimma Alaa Ameerikaa, "hariiroo Afrikaan biyyoota biroo waliin qabdu daangessuu hin feenu.
''Biyyoonni Afrikaa filannoo akka qabaatan barbaanna," jedhee ture.
Faallaa kanaan ammoo olaantummaa Chaayinaafi Raashiyaan ardii Afrikaa irratti argachuuf kufanii ka'aa jiran kan ishee yaaddesse Ameerikaan, waggaa kana Kora Gaggeessitoota US-Afrikaa Waashingitan DC'tti adeemsistee turte.
Ameerikaan ala Turkiifi biyyoonni kaanillee biyyoota Afrikaa waliin hariiroo jabeessuu waan barbaadaniif kora qopheessu.












