Dubartoota addunyaa irratti 'hunda caalaa miidhagan' jedhaman 10

Madda suuraa, Getty Images
Addunyaa kanarratti dubartoota hunda caalaa mimmiidhagoodha jedhaman 10 eenyu akka ta'an yaaddanii beektuu?
Dubartoota bara 2023 keessa mimmidhagoodha jedhamanii filataman 10 barreeffama kanaan isinitti himna.
Miidhagina yeroo jedhamu ammoo callisee qaamaafi irra keessaan qofa osoo hin taane, ciminaafi dandeettii qaban, milkaa'ina hojii itti bobba'an keessatti argamsiisanii; gufuufi danqaa jireenya keessatti isaan mudatu mo'atanii darbuun isaaniis ulaagaa miidhaginaati.
Dubartoonni kunneen sammuunillee bilchaatoo, kameettii kan ta'an, beekumsaanis kan sammuu ofii gabbifatanidha.
Miidhagina qaamaa qofaan osoo hin taane, sammuu qaroo qabaachuu, cimaniii hojjechuu, nama kabajuu, safuu eeguufi ogummaa gaarii qabaniinis ilaalamaniiru.
Yeroo hunda kennaa isaanii gabbifachaa, hariiroo gaarii nama waliin qabaachaa, qaamaafi qalbii ofii isaanii eeggachuunis ulaagaa dubartoonni kunneen ittiin ilaalaman keessaati.
1: Joodii Koomer

Madda suuraa, Getty Images
Dubartoota mimmiidhagoo 10 keessaa tokko Joodii Koomer kan jedhamtudha. Dubartiin kun Yunaayitid Kingidam, Liiverpuul keessatti bara 1993 kan dhalatte yoo ta'u taatoo fiilmii taatee hojjechuun gurra guddaa horatte.
Bara 2008 irraa kaastee fiilmiiwwan hedduu keessatti hirmaatte, badhaasawwan hedduus argatteetti.
Akka sadarkaa barruun awbi.org baasetti Joodii Koomer sadarkaa tokkoffaa qabatteetti.
2. Ariyaanaa Giraandey

Madda suuraa, Getty Images
Maqaan ishee guutuun Ariyaanaa Giraanday-Buteera jedhama. Sirbituufi taatoo Ameerikaa beekamtii guddaa qabdudha.
Ariyaanaan dandeettiifi kennaa addaa akka qabdu himamaaf. Dubartoota mimmidhagoo addunyaarratti hunda caalu jedhamanii bara 2023 keessa filaman keessaa sadarkaa lamaffaa qabatteetti.
Ariyaanan umuriin ishee waggaa 30 yoo taatu, Waxabajji 26, bara 1993 dhalatte.
Hojii isheetiin akaakuuwwan badhaasaa hedduu mo'atteetti. Isaan keessaaBadhaasa Giraamii lama, Badhaasa Muuzik Biilboord lama, Badhaasa Baambii tokko Badhaasa Biriit tokkoofi badhaasawwan biroo 30 guurratteetti.
Dubartiin kun kana malees Guinness World Records fi galmeewwan beekamtii namaaf kennan biroorratti galmoofteetti. and others.
3. Zendaayaa

Madda suuraa, Getty Images
Maqaan ittiin ogummaashee keessatti beekamtu Zendaayaa jedhama. Maqaan guutuu ammoo Zendaya Maree Stoermer Coleman jedhama.
Weellisuu, shubbisuufi taatoo beekamtuudha. Lammummaan ishee ammoo Ameerikaadha.
Umuriin ishee reefuu waggaa 26 yoo ta'u, dubartoota 100 addunyaarratti dhiibbaaa uuman Barruun Taayims baas keessaas tokko taateetti.
Fiilmiiwwan Spider-Man walitti fufinsaan dhiyaatan keessatti gahee qabduun addatti beekamti.
Zendaayaan badhaasawwan gurguddoo akka Golden Globe Award tokkoofi Primetime Emmy Awards lama mo'atteetti.
Miidhaginaafi dandeettii qabdu kanaanis dubartoota 10 hunda caalan bara 2023 keessaa sadarkaa sadaffaa qabatteetti.
4: Biyoonsee

Madda suuraa, Getty Images
Biyoonseen maqaa guutuu addunyaarratti ittiin beekamtudha. Maqaan ishee guutuun ammoo Beyoncé Giselle Knowles-Carter jedhama.
weellistuufi shubbistuu Ameerkaa gurra guddaa qabdudha. Walleefi shubbsaan alattis, taatoofi piroduusaraan ni beekamti.
Dubartoota mimmiidhagoo addnyaa bara kanaa 10 keessaas tokko taateetti.
Yeroo ammaa umuriin ishee waggaa 41, yoo ta'u sirriitti waan of qabattuufi of kunuunsituuf umuriin ishee xiqqaa fakkaata.
Haadha ijoollee afurii kan taate Biyoonseen, dubartoota labata kana keessa milkaa'an keessaati.
Dhaloota kana keessattis sagaleefi shubbisa addaatiin beekamti.
5. Beellaa Hadiid

Madda suuraa, Getty Images
Beellaa Hadiid moodelistt Ameerikaa baayyee beekamtuudha. Maqaan ishee guutuun Isabellaa Khairiah Hadiid jedhama.
Obboleettiishee Jiijii Hadiid jedhamtu waliin gaara milkaa'inaa gubbaa koraniiru.
Agarsiisawwan moodeliifi miidhaginaa gurguddaa idil-addunyaa 29 irratti dhiyaatteetti. Bara 2022 ammoo Moodelistii waggaa sanaa ta'uun British Fashion Council ishee filatee ture.
Akkuma Zendaayaa Barruun Taayims dubartoota 100 addunyaarratti dhiibbaa uuman keessaa tokko godhee filateera.
Ammas dubartoota mimmiidhagoo 10 keessaa tokko taateetti.
6. Deeppikaa Paadukon

Madda suuraa, Getty Images
Deppikaa Paadukon dhalattoo Indiyaa yoo taatu, taatoo fiilmii beekamtuudha. Dubartiin Indiyaa kun addatti fiilmiiwwan Hindii keessattibaayyee beekamti. Fiilmii Idiyaa irra dabartees dhaabbata fiilmii Ameerikaa Holiiwuud waliinis hojjeteetti.
Deppikaan Indiyaa keessatti taatoo nama kamiiniyyu ol kaffalamuufidha. Hojiishee keessatti addunyaa gara Idiyaatti fiduu kan jedhu kaayyoo godhattee hojjechuun beekamti; ittis milkoofteetti.
Bara 2018 keessa ammoo Barruun Taayims dubartoota 100 addunyaa irratti dhiibbaa uumuun beekaman keessaa tokko godhee filatee ture.
Deppikaan umuriin ishee waggaa 36 yoo ta'u, badhaasawwan addunyaa gurguddoos argatteetti.
Amma ammoo dubartoota mimmiidhagoo addunyaa 10 keessaa tokkodha.
7. Tayilar Siwiift

Madda suuraa, Getty Images
Taaylor Iswiift haalaafi amalaan, akkasumas dandeettii cimaa qabduun beekamti. Hojiiwwan akka wallee, piroduusarummaa, barreessuufi daarektingiitiin hedduu milkoofteetti.
Hojiitti jabduu ta'uusheerraa kan ka'een qabeenyaa guddaas horatteetti.
Ammas dubaroota mimmiidhaguu addunyaa kanaa 10 keessaa tokko taateetti. Sirboota isheen barreessitu ammoo adda ishee taasisa.
Taaylor badhaas hedduus mo'atteetti.
8. Kiim Kardaashiyaan

Madda suuraa, Getty Images
Kiim Kaardaashiyaan dubartii miidhaginaanis, qabeenyaanis milkooftedha. Kiim Kaardaashiyaan moodelistii ta'uunis maqaa garii horatteetti.
Kiim qabeenya dolaara miliyoona 120 kan ta'u qabdi.
Ammasdubartoota mimmiidhagoo addunyaa kanaa 10 keessaa tokkodha.
Dubartiin umuriin ishee waggaa 42 ta'e kun badhaasawwan hedduus guurratteetti. Isaan keessaa Glamor Business Award, a Model Award, a CFDA Award fi MTV Movie Award kan eermanidha.
9. Joordan Duun

Madda suuraa, Getty Images
Maqaan ishee guutuun Joordan Sherise Duun jedhama. Moodelistii Biriitish kan taate dubartiin kun dandeettiifi kennaa adda addaatiinis ni beekamti.
Dubartoota gur'aacha ta'aniifi sabboonummaa isaaniin beekaman keessaas ishee tokkodha. Moodelistii warra gur'acha ta'an keessaas kan maqaanshee adda durummaan ka'udha.
Ammas maqaanshee mimmidhagdoota addunyaa 10 keessaatti ka'eera.
10. Ho Yeon Jung

Madda suuraa, Getty Images
Kooriyaa Kibbaa keessatti taatoofi moodelistii baayyee beekamtudha. Ammas Kooriyaa Kibbaa keessa kan jiraattu. Maqaan ishee Ho Yeon Jung jedhama.
Hojiiwwan aartii biraa keessattis dandeettii qabdi.
Dubartiin umuriin ishee waggaa 41 kun hojii taatoofi moodeelummaa kanaanis badhaasa gara garaa mo'attiitti.
Amma ammoo dubartoota mimmiidhagoo addunyaa 10 keessaa tokko taateetti.












