Sheek al-Taayeb: ''Haadha warraa tokkoo ol fuudhuun dubartoota haqa dhorkuudha''

Sheek al-Taayeb

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sheek al-Taayeb erga bara 2010 as hogganaa olaanaan amantaa Islamaa Suuniiti

Imaamii olaanaan Dhaabbata Olaanaa Islaamaa Gibtsi al-Azaar dubartoota hedduu fuudhuun dubartootaa fi ijoolleef haqa gaarii miti jechuun balaaleffatan.

Sheek al-Taayeb hogganaa olaanaan amantaa Islamaa Suunii haalli kanaan dura ittiin jiraatamaa ture hubannoo sirrii Quraanaa dhabuu irraa kan maddedha jedhan.

Yaada kana sagantaa Televizhinii torbanii qabanii fi karaa toora tiwiiterii isaanii ibsan.

Falmii cimaan booda akka jedhanitti barsiisaan amantaa haadha manaa baay'ee fuudhuu dhorkuuf waamicha taasisuu hin danda'u jedhanii garuu ammoo haadha manaa tokko qabaachuun seera dabalanii fuudhuun ammoo haala addaa irratti hundaa'a jedhan.

"Warri gaa'ila keessatti haadha warraa baay'ee qabaachuun dirqama jedhanii amanan hundinuu dogogoraniiru. Quraanni akka jedhutti namni haadha manaa baay'ee qabu haadha warraa isaa hundumaa karaa qixa taheen tajaajiluu qaba, yoo haqummaan hin jiru tahe fudhatama hin qabu'' jedha.

Sheek al- Taayib haala walii gala qabinsa dubartootaa irrattis falmaniiru. ''Dubartootni walakkaa uummata keenyaati. Yoo haala gaariin hin qabannu tahe akka nama miila tokkoon adeemuuti'' jedhan.

Manni Maree Biyyaalessaa Dubartootaa Gibtsi yaadicha haala gaarii taheen deeggareera.

Amantaan Musiliimaa dubartoota kabaja, haqaa fi mirgoota duraan hin turre hedduus fideera jedhan pirezidaantiin mana marichaa Maayaa Morsii.