Waa'ee foon dheedhii soorannuu kan beekuu qabnuufi of eeggannoo gochuu qabnu

Itoophiyaa keessa yeroo ayyaanaa foon dheedhii nyaachuun waan barame

Madda suuraa, Dendasho-kurt/ Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Itoophiyaa keessa yeroo ayyaanaa foon dheedhii nyaachuun waan barame

Yeroo ayyaanaa maatiifi firrii akkasumas ollaan yeroo walgahe foon dheedhii, diimaafi cooma, soorachuun Itoophiyaa keessatti waan barameedha.

Biyyoonni addunyaa akkuma Itoophiyaatti foon dheedhiin itti nyaatamus jiru.

Itoophiyaa keessa gara caalu foon horii, kan hoolaa akkasumas kan re’eetu qocqocaa, mimmixa dhadhaan laaqame, mi'eessituu kaan waliin nyaatama.

Jireenyi qaala'ee gatiin horiis, gatiin fooniis dabalee jira. Taatullee jaalallis ta’e fedhiin namoota foon dheedhii sooratanii walumaan waan dabalaa jiru fakkaata.

Haaduu qarachuu dura garuu wanti ogeeyyiin osoo quba qabaanne gaariidha jedhanii gorsanitu jira.

Yunivarsiitii Finfinneetti gargaaraa piroofeesaraa Giddugala Saayinsii Soorataa fi Sirna Nyaataa kan ta'an Dr Qaal'aab Baayyee, foon dheedhii soorachuudhaan waan argannu akkuma jiru waan dhabnus jira jedhu.

‘‘Zayitiidhaan ibidda olaanaa keessatti yeroo waadamu toxicants (fayyaa kan miidhan) uumaman jiru. Gama kanaan yoo ilaalle gaafa dheedhii sooratamu kanaaf hin saaxilamnu.

''Gama kaaniin immoo, bilchaachuu dhabuu isaatiin nyaanni summaa’uu dabalatee rakkoon fayyaa nu mudachuu danda’a.''

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Dr Yihunee Ayyalaa, Yunivarsiitii Dillaatti barsiisaafi qorataa saayinsii nyaataafi sirna nyaataa (nutrition) dha.

Turtii waliin taasifne akka asiin gadii gaaffiifi deebiin dhiheessina.

Foon diimaa irraa maal arganna?

''Inni ijoo pirootinii irraa arganna. Inni lammataa faatii irraa arganna. Foon diimaa keessa albuuda ayiraniis arganna. Akkasumas albuudota kaan kan horiin sooratan foon keessaa arganna.’’

Foon diimaa baay’isuun miidhaa qabaa?

''Faayidaas miidhaas qabaachuu danda’a. Miidhaa isaa keessaa tokko foon ibiddi hin tuqne wantoota adda addaa dhukkuba nutti fidan - yoo horiin sun dhukkuba qaba ta’e - qabaachuu danda’a.

''Foon yeroo affeelamu garuu wantoonni dhukkuba nutti fidan baduu danda’u.

''Inni lammataa foon yeroo affeelamu haala salphaa ta’en akka daakamu akkasumas qaama keenyaan akka wal simu godha. Gama nageenya nyaataan foon osoo affeelamee nyaatame wayya.’’

Ogeessi kuni maddi foonichaa osoo beekamee akkasumas horiin qalaman kan qorataman osoo ta’anii gorfama jedhan.

Foon dheedhiin qofaan osoo hin taane gara caalu gareen sooratama. Afaan walii kaa'uunis waan barame

Madda suuraa, THE WASHINGTON POST

Ibsa waa'ee suuraa, Foon dheedhiin qofaan osoo hin taane gara caalu gareen sooratama. Afaan walii kaa'uunis waan barame

Foon horiifi kan hoolaa/re’ee keessaa kamtu wayya?

''Kan hoolaas ta’e re’ee hanga fayyaa qabaatetti osoo wal dorgomsiisne garaagarummaa hammanaa qaba jedhee hin yaadu.

''Wanti amma of eeggachuu qabnu ... Foon cooma guddaa waan qabuuf namni foon yeroo sooratu salphaatti annisaa olaanaa ofitti fudhata.

''Kunimmoo furdina gara gara garaa ruurressuu [borcii], akkasumas furdina dabaluu danda’a. Balaan guddaa isa kana.’’ 

Horii dheedaniifi bakka tokkotti tursiifamanii furdifaman keessaa foon kan warra olii gadi deemaa dheedan akka wayyu himu.

‘‘Gosi coomaa foon keessa argamu garagara. Hammi cooma kanaa horii furdiifaman irratti sirrii miti. Kollestirool waan fiduuf,‘‘ jechuun ibsu.

Koleestiroolin dhiiga keessa argama. Seelii ijaaruufis gargaara. Hammi isaa yoo baay’ate garuu dhukkuba onneef dabalatee ni saaxila.

''Foon horii filachuuf inni ijoo soorata isaaniiti,’’ jedhu.

Foon dheedhii waliin awaazee, mimmixa, qocqocaafi kaan akka mi'eessituutti dhihaata
Ibsa waa'ee suuraa, Foon dheedhii waliin awaazee, mimmixa, qocqocaafi kaan akka mi'eessituutti dhihaata

Cooma soorachuun ni gorfamaa?

''Rakkon coomaa annisaa hedduu wanta of keessaa qabuuf xiqqoo yeroo nyaannu gara ulfaatinaatti waan jijjiiruuf malee qaama keenyaaf barbaachisaadha.

''Hammi isaa hangami kan jedhu adda baasuu qabna. Osoo hammi isaa hin baay‘atiin coomni ni barbaachisa. Biyya keenyatti wanti rakkoo ta’e hamma qaamni fedhu ol cooma soorachuudha.

''Sirni nyaataa keenya keessumaa yeroo ayyaanaa daangaa kan dhabeefi dhukkubarra kan nama buusudha. Kuni sirratuu qaba.''

Yeroo ammaa manneen foonii magaalota keessa haalaan babal'ataa jiru.

Madda suuraa, Dendasho-kurt/ Instagram

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo ammaa manneen foonii magaalota keessa haalaan babal'ataa jiru.

Foon dheedhii soorachuun dhukkuba akkamiif nu saaxiluu danda’a?

''Maagaa, lafa DDT’n jiru kan dheedan yoo ta’e, soorata farra aramaa biifame kan sooratan yoo ta’e, aflatoxin yoo sooratanii jiraatan, cooma isaanii keessa kuufamee nutti darba.

''Foon affeelamuu kan qabu dhukkuboota karaa foon dheedhiin horiirraa gara namaa waan darbuu danda’aniifi.’’

Ogeeyyiin fayyaa horii yookiin hoolaafi re’ee qalamu baramuu akka qabu, qalma akkasumas nyaati yoo qophaa’u eegumsi cimaan akka taasifamu gorsu.

Kanaan ala nyaati guyyaa gammachuu nyaatan nagaa nama dhowwee gammachuu namarraa fudhata.