Umuriin onnee namaa dhibee onneef sababa tahuu danda'a

Agarsiisa keessa Onnee dubartootaa 3D

Madda suuraa, creative images

Ingilaanditti qorannoon tokko namoota umuriinsaanii 30 ol tahe irratti gaggeefamuun akka umurii onneesaanii baran taasifame.

Akka tilmaama isaaniitti dhibeen onnee ykn istirookii namoota umurii 75 gadii %80 ittifamuu akka danda'u ibsan.

Kunis yoo fayyaan onnee akka fooyya'u godhan qofadha.

Haallii jireenyaa gaarii hin taane namoota shan keessaa afur dhibee onneef saaxila.

Kanaaf namootni yoo sigaaraa xuuxuu dhiisan, nyaata madaalamaa nyaatanii fi sochii qaamaa hojjetan carraan dhibee onneef saaxilamuusaanii xiqqaa taha jedhan.

Namtichi Deevid Giriin jedhamu qorannichi irratti gaggeefamuu himee ture.

Kanaanis kan na ajaa'ibe onneen koo waggaa kudhaniin hangafakoo tahuu natti himamuusaati jedhe.

Kunis umuriin jiraachuuf qabu waggaa hamma kanaan xiqqaachuusaa agarsiisa jedheera.

Kana fooyyessufis hojjechuun qaba jedha Deevid.

Daavid Giriin

Madda suuraa, Daavid Giriin

Deevid akka jedhetti hargansuu waliin rakkoon na mudataa ture. Ani duraan waa'ee umurii onnee dhagahee hin beeku jedha.

Haa tahu malee umuriinkoo amma 59 tahus akka nama waggaa 62,63 tahuu hin hafu jedhee of tilmaameera.

yeroo waggaa kudhan Onneen kee si dursee dulloomaa jira jedhan na naasisee ture. kanaafuu ani sooramakoo hin argu jechuudha yoon fayyaa Onnee koo kana fooyyessuu dhiisee jedhe.

Furdina akka malee hanqina nyaata madaalamaa, dhiibbaa dhiigaa fi sochii qaamaa hojjechuu dhiisuun wantoota dhibee Onnee fidan keessaatti argamu.

Akkamiin fayyaa onnee keenyaa fooyyeessina?

  • Sigaaraa xuuxuu dhiisuu
  • Dammaqaa tahuu
  • Ulfaatina keenya to'achuu
  • Nyaata albuudotaa qaban nyaachuu
  • Kuufama coomaa hir'isuu
  • Qurxummii nyaachuu
  • Dhugaatii alkoolii xiqqeessuu

Qorannicha keessatti namoonni Miiliyoona lamaa ol tahan hirmaatanii %78 kan tahan umuriin onnee isaanii umurii namoota sanaa isa dhugaatiin ol akka tahe mirkanaa'eera.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Onne Jijjiiruun yeroo jalqabaaf ardii Afriikaa keessatti bara 1967 akka jalqabe beektu?

Namoota qorannoon irratti gaggeeffame keessaa %34 kan tahan umuriin onneesaanii waggaa shaniin umuriisaanii isa sirrii caala.

Umuriin onnee namoota %14 tahanii ammoo waggaa 10niin umuriisaanii isa sirrii caalaa dulloomeera jedha qorannichi.

Ingilaandi keessatti qofa namootni 84,000 tahan wagga waggaan sababa dhibee onnee ykn Istirookiidhaan lubbuunsaanii darba.

Dr Maat Kiirniy qorannichi namoota miiliyoonota gargaaruu danda'a jedhan.

Namootni yaalii yoo argatanii fi haala jireenyasaanii fooyyessan fayyaa onnee isaanii fooyyessuu danda'u jedhan.