'Maseena qircaa qallee warqee keessaa arganne' - Jiraataa Magaalaa Fiichee

Loon qalmaa guyyaa ayyaanaafi sagantaawwan biroof qalaman keessaa 'warqee' arganne kan jedhu dhimma irra deddeebiin dhagahamu ta'aa dhufeera.
Godina Shawaa Kaabaa magaalaa Fiicheetti hiriyootni sadii soomana Filsataaf qirca qalataniis sa'a maseena qalatan keessaa warqee' argachuu isaanii BBC'tti himaniiru.
Hiriyoota sadan sa’a tana bitatan keessaa tokko kan ta’an Obbo Ijaaraa Shifarraa, sa’a cirrachi kun keessaa argame guyyaa Sanbata Duraa gabaa loonii magaalaa Fiicheetii erga bitanii booda guyyuma sana qaluu himan.
Sa’a maseena tana birrii 23,500'n bituufi namoota biroo sagal itti barbaaduun nama 12f qircaa hirachuus dubbatan.
“Erga qallee raawwannee booda hadhooftuun gatamee ture. Boodarra hiriyaankoo Marideen ‘nan dhuga’ jedhee hadhooftuu sana bakka gatamee kaasee yeroo dhuguuf jedhu hadhooftuun itti guddate” jechuun BBC'tti himan.
“Sana boodas warqeen jiraachuu danda’a keessa isaa ilaali jenneen. Akkasumatti keessasaa yemmuu ilaalus warqeen keessaa bahe” jedhan.
Itti aansuunis wanta argatan kana suuraa kaasuun miidiyaa hawaasummaa Feesbuukii irratti maxxansan.
'Kana duras mudannoo nan qaba'
Obbo Maridee Xibabuu hiriyyoota sadeen waliin ta’uun sa'a qircaaf qalamte bitan keessaa tokko.
“Ani ilma jaarsaati” kan jedhan Obbo Marideen, hoolaanis ta’e sangaan yeroo qalamu hadhooftuu dhuguu amaleeffachuu isaanii himan.
“Qorraaf, dhukkuba asmiifis dabalataan dhukkuba kaleefis gaariidha jedhama.
''Sagalees ni qara jedhanii maanguddootni waan haasa’anif anis kanumaafin dhuga” jedhu.
Haaluma kanaanis hadhooftuu sa’a maseena qalanii yeroo dhuguuf jedhanitti waan addaa keessatti arguu himu.
“Yeroo baay’ee hadhooftuu waanan dhuguuf iddoo isaan gatanii barbaadee fuudhe. Hadhooftuun kun baay’inni isaa xiqqoo natti guddate.
''Achumaanis warqee kana keessaa argadhe. Argachuu kootiniis ni gammadne” jechuun haala ture himu.
“Biftisaa daammii ta’ee bifa warqee qaba. Harkaan yeroo qaqqabdu amala caccabuu qaba” jechuun BBC'tti himan.
Obbo Marideen, ammatti ulfaatinasaa kan hin safarsiisne ta’uufi tilmaamaan giraama 20 ol akka ta'u himaniiru.
Kanaan dura cirracha horii keessaa argamu kanaan walqabatee mudannoo akka qaban akkanaan himu.
''Kanaan dura yeroon gara Qaallittii turetti namootni nabiratti argatan turan. Chaayinootni qoricha garagaraaf ni ta’a jedhanii namicha sanarraa akka bitanis odeeffannoo nan qaba” jedhu.
Ammatti cirracha hadhooftuu sa’a keessaa argatan kana akkamiin qorichummaaf akka oolu kan hin beekne ta’uu kan himan Obbo Marideen, “gatii yoo nuuf baase gurgurachuuf fedhii qabna” jedhan.
Ogeessi fayyaa beeladaa maal jedhu?
Yunivarsiitii Arsiitti waa'ee dhibeewwan horiirraa gara namaatti daddarbanii kan qoratan Tumsaa Pirofeesar Bireesaaw Fardaa, gaaffiif deebii kanaan dura BBC waliin taasisaniin maalummaa cirraacha hadhooftuu kanaa himanii turan.
Cirrachi hadhooftuu horii keessaa baafamu kun ''ofiisaatii warqii miti,'' kan jedhan ogeessi kun, hawaasa keessatti garuu ‘'warqee'’ jedhamee akka beekamu dubbatan.
Qabiyyee cirraachi hadhooftuu kun of keessa qabu maal akka ta’e fayidaafi maaliif akka oolu qoratamuu qaba jedhan qorataan kuni.
Cirrachi hadhooftu akka warqeetti ifatti gatiin isaa barame gabaatti kan gurguramu otoo hin taane, faddaaltonni dhoksaan hawaasarra bitu.

Madda suuraa, Getty Images
Cirrachi hadhooftu kun horii naannoo gammoojjii - lafa margi gahaan hin jirre qorqan keessatti argama jedhan.
Cirracha hadhooftuu (calculus bovis) maali?
Akka 'National Library of Medicine' Ameerikaa jedhutti, cirrachi hadhooftuu Jaappaaniifi Chaayinaatti akka qoricha aadaa bineeldotarraa argamutti fudhatama.
Cirrachi haadhooftuu kun waggoota dheeraaf dhibee garaa garaa wal'aanuuf oolfamaa ture.
Odeeffannoon mana kitaaba biyyaalessaa wal'aansa fayyaa Ameerikaarra argame kun akka jedhutti, istirookii, gubaatii qaama cimaa dhukkubbirraa madde (fever) dabalatee dhibeewwan hedduu wal'aanuuf oola.
Waraqaan qorannoo barruu saayinsii 'Science Direct' jedhamurratti maxxanfame waanuma kanaan wal fakkaatu hima.
Barruun kun akka akeekutti, cirrachi hadhooftuu uumamaan argamu kun gatiin isaa qaaliidha, darbee darbee kan argamudha.

Madda suuraa, DENDASHO-KURT/ INSTAGRAM
Cirrachi uumamaan argamu kun sangoota 2000 ta'an keessaa tarii tokko keessatti argama.
Boca korboo ykn dhagaa guddaa qabaachu kan danda'u yoo ta'u, bifti irra keessoo isaa keelloo gara daammiitti dhiyaata ykn diima gara daammiitti dhiyaatu, salphaafi dafee kan cabuu ta'u mala.
Akka barruun kun jedhutti, cirrachi hadhooftuu horii keessaa argamu kun waggoota kumaataman lakkaa'amuf Chaayinaa keessatti dawaa aadaa, dhibeewwan sirna narvii wirtuu (central nervous system) wala'aanuuf oola.












