Booranatti namoonni dhibbaa ol foon gaala dhukkubsatee nyaachuun dhibaman

Gaala bishaan dhugaa jiran

Madda suuraa, Getty Images

Godina Booranaa aanaa Dhaasitti gaala dhukkubsataa ture qalanii ollaa waliin qooddatanii namoonni nyaatan 110 dhukkubsatanii Buufata Fayyaa Borboritti yaalamaa turan.

Namoota foon gaalaa kana nyaachuun dhukkubsatan keessaa tokko ta'uu kan himan Aadde Boorii Jaarsoo, foon gaala kanaa akkuma sagalee (nyaataa)tti ollaan nuu qoode jechuun BBC'tti himan.

"Abbaan gaala sanaa ollaa keenya. Gaalli suni dhukkubsannaan qorichuma aadaa akka Hargeessaa fa'a obaasaa turre. Booda dhukkubni itti hammaannaan qalan. Nuufilleen foon gaala kanaa ollumatu manatti nuuf ergee qoodannee nyaanne," jedhan.

Foon gaalaa kanaa bilcheessanii nyaatanis sa'aatii muraasaan booda warri foonicha nyaate hunduu akka dhukkubsates himu.

" Mataa dhukkubbii , diddigaafi dhukkuba hamtuu nuqabsiise. Waaqumaafi hakiimatu nu hambise malee dhukkubichi jabaadha hanga ammaatuu nafa keessaa nun baane," jedhan.

''Baadiyyaan waan qabu wal hin dhowwatu'' ka jedhan Aadde Booriin, ollaan yoo waa qalate ollaa kaaniif sagalee qooduun aadaa keenya jedhan.

Buufata fayyaa Borboritti Narsii waliigalaa kan tahan Obbo Kokkob Mahaadii, jalqabarratti namoota 20 hin caalletu dhukkubsatee gara buufata fayyaa dhufe jedhu.

"Mallattoon akka garaa kaasaa, hoo'ina qaamaafi diddiga fa'atu irratti mul'ata. Saniin booda namni hedduun dhukkuba walfakkaatu dhukkubsatee gara keenya dhufe. Waliigala nama 110 kan nuti yaala kennineef," jedhan.

Namoota foona gaalaa kana nyaatanii dhukkubsatan umriidhaan waggaa 1 hanga 70 kan tahanidhas jedhan.

Mallattoo isaan agarsiisaniifi sababa isaan nutti himaniin yaalii dandeenyu hunda goonefii miidhaan lubbuu osoo hin gahin baraaramaniiru jedhan.

Aanaa Dhaasitti ogeessa fayyaa beelladaa kan tahan Dr. Firaa'ol Waaqoo, hawaasni beelladoota dhukkubsataniifi foon dheedhii nyaachuurraa ofqusachuu qaba jedhan.

"Dhukkuboonni beelladaa namarratti miidhaa geessisan ni jiru. Beelladootni summii adda addaa nyaatanii ta'uus mala. Beelladi yoo qoricha fudhatemmoo hanga qorichi suni qaama beelladaa keessaa badutti eeguu barbaachisa qaluudhaan dura," jedhan.

Naannoo horsiisee bulaatti aadaan beelladoota ofiin hakiimuu (mala aadaatiin yaaluu) baratamaa ta'us ogeessota bira geessuun filatamaa ta'uus eeran.

"Hawaasni beellada ofiin hakiima. Gorsa ogeessaa osoo hin gaafatin ofumaa qalanii nyaatu. Ammalleen sirritti osoo hin bilcheessin nyaatu. Beellada dhukkubsate biqiloota akka Hargeessaa fa'a obaasanii sanbooda yoo qalanii nyaatan summiin suni gara namaatti dhufa," jedhan.

Hawaasni beelladoota dhukkubsatan qalanii nyaataaf oolchuurraa ofqusachuu akka qabaniifi yeroo qalanitti fayyummaa beellada sanaa ogeessa laalchisuu akka qabanis dhaaman Dr. Firaa'ol.