Namichi Joo Baayidan ajjeesu malee jedhee dhaadate poolisiin ajjeefame

Isteeta Yuutaa

Madda suuraa, Google

Namichi pirezidaantii Ameerikaa Joo Baayidaniifi qondaalota mootummaa biroo ajjeesuf dhaadate sakattaa poolisiin FBI gaggeessen ajjeefame.

Namichi doorsisa ajjeechaan aanga'oota olaanoo mootummaa Ameerikaatti dhaadatee yaaddoo uume kun, Roobii, Hagayya 9 sakattaa manasaatti gaggeeffameen osoo nama hin ajjeesin ajjeeffame.

Pirezidaant Joo Baayidan daawwannaa kutaa bulchiinsa Yuutatti taasisuuf karoorsan dura poolisoonni nama Kireeg Robarstisan mana isaa Yuutaatti argamuu qabuuf yaalaa turan.

Kireeg himannaa Donaald Tiraamp irratti dhiyaate hordofee fuula Facebook isaarratti Joo Baayidanitti dhaadatee barreessera himata jedhuuni to'annoo jala oolfamuuf kan ture.

Ajjeechaa nama kanaarratti FBI odeeffannoo dabalataa kennuurraa of-qusate.

Namni kun fuula Facebook isaarratti suura shugguxii dhoobun pirezidaant Joo Baayidaniifi abbaa alangaa dhimma himata Doonald Tiraamp irratti dhiyaate hordofu, Alviin Biraag, ajjeesuu akka barbaadu barreessera akka poolisiin jedhutti.

Dabalataanis Kireeg Robartisan abbaa alangaa walii galaa US Meerik Gaarland fi abbaa alangaa walii galaa Niwu Yoork Latishiyaa Jeems irrattis haleellaa akka raawwatu barreesera himannaan jedhus jira.

Kireeg akkas jechuun fuula Faceboook isaarratti barreesse: "Baayidan gara Yuutaa akka dhufu dhagaheera. Isnaayipparii koo M24 bakkan awwaalee baasee awwaarasaa qulqulleessan jira."

Namni kun fuula Facebook lama kan qabu yoo ta'u ergaawwaniifi suurawwan sodaachisuu baay'ee maxxanse jechuun poolisiin himate.

Bara kana ji'a Bitootessaa kaasee Kireeg Robaartisan ergaawwan akeekkachiisaa garaa garaa barreessaa akka turetu himama.

Osoo hin ajjeefamin guyyaa tokko dura gaafa Kibxataa, "Baayidan inni Maarkisistii ta'e isnaayippariin gaafa ajjeefamu, torban kana Yuutan beekamtii argatti" jechuun barreesse.

Pirezidant Baayidan erga angotti dhufanii as har'a Hagayya 10 yeroo jalqabaaf Yuutatti daawwannaa taasisu.