Nyaata: Foon nam-tolchee foon isa sirrii bakka bu'a jedhame

Madda suuraa, Impossible Foods
Dhiibbaan aadaan nyaataa dhala namaa naannoo irratti geesisaa jiru aadaan nyaataa akka jijjiiramu, fedhiin nyaata biqiltootarra tolfamuu akka dabalu gochaa jira.
Amma garuu dhaabbileen nyaata oomishan filannoo biraa qabatanii as bahaniiru.
Foon nam-tolchee, garuu ammoo dhamdhamaanis ta'e, fooliin akkasumas bifaan foon isa sirrii fakkaatu omishamee jira.
Foon kun omishamuun garuu maaltu foon jedhamuu akka qabuufi wanti kun foon jedhamee gurguramuun sirrii ta'uufi ta'uu dhabuu irratti mormii kaaseera.
Foon nam-tolchee akka filannootti dhiyaate kun biqiltoota pirootinii qaban akka qamadii, ataraa fi dinnichaa irraa kan hojjetame yoo ta'u ijaan adda hin baafamu.
Dhiiga akka of keessaa qabaatu ammoo cuunfaan biqiltoota akka hundee diimaa itti dabalameera. Bifaafi dhamdhama foonii akka qabaatu kan taasisus biqiltootuma irraa hojjetame.
Gosti foonii nam-tolchee inni lammataa ammoo seelii bineeldotaa irraa laboraatorii keessatti kan hojjetamudha.
Gosti foon nam-tolchee kunneen lamaanuu namoota foon hin nyaanne ykn 'Vegetaria' ta'aniif osoo hin taane warra foon nyaataniif yaadamee kan tolfamedha.

Waggoota muraasa dhfan keessatti gabaaf akka dhiyaatu kan himamu foon kun rakkoo guddaan akka gurguramu hayyama argachuudha jedhamaa jira.
Fayyaa namaa irraan miidhaa kan hin geenye ta'uu isaanii mirkaneessuun ammoo qormaata biraati.
Awurooppaa keessatti ademsi kun hanga waggaa lamaa fudhatuu mala.
Abbaan Taayitaa Nageenya Nyaataa Awurooppaa foon kun nyaatamuu akka danda'u yoo mirkaneessee, gabaarra ooluu danda'uu isaafi maal jedhamee akka gurguramu irratti murtee barbaada.
Ameerikaa keessatti yeroo kanarra gabaabaa fudhachuu mala.
Erga hayyama aanga'oota argateen booda ammoo uummata fayyadamu amansiisuunis hojii birooti.
Biyya akka Itoophiyaa foon dheedhii nyaachuun aadeffatame keessatti wanti kun ni hojjetaa hin hojjetuu wanti barame hin jiru.













