Rakkoo gabaa jimaa uumame jedhamerratti qonnaan-bultoonni maal jedhu?
Rakkoo gabaa jimaa isaan mudate irratti qonnaan-bultoota Harargee komii isaanii BBCtti himan.
Obbo Ahimad Muummee Imar Godina Harargee Bahaa Magaala Maayaatti qonnaan-bulaa yoo ta’an, wanni isaan omishan jimaadha.
Maatii isaanii nama sagal bulchanisa hanga har’aa kan ittiin jiraachisan galii gurgurtaa jimaa kanarraa argataniin akka ta’e himu.
“Maatii kiyya nama sagali. Wanni ittiin jiraannu omishuma jimaati. Oyiruu jimaa lafa hektaara tokko ta’un qaba. Duraan gurgurtaa jimaa kanaan maatii kiyya jiraachisa. Waan cufa galii keenya asumarraayi,” jedhu.
Oyiruun jimaa isaanii kan mana jireenyaa isaanitiin duubatti bal’atee argamu miilana jimaa irraa hin murre. Mukumasaarratti dhiisanii jiru.
Bal'ina gabaasa kanaarratti qonnaan-bultoota biraas dubbifneerra.
Viidiyoo kana daawwadhaa.









