Sababoota shan addunyaan waa'ee fonqolcha Niijeer akka yaaddoftu taasisan

Deeggartoonni humna waraanaa giddugala magaalaa Niyaamiitti hiriira ba'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Deeggartoonni humna waraanaa giddugala magaalaa Niyaamiitti hiriira ba'an

Fonqolchi mootummaa Niijeer keessatti gaggeeffame biyyoota ollaatti yaaddoo uumeera, daafoon fonqolcha kanaa biyyoota Saahel keessatti daddaaqama uumeera.

Naannoon Saahel jedhamu lafa Afrikaa galaanaa Atlaantikii qabatee hanga galaanaa Diimaatti fulla'uudha.

Biyyoota Afrikaa naannawa kana keessatti argaman keessaa kanaan dura fonqolchi Maalii fi Burkina Faasoo keessatti raawwateera, amma dabareen kan Niijeer.

Haalli Niijeer keessaa kun garuu yaaddoo kan uume biyyoota Afrikaa qofatti miti, dhiibbaansaa addunyaa walga'eera.

Sababoota fonqolchi maalii akka addunyaa yaaddessu taasisan keessaa shan kunooti.

Loote-seentummaa heddummaate

Biyyoota Saahel keessaa biyyi qaanqeen dimokiraasii keessatti mul'ataa ture Niijeer qofa.

Kanarraa ka'uun warri lixaa birqabaan biyya tasgabbooftuudha jedhanii abdataa turan.

Naannawa haleellaa fi hookkarri itti heddummaatu keessatti Niijeer tasgabbii fi bulchiinsa fooyya'aa qabaachuusheef warri lixaa deeggaraa turan.

Amma garuu humni waraanaa aangoo qabateera, biyyattiinis tasgabbiirraa hookkaratti seenteetti.

Humnoonni waraanaa US fi Firaansi Niijeer buufatanii achirraa garee hidhattoota Bokoo Haraam fi ISIS lolu.

Haala amma jiruun ergamni biyyoota kunneenii ni danqama.

Fonqolchi Maalii fi Burkina Faasoo keessatti raawwate haleellaa finxaaleyyiif karaa saaqe.

Niijeeris carraan kun akka mudatu sodaatama.

Fonqolchi deddeebi'ee mudata

Niijeer keessatti fonqolchi mootummaa gaggeeffame jechuun, kallattii lixaan Maalii irraa eegalee hanga qarqara bahaa- Sudaanitti biyyoonni Afrikaa jiran bulchiinsa humna waraanaa jala jiru jechuudha.

Bulchiinsi abbaa irrummaa naannawa Saahel keessatti dagaagaa jiru guddina dimokiraasii boodatti kan deebisuudha.

Fonqolchi Niijeer aadaa humna waraanaan aangoo qabachuu naannawa Saahel keessatti eegalame daranuu cimsa.

Jaarmiyaan biyyoota lixa Afrikaa- Ecowas, yaadoo kanarraa ka'uun juntaa Niijeer irra qoqqobbii kaa'e.

Pireezidant Bazuum aangoosaaniitti hin deebi'an taanaan humna akka fayyadamus ibse.

Murteen Ecowas kun US, Gamtaa Awurooppaa fi Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniin deeggarameera.

Dhiibbaan Raashiyaa dabaluu

Maalii fi Burkina Faasoo keessatti humni waraanaa fonqolchaan erga aangoo qabatanii booda Raashiyaatti baayyee michooman.

Humni waraanaa Niijeeris yaadisaa garuma kana akka jiru wantoota erga aangoo qabatee raawwataa jirurraa hubatameera.

Garuu fonqolcha Niijeer keessaa Raashiyaan harka qabaachuu ragaan mul'isu hin jiru.

Inumaa dubbi himaan Raashiyaa, pireezidant Bazuum akka gadhiifamanii fi rakkoon mudate nagaan akka furamu waamicha dhiheessaniiru.

Rogeeyyiin Raashiyaa deeggaruun yaada kennan ammoo olaantummaa humni waaraanaa Niijeer argate jajaa turan.

Deeggartoonni fonqolcha kanaa wayita hiriira ba'an alaabaa Raashiyaa mirmirsaa turan, akkasumas koloneeffattuu isaanii duraanii Firaansi abaaraa turan.

Gareen mindeeffamee Raashiyaaf hojjetu- Waaginar Niijeer keessatti miseensotasaa bobbaasuu danda'a sodaan jedhu jira.

Niijeer akkuma biyyoota olaashee Raashiyaatti yoo michoomte, keessattuu garee Waaginaritti yoo hidhatte, haleellaa fi hookkarri naannawa kanatti guddoo hammaata.

Kun ammoo dhiittaa mirga namoomaa hammeessa, albuudi dachee Afrikaa garmalee akka saamamu daandii saaqa.

Saamicha Yureeniyemii

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Albuuda yureeniyemii addunyaan qabdu keessaa Niijeer dhibbeentaa shan qooddatti.

Albuudi sibiilaa carallaa gadhiisuun humna baasu kun anniisaa nwukilaraa maddisiisuuf fayyada.

Dhaabbati Niwukilaraa Gamtaa Awurooppaa- Euratom jedhamu Niijeer albuuda yureeniyemii gara biyyoota Awurooppaa erguun sadarkaa lammaffaarra jirti.

Kana malees Firaansi qabeenya yureeniyemii ishee keessaa harka 15 Niijeer irraa argatti.

Eutom akka jedhutti Niijeer yureeniyemii dhiyeessuu yoo dhaabdes dhiibbaa hatattamaa misooma anniisaa niwukilaraa Awurooppaa irra ga'u hin jiraatu.

Sababni isaa kuusaan yureeniyemii waggoota sadan dhufaniif tajaajila jira waan ta'eef jedhe.

Ecowas fi warri lixaa albuudi akkaan qaalii fi barbaadamaa ta'e kun harka nama hin taanee akka hin galle sodaatu.

Albuudi misooma hawaasaa fi galtee humna waraanaaf oolu kun, biyya hidhattoonni garee Islaamaa ofiin jedhanii fi gareen Waaginar keessatti babal'ataa jiru keessatti wabii tokkollee hin qabu jedhan.

Rakkoo fi gidiraa godaansaa

Mootummaan Pireezidanti Bazuum biyyoota Awurooppaa tumsuun godaantonni galaana Meeditiraaniyaanii akka hin ceene hojjechaa ture.

Godaantota kumaatamaan manneen hidhaa Liibiyaa keessatti gidirfamaa jiran ofitti fudhachuufis waliigalee ture.

Godaantonni biyyoota lixa Afrikaarraa ka'anii karaa kaaba ardittii gara biyyoota Awurooppaa ce'an Niijeer keessa darbu.

Mootummaan Niijeer dallaalonni namoota seeraan ala akka godaansifne cichee hojjechaa ture.

Kutannoon bulchiinsa Pireezidant Bazuum kun bulchiinsa juuntaa jalatti gaaffii keessa galeera.

Keessattuu erga biyyoonni Awurooppaa kanneen akka Firaansi fi UK deeggarsa Niijeer irraa dhaabuu ibsanii dhimmi godaantotaa yaadoo guddaa ta'eera.

Haalli kun godaantonni hedduun gara Awurooppaa akka imalan karaa bana.