KALLATTIIN, MM Paakistaan waraanni biyyattii humnoota Afgaan Taalibaan 'cabsuuf' qophiidha jedhe

Paakistaan magaalota Afgaanisaanirratti haleellaa erga banteen booda MM Paakisaan waraanni biyyattii humnoota Afgaan Taalibaan 'cabsuuf' qophiidha jedhe.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Lola Paakistaaniifi Afgaanistaan gidduutti bifa haaran ka'e dhaabsisuuf Iraan waamicha jaarsummaa dhiyeessite

    Bakka haleellaa Paakistaaniin miidhame

    Madda suuraa, Getty Images

    Paakistaanifi Afgaanistaan bifa haaran lolatti seenuu hordofee Iraan isinan araarsa jechuun waamicha dhiyeessite.

    Ministiirri Dhimma Alaa Iraan Abbaas Araagchii biyyoonni lamaan waraana dhaabanii mariitti akka deebi'aniif waamicha dhiyeessuun, Iraan jaarsa araaraa taatee walitti isaan fiduuf qophii ta'uu fuula X gubbaatti barreessan.

    Paakistaanifi Afgaanistaan "garaa garummaa isaanii mariifi miira ollummaatiin furachuu qabu" jechuun waamicha godhan.

    Kanan duras Paakistaanifi Afgaanistaan daangarratti yeroo walitti bu'an Iraan jaarsummaan walitti fiduuf waaicha gotee turte.

    Paakistaan humnoota Taalibaaniin loltoonni koo ajjeefaman jechuun Kaabuul dabalatee magaalota Afgaanistaan haleelaa jirti.

    Bulchiinsi Taalibaanis lolatu narratti baname jechuun naannoo daangaa Paakistaanitti haleellaa cimaa banuu beeksise.

  2. Dubartiin ji'oota sagaliif hawaarra turtee deebite turtiinshee waa'ee Dachee waan ishee barsiise himti

    Saniitaa Wiiliyaamsi

    Madda suuraa, Getty Images

    "Dachee keenya hawaarraa yoo gadi ilaatu wal-falmii fi atakaaroon kamuu bilaashaa fi hiika kan hin qabne dha."

    Astiroonaawutii NASA kan taate Saniitaa Wiiliyaamsi kan waggoota kurnan sadiif hojii kana keessa turteef hawaarra teessee dachee gaafa gadi ilaaltu waa'ee dachee ilaalcha isheen qabdu jijjiirera: waa'ee namooma, teknoolojii fi mana jireenyaa irratti qabdu.

    Dubartiin ganna 60 kun ergama hawaa dhedheeraa sadiin imala gara Buufata Hawaa Idil-addunyaarratti (ISS) gooteen guyyoota 600 ol orbiitirra turteeti. Deemsa hawaarraa dubartoonni godhan keessaa dheerinaan kan ishee kan gitu hin jiru.

    Hawaarratti daangaa fi walitti bu'iinsi dhimmooni jedhaman hiika hin qaban, jetti.

    " Achii gadi pilaanetii yoo ilaaltu, hundi keenya dachii tokkittii tanarrawaliin akka jirru hubatta," jetti. " Bishaan tokko, qilleensa tokko, dachii tokko''

    Ilaalchi kun ilma namaa gidduutti duudhaa waliif badaduu (naatoo qabaachuu) waan uumuu jetti Wiiliyaams .

    ''Hundi keenyayyuu bakka wayii deemnee yeroo fudhannee, uumama ilaaluu qabna. Achii wal dhagahuu qabna, maaliifii, hundi keenyayyuu yaada gaarii wayii qabna ta'a" jetti.

  3. Mariin US-Iraan waliigaltee malee xumurame, maaltu ittaana?

    Miinistiirri dhimma Alaa Omaan Badirii Albusaayidii bakka bu'oota US kan ta'an Istiiv wiitkoof fi Jaared Kuushinar waliin yeroo mariyatan

    Madda suuraa, Foreign Ministry of Oman

    Ibsa waa'ee suuraa, Miinistiirri dhimma Alaa Omaan Badirii Albusaayidii bakka bu'oota US kan ta'an Istiiv wiitkoof fi Jaared Kuushinar waliin yeroo mariyatan

    US fi Iraan jaarsummaa Omaaniin kaleessa Jeneevitti mariirra oolanis waligaltee malee adda bahan. Haata'u garu, maricharratti "jijjiiramni guddaan" jiraachuu ministiirri dhimma alaa Omaan ibse.

    Marii biyyoonni lamaan gaggeessaniin jijiiramni jira jedhamus, carraa waraana hambisuu qabaachuusaa waanti ifa ta'e hin jiru.

    Omaan bakka bu'uun Iraanifi US mariyachiisaa kan turan Badir Albusaayidii akka jedhanitti, bakka buutonni biyyoota lamaanituu mootummaasaanii waliin erga mariyatanii booda "yeroo dhiyootti" marii itti fufuuf fedhii qabaachuusaaniis himan.

    Iraan bakka bu'uun maricharratti kan hirmaatan ministiira dhimma alaa kan ta'an Abbaas Araagchii "jijjiiramni gaariin jira" jechuun dhimmoota tokko tokorratti waliigalanis dhimmoota kaan irratti garaa garummaan akkuma jirutti itti fufuu dubbatan.

    Mariin ittaanus torbee tokko osoo hin guutin akka itti fufus dubbatan Abbaas Araagchii. Mariin hanguma itti fufaa adeemu carraan US Iraan irratti haleellaa raawwachuu xiqqaataa adeema.

    Tiraamp humna waraanaa guddaa gara Baha Giddugaleessatti akka bobba'u ajajeera.

    US bara 2003 yeroo Iraaq irratti waraana bantee as humna waraanaa guddaa gara Baha Giddu galeessatti erguun kun kan jalqabaati.

  4. Nukilarri Iraan sadarkaa maalirratti argama? Ammallee yaaddoodhaa?

    Buufta nukilaraa Iraan Ameerikaan haleelte

    Saganataan nukilaraa Iraan ammas ija keessa galeera. Yunaayitid Isteetis jeettiiwwan waraanaasheefi dooniiwwan ishee gara naannawaa sanaatti geessiteetti.

    Ameerikaan Iraan waliigalteerra hin geessu taanaan haleellaa raawwachuuf qophooftee eegaa jirti.

    Pirezidant Tiraamp Guraandhala 19, 2026 "waliigaltee qabatamaarra ga'uun yoo hin danda'amne waan hamaatu ta'a" jechuun akkeekkachiiseera.

    "Meeshaa waraanaa nukilaraa qabaachuu hin danda'an; dhimma baayyee salphaadha... meeshaa waraanaa nukilaraa qabaannaan Baha Giddugaleessaa keessa nagaan jiraachuu hin danda'u," jechuun ejjennoo isaa beeksise.

    Iraan garuu nukilaar boombii qabaachuu akka hin barbaadne irra deddeebiin dubbatteetti.

    Haata'u malee, biyyoonni baayyeen, akkasumas dhaabbanni idil-addunyaa nukilara to'atu jecha Iraan amananii taa'uu hin barbaadan

  5. Hilaarii Kilintan waa'e yakkoota Eppistiin 'omaa akka hin beekne' miseensota Kongirasiitti himte

    Hilaarii Kilintan

    Madda suuraa, REUTERS/Shannon Stapleton TPX IMAGES OF THE DAY

    Ministirri dhimma alaa duraanii Ameerikaafi dubartiin siyaasaa beekamtuu Hilaarii Kilintan waa'ee yakkoota Eppistiin 'omaa akka hin beekne' miseensota Kongirasiitti himte.

    Hilaarii Kilinton itti dabaluun Pirezidant Doonaald Tiraamp hariiroo yakkamaa saal-qunnamtii amma lubbuun hin jirre Jefrii Eppistiin waliin qaba turee kakuu raawwatee akka gaafatamuuf gaaffii dhiyeessiteetti.

    Hilaarii Kilintan, Eppistiin ilaalchisee Koree Kongirasii qorannoo gaggeessuuf cufatanii sa'aatiidhaaf erga mariyatanii booda "haalli kun bahee arguun barbaada" jetteetti.

    Abbaan warraashee pirezidantiin duraanii Ameerikaa Biil Kilintan ammoo har'a Koree Kongirasii duratti dhiyaatee dhimmuma Eppistiin kanarratti ragaa dhiyeessa jedhameera.

    Abbaan warraafi haati warraa kun maqaa waamicha paanaalii kana siyaasadha jechuun mormaa turanis Kongirasii salphisuun gaafatamuu dandeenya jechuun dhiyaatanii ragaa bahuuf waliigalan.

  6. MM Abiy daawwataa kan jiran, Azarbaajaan, biyya akkamiiti?

    MM Abiy aanga'oota Azarbaajaan waliin

    Madda suuraa, PMO

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Abiy Ahimad yeroo ammaa biyya Awurooppaafi Eshiyaa wal qunnamsiistu, Azarbaajaan daawwachaa jiru.

    Biyyi boba'aan badhaate kuni booda kana biyyoota Afrikaa waliin hariiroo cimsataa jirti.

    Ministirri Muummee Itoophiyaa Giiftii Duree Aadde Zinnaash Taayyaachaw, akkasumas jila Itoophiyaa biroo waliin Kamisa waaree booda biyyattii dhaqqabuun gabaafameera.

    MM Abiy buufata xiyyaaraa idil-addunyaa Hayidar Aliyav yeroo gahan Ministirri Muummee I/Aanaa Saamir Shaarifov fi Ministira Di'eetaa Ministeera Dhimma Alaa Azarbaajaan Yaalchin Raafiyav isaan simatuu miidiyaaleen biyyattii gabaasaniiru.

    MM Abiy guyyoota hammamiif biyyattii akka turan, dhimma irratti mari'achuuf jedhaniifi eenyu waliin akka wal argan ammatti ifa hin taane ykn hin beekamu.

    Waajjirri Ministira Muummee Itoophiyaa hariiroon biyyoota lamaanii erga waggoota dhihoo as cimaa dhufuufi kanaafis agarsiistuun hariiroo dippilomasii tokko ta'uu ibse.

    Daawwannaa Ministira Muummeefi jila isaaniin taasifamu hariiroo Itoophiyaafi Azarbaajaan akka guddisu ni eegama jedha.

  7. Paakistaan Afgaanistaan haleelte

    Shehbaz Sharif

    Madda suuraa, Getty Images

    Paakistaan magaalota Afgaanisaanirratti haleellaa erga banteen booda MM Paakisaan waraanni biyyattii humnoota Afgaan Taalibaan 'cabsuuf' qophiidha jedhe.

    Paakistaan loltoonni lama humnoota Taalibaaniin jalaa ajjeeffamuu hordofee magaaota Afgaanistaan Kaabuliifi Kandahaar irratti haleellaa qilleensaa gaggeessuu aanga'oonni mootummaa himan.

    Muddamni cimaan wayita jiru kanatti Ministirri Muummee Paakistaan Shehbaz Sharif biyyattiin "hawii weerara kamiiyyu cabsuudhaaf humna guutuu qabdi" jechuun dhaadate.

    Ministirri ittisaa Paakistaan ammoo Taalibaan irratti "waraanni banamuu" labsaniiru.

    Dubbi-himaan Taalibaan fuula X irratti haleellaa haaraa loltoota Paakistaan irratti banuun deebii kenneera jedhee ture. Barreeffamni X irratti bahe kun garuu amma kaafameera.

    "Halelamnaan haaloo ni baana, garuu ammatti nuti walitti bu'iinsa kana jalqabuu hin barbaadne," jechuun dubbi-himaan waraana Taalibaan BBCtti himeera.