Ayiranii: Gosoonni nyaataa ayiranii gahaa argachuuf gargaaran kam fa'i?

Nyaatawwan ayirooniin badhaadho ta'an

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Foon diimaa, kuduraalee baala magariisaa, ocholoonii fi callaan biroonis madda soorataalee qabiyyee ayiroonii ykn sibiilaa gaariidha

Yeroo baay'ee dadhabbiin sitti dhagahamaa? Hafuurri si ciccitaa yookaan rukkuttaan onneenkee baay'ee dhawataa? Hiriyoonnikee addaatteetta siin jedhanii beekuu?

Kun sirra gaheera yoo ta'e, tarii dhibee hir'ina dhiigaa (anaemia) kan rakkoo hir'ina ayiranii (sibiilaa) irraa dhufu qabda jechuudha. Kun ammoo rakkoolee fayyaa sorataan walqabatanii dhufan keessaa isa guddaa fi tokkodha.

Dhibeen kun biyya Ingliiz keessatti shamarraniifi dubartoota umuriin baay'ee hindeemiin irratti bal'inaan argama.

Akka xinxallii saayinsaawaa koreen gorsitu soorata mootummaa Ingliziin bara 2011 keessa dhihaatetti, dubartoota umuriisaanii ganna 19-34tti jiran keessa %21 sadarkaa eegamuu gaditti, hir'ina ayiroonii qabu.

Mallattooleen armaan olitti xuqaman, guutummaa guutuutti dhibee kana agarsiisu jechuu miti. Dhibee biroon mallattoo walfakkaataa qabanis ni jiru.

Kanaafuu gara mana yaala deemuun, dhiigni ofii qoratamee dhibeen kun erga adda bahee booda qorichaan akka salphaatti fayyuun ni danda'ama.

Ayiranii ykn qabiyyeen sibiilaa kana maalirra arganna?

Qaamni keenya ayiranii ykn sibiila ofiin hin oomishu. Kanaafuu Ayiranii kan argannu soorata nyaannu keessa qaamni keenya xuuxuu ykn ofitti kan fudhatu irraatti.

Haa ta'u malee ayirooniin hundi haala walqixa ta'een qaama keenyaan xuuxamuu ykn fudhatamuu dhiisuun rakkoo isa biroodha.

Gartuu Trust mii

Madda suuraa, Glenn Dearing

Akkamitti nyaata keenyarraa ayiranii caalaatti argachuu dandeenyaa

  • Kuduraalee baala magariisa ta'an hanga danda'ameetti dheedhii yookaan hurkanii nyaachuu.
  • Qosxaa hanga tokko affeelanii nyaachuu - qosxaan ammoo wayita affeelamu qabiyyeen ayiroonii isaa akka daran dabala.
  • Daabboo bukaa'ee hojjetame nyaachuunis guddoo faayidaa qabeessa.
  • Nyaata keenyaa waliin waan Vitaamiin C qabu nyaachuu ykn dhuguu.

Akkasumas:

  • Foon diimaan (kan cooma hinqabne) qabiyyee ayirooniin baay'ee badhaadhadha - Kana qofa utuu hintaane, ayironii foon diimaa keessatti argamuus akka salphaatti qaama namaan kan xuuxamuudha. Haa ta'u malee, yeroo amma keessa namoonni hedduun foon diimata nyaachuu dhaabaa ykn irra of faggeessa akka jran ni beekama.
  • Kuduraalee baallisaanii haalaan magariisa ta'an kanneen akka raafuufi qosxaaa akkasumas midhaan callaa/dheedhiin akka ataraafi misiraas qabiyyee ayiroonii kan siriitti qaban ta'aniis akka kan foon diimaarraa argannu salphaatti qaama keenyaan hinxuuxamani.
  • Nyaatoota akka daabboofi kanneen cireef warshaatti hojjetaman akka 'cereals' jedhamuun beekaman, ayirooniin itti dabalamee kan hojjetaman ta'us ayironiin isaan keessatti argamuus akka salphaatti qaama keenyaan kan xuuxaman miti.
  • Kanaafuu, nyaata keenya waliin waan Vitaamiin C qabu nyaachuu ykn dhuguu - kanneen akka cuunfaa burtukaanii dhuguun ayirooniin nyaata keenyarra argamu akka gaariitti akka qaama keenyaan xuuxamu ykn fudhatamu godhaa jedha. Keessattuu nyaata akka daabboofi siriyaalii (cereals) akaakuu nyaata cireef warshaatti ayirooniin itti dabalamanii qophaawan wayita nyaannuuf baay'ee gargaara.
  • Haa ta'u malee nyaata akkanaa, booda buna yoo irratti dhugne dandeettii qaamni keenya ayiroonii xuuxuuf qabu daran akka gad hir'isuus sayintistiin soorata prof Shaarp ibsaniiru.
  • Kanaafuu ciree akkanaa erga nyaanne booda yoo buna dhuguun nurra jiraate, yoo xiqqaate daqiiqaa 30 turuun akka nurra jirus dabalanii ibsaniiru.