Konkolaataa ykn xiyyaaraan yoo imaltan isin dhukkubaa? Maddii fi fallisaa kunooti

Madda suuraa, Getty Images
Daandii dheeraa konkolaataadhaan yoo imaltan ol ol isin jedhee ykn miirrii dhukkubbii foolii boba'aa isin jibbisiisee beekaa? Yoo akkas ta'e kun rakkoo keessan qofaa miti.
Namoota tokko tokkoof xiyyaaraan, baaburaan ykn konkolaataadhaan daandii dheeraa imaluun sababii isaan dhukkubuuf ni yaaddeessa.
Namoota rakkoo akkasii qabaniif, sodaan dhukkuba sochii (motion sickness) sochiisaanii guyyaa guyyaa gara yaaddoofi dhiphinaatti jijjiiruu mulata.
Dhukkubni sochii (motion sickness) kunis kan uumamu yeroo sammuu namaa dhaamsa wal faallessu argatu jedhu qorattoonni.
Kunis, yeroo qaama keenyaan dhaabbatee jiru (akka konkolaataa keessa taa'uu), garuu socho'aa (imalaa) jirruutti, waan iji keenya arguu fi waan qaama keenyatti dhaga'amu gidduutti wanti wal faalleessuu yoo sammuu keenyatti dhagahamudha.
Fakkeenyaaf, konkolaataa imalaa jiru keessa teenyee ijaan ammoo wantoota socha'an argina ta'a.
Namoonni dhukkuba sochii qaamaatiin qabaman ergaawwan walmakaa kanaaf qaamaasaanitiin deebii kennu.
Kanaaf, mallattoolee garaa kaasaa, jonjeessuu fi waliigalatti miira itti tolu dhabuu qabaatu.
Namoonni tokko tokko ammoo ciraadhumatti mallattoon dhukkubbii hammaataa ta'e waan isaan mudatuuf, guutummaatti heddu akka hin imalle gorfaman jiru. Kaan isaanii ammoo amma iyyuu fayyuuf qoricha barbaadaa jiru.
Garuu dhukkuba sochii qaamaa maaltu fida? Akkamitti yaalamuu danda'a?
Dhukkuba sochii qaamaa maaltu fida?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dhukkubni sochii kun maaliif akka uumamu hubachuudhaaf, sammuun keenya mallattoolee miiraa qaama keenya irraa argatu akkamitti akka adeemsisu (process) tolchu hubachuun ni gargaara.
Sammuun mallattoo miiraa dhaabbataa keessoo gurraa fi dhaamsa fuutota (proprioceptive) maashaalee keessaa, riibuu fi buusaa keessa jiran irraa waa’ee sochii fi dhaabbata qaamaa irraa fudhata.
Keessoon gurraa jidduugala madaallii qaamaati. Isaanis qaama hidhata sirna madaallii qaamaa (vestibular) jedhamuuti.
Sirni kun lamaan garee sadii kan ta’an ujummoo walakkaa geengoofi qabduuwwan lama kan of keessatti hammate yoo ta’u, isaanis saakulaa (saccule) fi utirikilii (utricle) jedhama. Isaanis waa'ee sochii qaamaa fi itti argamurratti odeeffannoo gara sammuutti ergu.
Ujummoowwan walakkaa geengoo ta’an ammoo dhangala’aa yeroo mataa garagalchinu socho’u qabatu. Kallattiin sochii mataa keenyaa akka gara oliitti ykn gara gadiitti, gara mirgaatti ykn gara bitaatti akkasumas gara cinaatti garagaluu ni hubachiisu.
'Saccule fi utricle' kanneen jedhaman ammoo qaamni keenya gara fuulduraatti, duubatti, gara cinaatti ykn ol ykn gadi yommuu socho’u sammuutti himu.
Haata'u malee iji keenya yoo waan tokko argee, maashaaleen keenyatti ammoo waan biraa yoo itti dhaga'ame, gurri kee keessaa immoo waan biraa yoo hubate sammuun ergaa wal makaa argata. Walsimsiisuun miiraa kun dhukkuba sochii qaamaa fida.
Haata'u malee iji keenya waan tokko yoo arguu, maashaaleen keenya ammoo waan biraa yoo itti dhaga'ame, gura keessaa immoo waan biraa yoo dhagahu, sammuun ergaa wal makaa argata jechuudha. Wwayita miirrii wal hinsimne akkasii namatti dhagahamudha kan dhukkuba sochii qaamaa fidu.
Fakkeenyaaf, konkolaataa yaabbattee jirta haa jennu: wantoonni garaagaraa daandii irra deemaa jiraniitti isiniitti mul’atanii achiis ija keessan duraa badu. Kunis, iji keenya ergaa akka socho’aa jirtan sammuutti akka ergu kakaasa.
Haata'u malee, keessoon gura keenyaa fi narvii maashaalee fi buusaa lafee keenya keessa jiru, ammallee taa'aa jiraachuu keenya kan himu yoo ta'u kanaaf ergaawwan gara sammuu deemu waldhahu.
Sababii kanaatinis miirrii ol ol jechuu, dhukkubbii mataa fi walumaagalatti keessoo keessanniitti mijannaan dhabu isinitti dhagahama.
Mallattoolee dhukkubbii sochii (motion sickness) ijoo
Dhukkubbiin sochii kunis mallattoolee dhukubbii garaagaraa qabaachu danda'a.
Yeroo baay’ees suuta jedhanii jalqabuun yoo sochiin ka'umsa ta'e sun hin dhaabbanne ta'ee hammaachaa adeema.
Mallattoowwan dhukkuba sochii kanaas kan hammatu:
- Jonjeessuu, miira dhukkubbii mataa salphaa, madaallii eeggachu dadhabuu ykn lafti namaan maruu
- Miira dhukkubbii (garaa kaasaa)
- haqisiisaa
- Boowwoo mataa
- Gogaan diimachuu
- Dafqiisuu
- Dadhabbii
Akka barameetti, mallattooleen dhukkubbii rakkoo kanaa akka badu daqiiqaa 20 fudhata.
Mallattooleen ciccimoon garuu furmaata argachuuf hanga sa’aatii 24 fudhachuu danda’u.
Caalaa eenyuutti cima ?

Madda suuraa, Getty Images
Namni kamiyyuu dhukkuba sochii kanaatiin dhukkubsachuu danda'a. Haata'u malee, namoonni tokko tokko kaan caalaa saaxilamoodha.
Fakkeenyaaf, daa'imman umuriin isaanii waggaa lamaa hanga 12 gidduu jiran, dubartoonni ulfaa fi namoota seenaa dhukkuba bowwoo mataa cimaa (migraine) qaban caalaa saaxilamoodha.
Kan nama ajaa'ibu, daa'imman guutummaatti jechuun haala danda'amuun dhukkuba sochii qaamaa irraa bilisadha.
Yunivarsiitii Weestiminster kan Landanitti, piroofeesara xiin-sammuu, Joon Goolding, daa'imman kan hin dhukkubsanneef sababii sammuun daa'imman dhalattuu, walitti dhufeenya ijaafi gurra gidduu jiruufi gahee sochii galmeessuu keessatti qaban waliin waan hin wal hin simneef ta'uu hin oolu jedhu.
Namoota dhukkuba sochii qaamaatiin qabaman keessaa hanga %65 kan dhalootaan dhaalaniidha jedhu Prof. Golding.
Mallatoolee dhukkubbii kunneen attamiin hir'ifamu?
Yeroo hundaa irraa fayyuurra ittisuun caalaa gariidha.
Gorsiwwan ittiin dhukkuba sochii ittisuun danda'amu muraasni kunooti:
Imalaan dura:
- Nyaata ulfaatuu ykn mi'eessituu baayyee qabu soorachu dhiisaa.
- Dhugaatii kaafeenii qabaniifi alkoolii xiqqeessuu
- Hir'iiba gahaa argachuu
Tibba imalaatti:
- Teessoo keessan of eeggannoodhaan filadhaa: konkolaataa fuuldura taa’aa, bidiruu keessatti walakkaa taa’aa ykn baabura keessatti teessoo foddaa gara fuulduraatti garagalee filadhaa
- Akka tasaa mataa sochoosuu dhiisaa
- Bakka danda’amuutti qilleensa qulqulluu baayinaan argachuuf foddaa sirriitti banaa
- Hin dubbisiin, fiilmii ilaaliin ykn meeshaalee elektirooniksii hin fayyadaminaa.
- Sochii ta'een kan akka muuziqaa dhaggeeffachuutiin yaada keessan qabaa,
- Ija keessan dunuunfadhaa,
- Bishaan baay'ee dhugaa.
Jinjibila

Madda suuraa, Getty Images
Qorannoon tokko tokko akka jedhanitti, jinjibila akka kiniinii, biskutii ykn shaayiitti yoo fudhatame, ol deebiisuu fi joonjeessuu hir'isuu danda'a.
Haata'u malee, Prof. Golding dhimma kanarratti qorannoon garaagarummaa qaba jedhu.
YJinjibilli kan gargaaru yoo ta'e, "qabiyyeensaa si'omaan garaacha tasgabbeessuuf gargaara. Kanaafuu, kallattiidhaan dhukkuba sochii kan dhaabuu osoo hin taane, akka miirri gaariin sitti dhagahamu" taasisuu danda'a jechuun ibsa.
Hafuura baafachuu to’achuu
Hafuura baafachuu to'atchuu jechuun, salphaadhumatti haala saffisa dhaabbataa ykn idilee ta'een hafuura baafachuudha.
Prof. Golding, haalli hafuura baafannaa tasgabbaa'aan akkuma walakkaa kiniinii farra dhukkuba sochii fudhachuutti faayidaa qaba jedhu. Akkasumas, bilisa ta'un alattis miidhaa namni qorichafudhatu mudatu tokkollee hin qabu.
Hafuura baafachuun sammuuf boqannaa kan kennuudha kan jedhan oggeessi kun, akkasumas miira haqiisiisuu gadi qaba.
Qoricha
Qorichoonni farra dhukkuba sochiitiif kennamanis dhukkubicharraa nama fayyiisuurra mallattoolee dhukkubichaa ittisuudhaan hojjetu. Fakkeenyaaf, qorichi dhukkuba sochiif kennamu akka dhiiga keessanitti xuuxamuuf imalaan dura daqiiqaa 30-60 dura fudhatmu qabaata.
Garaagarummaan dhukkuba sochii qaamaafi maraamartoo (vertigo) gidduu jiru maali?

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubni sochii qaamaa fi lafti namaan maruu (vertigo)n yeroo tokko tokko mallattoo walfakkaatu waan qabaniif nama burjaajeessu: lamaan iyyuu jonjeessaa, miira ol ol jechuu fi haqisiisuu qabu.
Haata’u malee, haalawwan lamaan gidduu garaagarummaa hedduutu jira:
- Lafti namaan maruu yeroo mataa keessan sochooftan hundatti, miira namaan maruu mudatu.
- Kunis yeroo baayyee akka tasaa dhufuun sekondii hedduudhaaf kan turudha.
- Irra caalaas maanguddoota irratti baay’inaan mul’ata
- Yeroo baayyee rakkoo dhangala'aa gurra keessa jiru irratti kan xiyyeeffate yoo ta'u, kunis madaallii eeggachuu keessatti gahee olaanaa qaba
- Yeroo hunda qophaa’uu fi mallattoolee dhukkuba sochii qaamaa keessan to’achuudhaaf dursitanii karoorfachuun gaariidha.
Akkasumas namoonni dhukkuba kanaan qabaman tokko tokko akka jedhaniitti, dhukkubni sochii qaamaa jireenya keessan akka murteessu gonkumaa hin hayyamiinaafii.












