Instagram ijoolleen akka ittiin of ajjeessan gafatu taanaan maatiif akeekkachiisa akka ergu beeksise

Madda suuraa, Getty Images
Inistaagiraamiin ijoolleen mala ittiin of ajjeessan appilikeeshinicha gaafatu taanan maatii isaaniif akeekkachiisa akka ergu beeksise. Kanas maatiin mala ittiin ijoollee hordofan fayyadamu yoo ta'e, ijoolleensaanii waa'ee of ajjeesuu gaafataa akka jiran maatiif akeekkachiisa erga.
Akeekkachiisa maatiif kan ergu ijoolleen of miidhuu ykn of ajjeesuf jecha jechoota ykn qabiyyee kanaan wal-qabatan irra deddeebiin gaafatu ykn barbaadu yoo ta'e, hatattamaan maatiif akeekkachiisu erguun akka beeksisu ifa godhe.
Inistaagiraam abbummaan kan harkaa qabu dhaabbata Meta yoo ta'u, Inistaagiraam irratti ijoolleen qabiyyee isaan miidhu gaafa gaafatan maatii beeksisuun isaa kun kan jalqabaati.
Inistaagiraam akkaawuntii ijoollee hordofuuf maatiwwan biyyoota akka UK, Awustiraaliyaa, USfi Kanaadaa fa'aa keessatti galmaa'aan torbee dhufuu kaasee waa'ee ijoolleesaanii akeekkachiisa akka erguuf beeksise.
Maatiwwan biyyoota biraa keessa jiran ammoo adeemsa keessa fayyadamtoota sagantaa kanaa akka ta'anis ifoomse.
Haa ta'u garuu, dhaabbanni Faawundeeshinii Moolii Rooz jedhamu, tarkaanfiin Inistaagiraam fudhate fayidaasaarra dhiibbaansaa akka caalu yaaddoo qabu ibsu.
Faawundeeshinichi oladeemtuun ganna 14 bara 2017tti qabiyyee waa'ee of miidhuu Inistaagiraam irraa erga argitee booda of ajjeesuu ishee akka ragaatti dhiyeessuun, Inistaagiraam maal na dhibdeedhaan ibsa baasuu ibsa.
Dhaabbanni Meta garuu maatiin ijoolleensaanii waa'ee of miidhuu ykn of ajjeessuu gaafataa akka jiran maatii beeksisuu qofa osoo hin taane, maatiin dhimmicha akkamitti ijoolleesanii wajjin mariyatanii furuu akka danda'an deeggarsa ogeessan deeggarame illee akka dhiyeessu beeksise.
Faawundeeshiniin Mooli Roooz garuu, "ati maatii daa'ima umuriin ganna kudha wayi keessa jiru qabda yoo ta'eefi bakka hojii osoo jirtuu 'mucaan kee of ajjeesuuf yaalaa jira' ergaan jedhu yoo si qaqqabe maaltu akka sitti dhagahamu ilaali mee" jechuun maatiin miira sana to'achuuf akka rakkatu ibsa.















