Yugaandaan seera farra jaalattoota saala wal-fakkaataa waan raggaasifteef Baankiin Addunyaa liqii dhorkate

Yuweerii Museveenii

Madda suuraa, EPA

Pirezidaantin Yugaandaa Yuweerii Museveeniin Baankiin Addunyaa seera farra jaalattoota saala wal-fakkaataa raggaasifneef dhiibbaa nurratti uumuu barbaada jechuun komatan.

Baankin Addunyaa seerri farra jaalattoota saala wal-fakkaataa Yugaandan raggaasifte mirga namaa kan dhiibudha jechuuni biyyattiin liqii haaraa akka hin arganne kan godhe.

Garuu pirezidaantiin Yugaandaa ergaa fuula Tiwitaraa gubbaatti barreessaniin dhaabbatichi maallaqasaatti fayyadamee dhiibbaa akka irratti godhu ibsan.

"Liqaan argames dhiises Yugaandan inuma guddatti," jedhan Yuweerii Museveenin.

Dabaluunis, "Warri liqii kennan mallaqa fayyadamuun amantii, aadaa, duudhaa, qajeeltoofi birmadummaa keenya akka mulqinuuf dhiibbaa nurratti gochuunsaanii nama gaddisiisa" jedhan.

"Dhugumatti guutummaa Afrikaa tuffatan [biyyoonni Lixaa]. Rakkoo hawaasa keenya keessa jiru akkamitti akka furan eenyurraayyuu dhiibban akka nurratti taasifamu hin barbaannu..." jedhan dabaluun.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Yugaandan liqii haaraa akka hin arganne Baankii Addunyaa beeksisus pirezidaantin biyyattii rakkoo kana furuuf dhaabbaticha wajjin mariin itti fufuu himan.

Pirezidaantiin Yugaandaa Yuweerii Museveniin ji'a Caamsaa keessa seera jaalattoota saala wal-fakkaataa yakkamaa taasisu raggaasisanii turan.

Kanarraa ka'uun dhaabbilee mirga namoomafi biyyoota Lixaarraa komiin irratti ka'ee ture.

Akka labsii farra jaalattoota saala wal-fakkaataa Yugaandan raggaasifteetti adabbii hidhaa waggaa 20 hanga du'aatti kan adabsiisudha. Jaalattoota saala wal-fakkaataa ta'uu qofa osoo hin taane yaada kana leellisuufi jajjabeessunis nama adabsiisa.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii (UN), US dabalatee biyyoonnifi dhaabbileen garaa garaa murtee Yugaandaa kana balaaleffataniiru.

Yugaandan gamasheen ilaalchi jaalattoota saala wal-fakkaataa waan faallaa duudhaa, aadafi eenyummaa hawaasa biyyattii ta'eedha jechuun murteesheetti cichiti.

Murtoo Yugaandaa kana hordofuun US qoqqobbii irra keessee turte. Ammammoo Baankin Addunyaa itti dabalamuun Yugaandan liqii haaraa akka hin arganne murteessee jira.