Dubartii Itoophiyaa balaa konkolaataan luka dhabde, dorgommii qaama miidhamtootaa addunyaaf carraa argatte

Madda suuraa, Frehiwot Tamiru
Gaazexeessituu Fireehiwot Taammiruu jedhamti. Isheenis festivaala dandeettii namoota miidhama qaamaa qaban mul'isuuf waggaa waggaan qophaa'u irratti hirmaachaa jirti.
Fireehiwot erga balaa tiraafikaan miidhaa qamaa irra qaqabee booda seenaa ishee bifa dokumantariin dhiheessiteetti.
Feestivaala idil-addunyaa Focus on Ability jedhamuun beekamu kana kan qopheessitu Awustiraaliyaadha.
Dorgommii kanarratti namoonni umamaan akkasumas sababoota garaagaraan qaama miidhamtoota ta'an seenaa isaanii akkaataa addunyaa barsiisuu danda'uun gabaabsanii dhiheessu.
Dorgommii baranaaf Itoophiyaa irraa gaazexeessituu Fireehiwot dabalatee namoonni sadi qaama miidhamtoota ta'an seenaasaanii bifa dokumantariin dhiheessanii calalamanii darbanii jiru.
Festivaala kanaaf dorgomuuf dokumantarii cimina qaama miidhamtootaa fi qormaata isaan mudatu ibsu daqiiqaa shan kan hin caalle dhiyeessuun dirqama jette gaazexeessituu Fireehiwoti.
Seenaan qaama miidhamtoota dorgomanii ramaddii lama jalatti dhihaata- dokumantarii fi fiilmii gabaabaa.
''Anis dookumantarii seenaa koorratti xiyyeeffatu kan daqiiqaa lama ta'u qopheessee ergeen ture. Addunyaarraa biyyoota 16tu irratti hirmaatan. Dokumantarii 134 kan darbe,'' jette gaazexeessituu Fireehiwot.
Dorgommii bara darbee (2022) irratti biyyoota 19 irraa dorgomtoonni 281 hirmaataniiru.
Itoophiyaa keessaa dubartiin dorgomaa jirtu gaazexeessituu Fireehiwot qofa.
''Amma calallii hunda keessa darbee sadarkaa sagalee itti kennuurra ga'eera. Kana booda namoonni linkii kana seenuun sagalee naaf kennuu danda'u,'' jette.
Akka Fireehiwot jettutti sadarkaa kanarra ga'uuf jalqaba qulqullinniifi qabiyyeen fiilmii ni gulaalama. ''Kana sana hunda darbeen as ga'e.''
Sagantaan kun kanaan duras Itoophiyaatti qophaa'aa akka turee fi kan bara darbeerratti keessummaa ta'uun hirmaachuu kan himte gaazexeessituu Fireehiwot, ''garuu qabiyyee yookiin seenaa dhihaateen osoo hin taane qulqullina fiilmii (pirodaakshiniidhaan) mo'atan. Innumtuu kan idil-addunyaa osoo hin taane kan biyya keessatti qophaa'edha,'' jette.
Kanaafuu sadarkaa idil-addunyaatti Itoophiyaarraa festivaala kanarratti wayita hirmaatan kan jalqabaa ta'uu himte.
Dorgommii kanarraa maaltu argama?
Kaayyoo gooroon feestivaala kanaa dandeettii qaama miidhamtootaa addunaatti mul'isuu yoo ta'u, garuu abbaan mo'ate badhaasa gosa garaagaraa ni argata.
Kaadhimatuun festivaala kanaa gaazexeessituu Fireehiwot dorgommiin kun badhaasa carraa barnootaa fi maallaqaa akka qabu himte.
Kubbaaniyyaan festivaala kana qopheessu NOVA jedhamu dorgommiin baranaa (2023) kan yeroo kamuu caalaa guddaa fi cimaa ta'uu ibse.
Namoota qaama miidhamtoota ta'anii seenaa irraa baratamu qabanii fi ogeeyyii fiilmii dandeettii addaa qaban jajjabeessuuf maallaqa doolaara kuma 100 fi badhaasota garaagaraa qopheessuu ibseera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Dorgommii kana mo'achuun ulfaataa ta'uu kan amantu gaazexeessituu Fireehiwot, ''garuu anaaf sadarkaa kanarra ga'uun waan guddaadha,'' jette.
''Itoophiyaa keessa ta'ee as ga'uunuu waan salphaa miti. Biyyoonni kaan waan hedduun nu bira darbaniiru. Qulqullina waraabbii fi pirodaakshinii akkasumas qabiyyeetiin nu caalu. Seenaa kee daqiiqaa shanii gaditti dhiheessitee nama hubachiisuun baayyee cima.''
Qormaati qaama miidhamtummaan walqabatee mudatu biyyoota lixaarra kan biyyoota Afrikaatu ulfaata kan jettu gaazexeessituu Fireehiwot, ''seenaa keenya gabaabsinee bifa barsiisuun qulqullinaan dhiheessuun akkasuma ulfaata,'' jette.
''Rakkoo kana hund akeessa dabarree biyyoota guddatan faana dorgomuunuu waan guddaadha,'' jette.
Akkasheen jettutti abbootiin seeraa wayita madaalan kan Afrikaarraa dhihaatuu fi kan biyyoota lixaarraa dhihaatu adda addatti ilaalu.
''Wayita kana qormaata nuti keessa dabarrus waan ilaalcha keessa galchaniif bu'a qabeessa taana. Dubartummaanis jira, kanaafuu abdiin qaba.''
Qaama miidhamtummaa fi dandeettii...
Sagantaan kun qaama miidhamtoonni akkuma nama kaanii sammuu akka qabanii fi waan fedhan hojjechuuf dandeettii akka qaban addunyaatti mul'isuu kan kaayyeffatedha.
Itoophiyaatti akkuma biyyatti ilaalchi qaama miidhamtootaaf kennamu dogoggora ta'uu waan isheerra ga'erraa ka'uun ibsiti gaazexeessituu Fireehiwot.
''Namni sammuunsaa jiraannaan waan barbaade gochuu akka danda'u hubachuu qaba. Ani kanan amanu, sammuun koo hin ajaju taanaan miilli koo socho'uu akka hin dandeenyedha,'' jechuun miila waan dhabdeef qofa hamileen akka ishee hin buune ibsite.
Itoophiyaa keessa namoonni qaama miidhamtoota ta'anii hamileen osoo isaan hin cabin waan yaadan milkeessaa jiran akkuma jiran, kanneen haala isaan mudateen harka kennanii abdii kutatanis jiraachuu himte.
''Namoonni biyya alaa sababa haala mijataa keessa jiraniif qaama miidhamtummaa baayyee hin miidhaman ilaalchi jedhu dogoggora. Dhimmi ijoon sammuudha malee meeshaa nuti harkaa qabnu miti.''
''An sammuu qabaachuu koo amanee, sammuu kootiin waanan barbaade hojjechuu akkan danda'u of amansiiseen har'a sadarkaa kanarra ga'e. Yoo ati of jajjabeessite malee qaamni ati irratti hirkattu si hin fayyadu,'' jechuun seenaashee ibsite gaazexeessituu Fireehiwot.
Gaazexeessituu Fireehiwot ALI bara 2006 balaa konkolaataa ishee mudateen miilashee tokko dhabdee wayita turte, xiinsammuunshee baayyee miidhamee akka ture himte.
Yeroo ammaa miila nam-tolcheetiin fayyadamuun hojiishee idilee hojjatti.
Firehiwoot erga balaa kun irra gaheen boodas miidiyaalee, waltajjiiwwaniifi carraa argatte hunda fayyadamuun waa'ee balaan tiraafikaa irratti muxannoo isheefi barnoota namoota biroof qooddi.
Waa'ee feestivaalaa kanaa qabxiiwwan muraasa
Feestivaalli fiilmii qaama miidhamtoota jajjabeessuurratti xiyyeeffatee fi Awustiraaliyaan qopheessitu, waggaa 15 dura erga eegalee waggaa waggaan gaggeeffama.
Feestivaala kana jaarmiyaa qaama miidhamtootaaf carraa hojii fi haala jireenyaa mijeessuurratti xiyyeeffatee hojjetu- NOVA Employement jedhamutu qopheessa.
Dorgomtoonni bu'aa bayii sababa qaama miidhamtummaan keessa darban fiilmii daqiiqaa shan hin caalleen addunyaaf dhiyeessu.
Dorgomtoonni injifatan maallaqa dabalatee badhaasa gosa adda addaa argatu.
Fiilmiiwwan kanaan dura dhihaataa turan kanneen barsiisanii fi hamilee namatti horaniidha.












