Addunyaa keessatti wal'aansa jijjiirraa onnee isa jalqabaa

Ibsa waa'ee viidiyoo, Onne Jijjiiruun yeroo jalqabaaf ardii Afriikaa keessatti bara 1967 akka jalqabe beektu?

Dr. Kiristiyaan Barnaard nama ganna 54 Luwiis Waashkaanskii baqaqsanii wal'aanuun yeroo jalqabaaf addunyaa irratti onnee jijjiiruu danda'aniiru.

Namni onneen jijjirameef sunis guyyoota 18'f qofa jiraatuyyu, malli onnee jijjiiruu kun yeroo ammaatti namoota kumaatamaan lakkawamaniif furmaata waggoota hedduu jiraachisu ta'e jira.