Waqtii ayyaanaa akka hin furdanne wantoota shanan kana gochuu qabdu

Madda suuraa, Getty Images
Waqtiin ayyaanna maatii, firootaafi michoota walitti kan fidudha. Guyyaa akkana kana kabajuuf walga’iiwwan akkanaa irratti nyaataafi dhugaatiin addaddaati qophaa'a..
Yeroo akkanaa, namoonni garii wantoota guyyaa guyyaadhaan hojjettu keessumaammoo dhimma nyaata madaalawaa hordofuun itti ulfaataa.
Kanarraa kan kaʼes, akkaataa jireenyaasaanii jijjiiruun ulfaatinni qaamasaanii jijjirama.
Akkasumas, yeroo akkanaa maatiifi hiriyoonni wanta isaaniif hin taane nyaatu. Kunis jireenyaa fayyaasaanii miidhuu danda’a.
Garuu, karoora fayyaa keessan osoo hin jeeqiin akkamiin waqtii ayyaanaa namoonni gammachuudhaan dabarsuu dandahu?
Waan hundaa dura, yoo ulfaatina qaama keessanii to’achuu barbaaddan nyaata daangessuu qabdanitu jira jedhu ogeettin nyaata madaalawaa Ayiriin Niduutaan.
“Amalawwan karoora keessaniin wal hin simne dhiisuu qabda,” jechuun gorsu.
Waqtii ayyaanaa akka garmalee hin furdanne, wantoota shanan kana hubadhaa.
1. Nyaata filadhaa, hunda hin nyaatinaa.
Ulfaatina qaamaa to’achuu irratti namoonni al tokko yookaan al lama dogongoruun akkaataa jireenyaa isaanii isa duriitti deebiʼu danda’u jedhu.
Kunis taanaan, yeroo baayʼee namoonni abdii kutachuun karoorasaani utuu galmaan hin geenye dhiisan.
Haata’u malee, duubaatti deebi’uu mannaa, nyaata madaalawaa irratti xiyyeeffachuu wayya.

Madda suuraa, Getty Images
2. Utuu hin baayʼisin nyaadhaa
Nyaata Kaarboohaayidireetii hirʼisuun gaariidha. Fayyaa keessan fooyyessuuf seera to’annaa nyaataa kan ‘harka sadii’ jedhamu hordofuu qabdu.
Kunis harka sadii pirootinii, harka sadii kuduraa fi harka sadii midhaan/ Kaarboohaayidreetiidha.
Kana galmaan ga’uuf, guyyaatti nyaata xinnoo soorachuu qabdu yookaan lagattanii sa’aatii sadeet booda soorachuu. Torbee keessa guyyoota lama somuunis gaariidha.
Amalli kunin dhukkuboota dulluma wajjiin wal qabatanii irraa nama eeguu danda’a jedhamee amanan.
Dhugaadha, of eeggannoodhaan nyaachuun, dhuguuniifi bohaaruun dogoggora miti.
Garuu hagasuma garmalee nyaachuufi dhuguurraa fagaachuudhaan fayyaa argattaniis hin dagatiinaa.
3. Of to'adhaa
Ulfaatina qaama keessan to’achuun ulfaataa ta'us, nyaatawwan cooma baay’ee qabu fi kanneen dafanii qophaaʼan yeroo ayyaanaa soorachuu irra of daangeessuu qabdu jedhu ogeessonni fayyaa.

Madda suuraa, Getty Images
4. Yeroo hundaa sochii qaamaa godhaa
Ogeeyyiin socho’u dhabuun madda sababa akka dhukkuba onnee, dhukkuba sukkaaraa gosa lammaffaa fi kansarii garagaraa ta'u himu.
Sochii taasisuu dhabuun dhukkuboota kanaan 10% dursinee akka duunu ni godhu.
5. Alkoolii hin dhugiinaa
Kanaaf, yeroo ayyaanaa kana bakka tokkoo utuu hin teenye ala bahuun miilaan deemuu fi yoo haalli qilleensaa mijataa ta’e bishaan daakuu qabdu.
Yoo immoo alkoolii dhugdan gidduutti bishaan dhuguu akka hin daganne.
Yoo kuni ta'e yeroodhuma ayyaanaallee ulfaatina qaamaa keessan to'achuu dandeessu.












