Jaalala foon dheedhii qaala’insi jireenyaa dhaabuu hin dandeenye

Yonaas Girmaa daldala foonii keessa waggoota 20 ol tureera. Hojii kana abbaa isaarraa fudhatee yeroo ammaa kana mana foonii bulchaa jira.
Manni foonii Yonaas bulchu kun manneen foonii Finfinnee keessatti maqaa gaarii qaban keessaa tokkoha.
Wantota manni foonii kun ittiin beekamu keessaa tokko Itoophiyaa keessatti namoonni siyaasaa waliif masaanuu ta’an gamaafi gamana taa’anii fageenyatti wal ilaalaas ta’u bakka yeroo baay’ee itti dabarsan ta’uu isaati.
Keessattuu manni foonii kun sirna ADWUI keessa namoonni siyaasaa 'si argee diina arge' waliin jedhan itti wal arganii nagaa Waaqaa walgaafatanii walitti qoqqoosanii nyaataa turanidha.
Mana Foonii Carcar jedhama.
Akka Yonaas Girmaa jedhutti mana foonii kun, “ namoonni akka Abbay Tsahaayyee, Getaachoo Raddaa gama tokkoon warri akka Andu’alam Arraagee gama biraan” fuulaafi fuulatti wal ilaalaa bakka foon itti muratan ture.
“Yeroo tokko Piroofesar Masfiniifi Getaachoo Raddaafaa yeroo nagaa walgaafatan ‘maal ta’a foon irratti akka waldandeessan osoo siyaasa irrattis waldandeessanii’ jechuun walitti qoosuu isaanii nan yaadadha,” jechuun Yonaas wanta darbe duubatti deebiyee yaadata.
Ammas taanaan namoonni paartilee mormitootaas ta’e paartii bulchaa jiru kan Badhaadhinaa ,”wal ilaalu, nagaas walgaafatu , ni nyaatus,” jechuun ibsa Yonaas.
Aadaan kutaalee gara garaa Itoophiyaa keessa jiran yeroo ilaalaman maaddiitti qophaa dhiyaachuun of jaallachuu ykn kakaatuu ta’uu waliin kan walqabatudha.
Innumaattuu caabii tokkorratti dhiyaatanii waliin nyaachuun karaa walitti dhufeenya maatii ykn jaalalli uumamu akka ta’e amanama.
Jireenya magaalaa babal’achuu hordofee maaddii tokkotti dhiyaatanii nyaachuun barame hir’achaa dhufus foon dheedhii qofaa of nyaachuun garuu yeroo baay’ee hin mul’atu.
Finfinnee dabalatee magaalota gurguddoo Itoophiyaa keessatti jaalalli foon dheedhii dabalaa dhufe maaddii tokkotti dacha’anii nyaachuu cimsee itti fufsiisuu isaa hojii kanarratti namoonni bobba’an ni dubbatu.
Foon dheedhiin filatamaan bakka kamitti argama?
“Seenaan dudduubaa sangichaas ta’e kan qote-bulaas ni qoratama,” jechuun adeemsa foon gaarii argachuudhaaf manneen foonii hordofan ibsa.“Addunyaarratti foon filatamaan jira kan jedhamu Jappaan keessa jedhama.
Foon amma Finfinnee keessa jiru foona Jappaan jiruun gadi miti. Dorgommiin qulqullina ilaalchisee jiru gatiin isaa akka baay’ee dabalu taasiseera,” jedha.
Seenaa duubaa horii sanaa qorachuun kan barbaachiseef dhukkuboota akka Koosoo ittisuudhaaf jedha Yonaas.
“Horiin tokko hidhaarratti yoo gabbifameefi gara alaatti yoo kan hin bane ta’e Koosoon isa hin argatu. Dhukkubni Koosoo tilmaamaan dhibba keessaa hanga 80 hir’ateera.”
“Kanaan dura fooni baayyina malee qulqullina hin qabu. Abbootiin keeya horii yeroo bitan maal nyaate jedhanii hin gaafatan ture. Amma nyaata horiin sun nyaata fayyaaf kan ta’u akka ta’e qoranneetu bitna. Innumaattuu kun garaa nu gahuu didee jennaan ofii keenyaan gara horii gabbisuurra geenyeerra,” jechuun BBCtti hima.
Filannoo sanyii sangaatiin kan Harariin gitu hin jiru jechuun dubbata Yonaas. Itti aansee jirruudha. Sangaa Harar foon isaa miyaawaa kan taasisu haala qilleensa isaatiifi akkaataa ittiin gabbifaman ta’uu Yonaas ni ibsa.
“Qote-bulaan Haragee horii bakkaa bakkatti sochoosee osoo hin taane mana keessatti midhaaniin gabbisa. Yeroo baayyee haati warraas, abbaan warraas sangaa mataa mataa isaanii tokko tokko kan gabbisan qabu. Midhaan ijoolleesaaniitiif kennan horiisaanii sooru,” jedha Yonaas.
Wanta foon dheedhii ittiin nyaatanYonaas gara hojii foon dheedhiitti yeroo seenu wanti ittiin nyaatan mixmixaa callaa akka ture yaaata. Amma garuu Awaazeen isaayyu akka addatti akka qophaa’u dubbata.
“Amma amma Awaazeen mataan isaayyu daadhiitiin, daadhii jabaataa ta’eefi daadhii balasiirraa qophaa’a. Dabalataan ammoo kutaa biyya keenyaa gara garaa keessaa qocqocaafi daaxxaan ni dhufa. Yeroo ammaa kana ammoo foon dheedhii qooccootiin jalqabeera,” kan jedhu Yonaas kun ibsituu guddiina hojichaati jedha.
Gatiin foon dheedhii maaliif akkas qaala’eYonaas waggoota 20 dura yeroo hojii kanatti makamu gatiin foon kiiloo tokkoo, “birrii 12 gara birrii 13tti” deemaa jira ture.
“Yeroo sanatti qaala’eera jedhamee mormii guaatu ture. Mormii baayyee guddaa. Abbaan kiyya hojicha yeroo jalqabutti foon kiiloo tokko birrii shan ture,” jechuun yaadata Yonaas.
Abbaan isaa bara Dargii keessa saantiima dabaluu isaatiin hidhamee ture.Bara A L I xumuramaa jiru 2013 keessa Ebala 24 irra kan kabajame Ayyaanni Faasikaa dura foon dheedhii gaariin finfinneetti kiiloon tokko birrii 500n gurguramaa ture.
Amma kun dacha ta’eera. Namni birriin 900 hanga 1,000 kiisa isaa keessaa hin qabne foon dheedhii nyaachuu hin danda’u.
Abbaan Mana Foonii Carcara Yonaas akka jedhutti soorri sangaan nyaatu waan miyaa’eef, akkaataa ittiin sangoonni gabbifaman waan jijjiirameef gatiin foonii baay’ee qaala’eera.
Sangaan tokko yeroo qote-bulaarraa erga bitameen booda ji’a shanii hanga ji’a torbaatti mana foonichaatti akka gabbifamuufi baasii hojjetaa guyyaa dabalatee sangaan tokko hanga guyyaatti hanga dhibba lamaa akka barbaadu dubbata Yonaas. Ji’atti birrii kuma ja’a jechuudha.

“Boqqolloon kiiloon tokko kanaan dura birrii torbaafi saddetitti gurguramaa ture. Amma garuu birrii 30 ol ta’eera. Faagulloon talbaa kiiloon tokko birrii 700 ture. Amma garuu birrii 3500 galeera,” jeha Yonaas.Ragaan ministeera daldalaa akka agarsiisutti sangaan Harar sadarkaa tokkoffaa Finfinneetti birrii kuma 75 yoo gurgura,u sadarkaan lamaffaa ammoo birrii kuma 50 baasa.
Horiin Arsii Baalee Shaashamanneerratti birrii 3,500 yoo gurguramu re’een Affaar ammoo Deeraa irratti birrii 3,800tti gurgurameera.
Re’een sanyii makaa qabu Adaamaatti birrii 5,000 akka baasu ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
Foon dheedhiifi dhugaatii alkoolii
Foon dheedhii hanga dhiyeenya kanaatti nyaata namoonni gurguddoon nyaatan akka ta’etti ilaalamaa akka ture dubbata Yonaas.
Amma garuu nyaata dubartoonni, akkasumas dargaggoonni yeroo baay’ee nyaatan ta’eera.
Dhugaatiiwwan idilee foon waliin baraman biratti, “Tekeshinoo” dhugaatiin jedhamu foon waliin walqabatee alkooliin jedhamu uumamee hanga dhugamurra gaheera.Dhugaatiin makaa biiraa, alkoolii wayiniifi fuduraa ta’e kun keessumsiitota mana fooniirra darbee Awaash Wayintejji mataan isaa akka omisha mataa isa danda’eetti beeksisuurra gaheera.
Dhiibbaan foon dheedhii fayyaa irratti qabu maal?Rakkoo fayyaa foon dheedhii nyaachuun qaqqabsiisu keessa tokko dhukkuba Koosooti.
Kutaaleen baadiyyaa biyyattii keessatti rakkoon guyyaa guyyaan kan mul’atu ta’uu hordofee qoricha Koosoo fayyadamuun kan baramedha.
Waggoota dhiyoo asitti garuu dhukkubni kun waan bade hanga fakkaatutti akka hir’ate hedduun ni dubbatu.
Dhukkuboonni akka Koosoo, Saalmooneellaafi Antiraaks jedhaman foon dheedhii waliin walqabsiisee maqaan isaanii irra deddebiin ni ka’a.
Ogeessa fayyaa beeyladaa kan ta’e Dr. Dammaqaa Wandimmaageny akka jedhutti, sangaa sana gabbisuurraa kaasee nyaata dhiyaatuuf qulqullinni isaa eegamuu baannaan dhukkuboote kanneeniif saaxiluu akka danda’u dubbata.
Erga dhiyootii manneen foonii sangaa dallaa ofii isaanii keessatti gabbisuu jalqabuu isaaniitiifi qorichawwan dhibee kana horiirraa ittisan waan kennaniif foon isaaniis fayyaalessa akka ta’u ogeessi kun ni dubbata.
Foon dheedhii kan sangaa nyaachuun Itoophiyaatti kan barame yaa ta’u malee kutaa addunyaa gara garaa keessatti keessattuu foon dheedhii kan qurxummii nyaachuun baratamaadha.
Foon dheedhii nyaachuun qurxummii dheedhii nyaachuu waliin yeroo ilaalamu yaaddoon fayyaa isaa xiqqaa ta’uu Dr. Dammaqaan ni dubbatu.Innumaattuu qurxummii dheedhii faalame nyaachuun dhukkuboonni uumaman kan ajjeesuu dana’an ta’uu hima.
“Pirootiin foon dheedhii keessa jiru keessattuu kale irratti dhiibbaa guddaa uuma. Kanaaf, foon dheedhiin affeelamees ta’u dheedhii isaa nyaachuun fayyaaf kan gorfamu miti,” jedha Dr. Dammaqaan foon diimaa nyaachuun haala qilleensaa irrattis dhiibbaa akka qabaatu dubbata.
“Foon diimaa omishuun baay’ee gati-jabeessa. Sangaa tokko gabbisuuf hanga waggaa afurii fudhatus foon argamu garuu kiiloo 200 ta’a. Foon diimaa kiiloo tokko omishuudhaaf bishaan hanga liitira kuma 35 akka gaafatu qorannoon ni mul’isu,” jechuun ogeessi fayyaa beeyladaa kun BBCtti dubbata.
Foon dheedhii re’ee yeroodhaa gara yerootti dabalaa dhufeefi isa waliin walqabatee yaaawwan ta’innaa jedhaman ilaalchisuun ogeessa kana gaafanneerra.
“Re’een bakkawwan gammoojjii ta’anitti waan horsiifamaniif baala beeyladoonni biroon hin nyaatne nyaatu. Kanaaf, baalawwan kanneen keessaa kanneen qorichummaa qaban waan nyaataniif foonichi ni fayyisu yaadonni jehan ni jiru. Haata’u malee, qorannoon kana mirkaneessan hin gaggeeffamne.
”Dhukkuboota beeyladarraa namatti darban sirriitti ittisuu dandeenyaan foon dheedhii hordofee dhibeen fayyaa mudatu hir’achuu akka danda’u ogeessi kun ni dubbata.Ogeessa fayyaa beeyladaa kan ta’e Dr, Dammaqaan ofii isaatiifuu foon dheedhii nama jaallatu.
“Waggoota shaniifi ja’a foon dheedhii walitti aansee nyaadheera. Dhukkubni kana waliin qabate na mudatee hin beeku,” jechuun muuxannoo ofii isaa dubbata Dr. Dammaqaan.
Haata’u malee, foon nyaachuu ilaalchisee qorannoowwan gaggeeffamaa jiran bu’aa isaarra miidhaa isaatu caala. Kanaaf fakkaata, keessattuu biyyoota gudatan keessatti namoonni gara foon adiitti caalchisuu kan filataniif.
Foon adii jechuun kan lukkuufi qurxummii jechuudha.
“Pirootiiniin foon diimaa keessa jiru keessattuu kaleerratti dhiibbaa guddaa fida. Foon diimaa affeelamees ta’u dheedhiin isaa fayyaaf nyaata gorfamu miti,” jedha Dr. Dammaqaan.
Qalma seeraan alaa hir’isuu yoo danda’ame ammoo sangaan qalamuufi nyaataaf yeroo dhiyootu keessatti qulqullinasaa eeguun yoo danda’ame yaaddoo fayyaa hir’isuun ni danda’ama jechuun dubbata.















