Maanguddoon waggaa 78 haadha warraa 23 fuudhan waa'ee gaa'elasaanii maal himu?

Mucaan hangafaa maanguddoo kanaa ga'eessa waggaa 53 yemmuu ta'u, intalti isheen dhiyoo godhatan reefu ji'a sadii guutte.
Maanguddoon waggaa 78 kun Obbo Isaaq Aadanoo Sarbee jedhamu, jiraataa magaalaa Mooyyalee ganda Malabiiti.
Maanguddoon kun wayita dargaggeessa umrii waggaa 23 turanitti haadha warraasaanii jalqabaa fuudhan.
Isa boodas waggoota 55 darban keessa haadha warraa 23 fuudhanii ijoollee 70 godhataniiru.
Ilmi isaanii inni hangafaa ga'eessa umrii waggaa 53 yemmuu ta'u, daa'imni isheen dhumaa reefu daa'ima ji'a sadiiti.
Obbo Isaaq haadha warraasaanii ishee 23ffaa erga fuudhanii waggaa tokkoyyuu akka hinguunne dubbatan.
Dabalee dabaleen fuudhe'
Horsiise bulaa gameessa akka turan kan himan Obbo Isaaq Aadanoo, yeroo tokkotti loon 800 ol horsiisaa akka turan himu.
Qabeenyi isaanii kunis haadha warraa kunneen fuudhuuf ka'umsa akka ta'eef dubbatu.
"Fedhii kootiin fuudhe. Gaafas loon, qabeenya, horii guddaan qaba. Qabeenya bulchuu danda'a jedhee yaadu guddoo qaba ture.
Ergasii dabalee dabaleen (fuudhe) ammallee haati warraa haarofti erga deettee ji'a sadi qofa" jedhan.
Dabaluunis "horsiise bulaan ture. Gaalan tiksa, loon tiksa, re'ee tiksa ture. Loonuman nyaadha, gaalan eelmadha, horuma kana nyaadhee irratti guddifadhe" jedhan.
Obbo Isaaq hanga ammaatti haadha warraa 23 yaa fuudhan malee haadha warraa kunneen waliin al tokkotti waliin hinjiraanne.
Haaluma kanaan haadholii warraa isaanii 23 kunneen aanaaleefi magaalaa akka Udat, Areeroo fi Mooyyalee keessatti fuudhuu himan.
'Tokko dhiiseen kaan bakka buusa'
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Obbo Isaaq Aadanoo haadholii warraasaanii duraanii waliin dabaree dabareen gargar kan bahan yemmuu ta'u, akkaataa haadholii warraa isaanii duraaniin gargar itti bahanii haadha warraa haaraa itti fuudhaa turanis ni himu.
"Bareedduu tokko yoon arge nan fuudha. Haadholii warraa duraan turan keessaa ishee tokko dhiisee kaan bakka buusa. Akkasiin deemsiseen 23'n gahe" jedhan.
Haati warraa isaanii tokko du'aan boqochuu kan himan maanguddoon kun, yeroo ammaatti haadholii warraa sadi waliin akka jiraatanis himaniiru.
"Haadholiin warraa amma waliin jiruufi kan bulchaa jiru sadi'i. Kan hafan 19 gargar godaannerra" jedhan.
Kan waldhabnee gargar yaanellee ni jiru. Kan waldhageenyee gargar baanes jiru" jedhan.
Gama biraatiin gaa'elawwan 23'n ijoollee dhiiraa 36fi ijoollee dubraa 34 waliigalatti ijoollee 70 kan horatan Obbo Isaaq, dhalli isaanii baay'achuus himu.
"Dubartiifi ilmi dhiiraa ani dhale kan akaakuu jedhu, kan mucaan kiyya dhale, kan intalti tiyya deette walitti nama 279" jedhan.
Gama biraatiin karoora haadha warraa 24ffaa fuudhuu akka hinqabne kan himan maanguddoon kun, "amma dadhabeera, karoora hinqabu" jedhaniiru. Gama qabeenyaanis akka durii sanatti loon baay'ee akka hinqabne dubbatan.
Maqaan ilmasaanii hangafaa Ibraahim akka ta'e kan himan maanguddoon kun daa'imnnisaanii isheen dhiyoo dhalatte Warqii akka jedhamtu BBC'tti himaniiru.
Namoonni isaan beekan akka isaan leellisan himuunis, "namoonni 'akkamiin guddifta?' naan jedhu.
Boorannis Garbis nama cimaa nama gurra qabu, nama maqaa qabu' naan jedhu" jechuun himaniiru.
Itoophiyaa keessatti haadha warraa ykn abbaa warraa tokkoo ol qabaachuun seeraan ala.
Namni tokko gaa'el isa keessa jiru otoo hin hiikiin kaan fuudhuun hidhaa hamma waggaa shaniin nama adabsiisuu danda'a.












