'Suuraankoo hiriyaa kiyyaan gulaalamee gadhiifamuu yoon baru amanuun dadhabe'

Nama bilbilatti fayyadamaa jiru

'‘Suuraankoo hiriyaakoo baayyee natti siquun gulaalamuun jijjiirame. Gaafan kana baru amanuun dadhabe'' jetti dubartii suuraanshee gulaalamuun marsariitii naamusa cabsuurratti jalaa maxxanfame.

Shamarreen maqaanshee Joodii (kan jijjirame) suuraanshee gulaalamuu fi fakkeeffamuun (deep fake) taasifamuun marsariitii fiilmiiwwan quunnamtii saalaa irratti ilaalamuurratti maxxanfamu (porn) irratti baafamu wayita barteetti baayyee nahuu dubbatti.

Gochaa kana kan raawwate ammoo hiriyaashee baayyee walitti siqxuufi amantu ta'u wayita barteettis maal akka itti dhagahame BBC'tti himte.

Akeekkachiisa: Bareeffamni kun jechaa fi ibsawwan miidhaa quunnamtii saalaan wal qabatan waan qabuuf dursa isin hubachiisuu barbaadna.

Joodiin (kan maqaashee dhugaa hin taane) bara 2021 keessa nama ta’een geessituun marsariitii viidiyoo quunnamtii (porn) itti ergama. Kan ergameefis akkaawuntii imeelii maqaa hin qabneen ture.

Geessituu wayita cuqaaftuuttis waan amanuuf ishee rakkise akka agarte himti. Dubartiin suuraa ishee qabduu wayita dhiiroota waliin ciiftuu viidiyoo agarsiisu ilaalte.

Isheen suuraanshee akka karaa teknolojii dijitaaliin tolfaman ‘Deepfake’ taasifamuun qaama dubartii biraatti uwwiifame hubatte.

Kunis nama ishee miidhuu barbaadeen suuraalee ishee sirrii miidiyaalee hawaasummaa ishee irraa erga fudhatame booda, teknolojiitti fayyadamuun Joodii mormaan oliishee dubartoota qunnamtii saalaa raawwataa turan irratti uwwisan.

Kanaafuu, dubartoonni viidiyicharratti marsariitii sanarratti mul’atan Joodii fakkaatan jechuudha.

Joodiin, kan umuriinshee walakkeessa waggaa 20 keessatti argamtus yeroo jalqabaatiif waan ishee mudate yoo himtu, ‘‘Waanan arge amanuun dadhabe. Iyyaafii bohaan miira gaddaatiin bilbila harkaa irratti ilaale. Kunis jireenyakoo hanga dhumaatti akka balleessu naaf galee ture’’ jetti.

Joodiin osoo daddabarsaa waan ta’e ilaalaa jirtuu akka tasaa suuraa tokko arguudhaan waan ta’e hubatte.

Taateewwan walitti fufaa

Joodiin karaa intarneetii miidhaan akkanaa yoo irratti raawwatamu kun kan jalqabaa miti.

Waggaa afuriin duras bara 2021tti barreeffama Joodiin dubartii hojii sagaagalummaa hojjattu akka taatee ibsu waliin suuraan ishee fedhii ishee malee appiiwwan irratti maxxanfame ture.

Maxxansa tokkorratti barreeffama ‘‘osoo Joodii argattee maal goota?’’ jedhu jalatti qullaashee agarsiisa ture.

Suuraa 'Deepfaken' tolfame

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fakkiin Joodii mormaan olii miidiyaa hawaasaasheerraa fudhatamuun erga qaama dubartii gara biraa irratti maxxanfamuun gulaalameen booda Tiwiitara (kan amma X jedhamu) gubbaatti maxxanfamu hubachuuf yeroo baayyee itti hin fudhanne ture.

Isheenis namni miidhaa irraan gahuudhaaf gochaa kana raawwatu jiraachuu hubatte.

Ta’us garuu miidiyaalee hawaasaa isheerratti kan suuraaleeshee qoodduuf miseensoota maatiifi hiriyoota waliitti siqan waliin qofa yoo ta’u, namni ishee miidhuu barbaadu kun attamiin akka suraashee argate bitaa itti galee ture.

Osoo kanaan jirtuu akkaawwuntiin Tiwitaraa (kan amma X jedhamu) suuraashee maxxansu kun suuraalee dubartoota isheen beektu kan biraas akka maxxansu hubatte.

Kanaafuu namni gochaa kana duuba jiru kan isheenii fi dubartoonni suuraan isaanii maxxanfame kanneen isheen beektuun kan beekamu ta’u yaadde.

Joodiinis dubartoota suuraansaanii miidiyaa gubbaatti maxxanfame kaaniin wal arguu eegalte. Isaan keessaayis tokko Deeyizii kan yunivarsitiitti wal beektu argatte.

‘‘Yeroo jalqabaatiif yoo argu dhukkubbiitu natti dhagahame ture. Dhimmicha gadi fageenyaa wayita qorannuuttis suuraalee gara biraa argachu eegalle’’ jetti Deeyiziin.

Deebisanii dura dhaabbachuu

Joodiifi Deeyiziin nama miidiyaa hawaasaa gubbaatti suuraa isaan lamaanituu argachuu danda’u adda baasuu eegalan.

Dhumarratti nama gochaa kana duuba jiruu hiriiyaa Joodii duraanii ta’u danda’a jechuun waliigalan.

Joodiinis kun attamiin ta’e jechuun fuldura dhaabbachu yaalte. Dubartoonni lamaanuu hiriiyaa Joodii duraanii sana miidiyaa hawaasaa isaanii irraa dhaaban (block) godhan.

Baatiiwwan muraasaafis maxxansiwwan suuraasaanii qabatanii qoodaman dhaabbatan. Garuu akka dhaabbateetti itti hin fufne ture.

Baatiiwwan muraasaan boodas Joodiin nama eenyummaasaa ibsuu hin barbaadne tokko irraa ergaan imeelii ishee qaqqabe.

Ergaa namni eenyummaasaa ibsu hin barbaaneen ergameef
Ibsa waa'ee suuraa, Ergaa namni eenyummaasaa ibsu hin barbaaneen ergameef

Wayita geessituu sana bantuuttis suuraashee gochaadhuma wal fakkaataa osoo raawwattuu of agarte.

Suuraa ishee kana miidiyaa hawaasaarratti kan maxxanse hiriyaashee duraanii sana erga ‘block’ gooteen booda, kana kan raawwatus isa osoo hin taane nama gara biraa ta’u hubatte.

Joodiifi Deeyiziin wal arguudhaan maatiifi hiriyaa kana gochu hin danda’an jedhan tarreessuu eegalan. Adeemsi isaanii kunis nama shakkan akka adda baasan isaan gargaare.

Haala akkasii keessa osoo jiranu, namni eenyumaasaa ibsuu hin barbaanne sun irra deebiin geessituu gara biraa imeeliidhaan ergaaf.

Geessituun kunis suuraa gulaalame kan biraa qabatee ture. Ammas fuulli ishee dhugaa qaama dubartii gara biraa irratti maxxanfame agarte.

Akkuma suuricha agarteenis waan tokko hubachuu dandeesse. Suuraan ishee gulaalame kunis eessaa fi eenyu waliin akka kaate hubatte.

Suuraa sanas Kolleejjii Kingiis Kaambiriijiitti argamu fuulduratti kan kaate nama hiriyaashee dhiyooti jettuun Aleeksi Woolf waliin ture. Erga suuricha waliin ka’anii booda kan qoddees isa qofaaf ture.

'Gochaa badii dhumaa'

Suuraa kana Aleeksi Woolf waliin kaate ture
Ibsa waa'ee suuraa, Suuraa kana Aleeksi Woolf waliin kaate ture

“Amanuu hin dandeenye ture‘‘ jetti Joodiin hiriyaanshee baayyee itti siqxuu gochaa jireenyashee balleessuu danda’u kana duuba ta’u yeroo hubatteetti.

“Akkas gochuun hafee yoo eenyummaan koo haala akkasiitiin badu kan na jajjabeessuu Aleeksi ture silaa,'' jetti.

“Dubartoonni keessattuu miidhaa karaa intarneetiin isaan irra gahu sirriitti beeku.

''Akka falmaa mirga dubartootaan isa lakkaa’a ture,'' jetti yoo waa’ee hiriyaashee dhiyoo garuu kann baay'ee waansaa hin beekne dubbattu.

Joodiin erga dhimmicha gara seeraatti geessiteen booda, dargaggoon waggaa 26 Aleeksi Woolfi, kan Joodii dabalatee suuraalee dubartoota 15 intarneetii gubbaatti maxxansuudhaan balleessaan irratti argame.

Innis torbanoota 20’f hidhaarratti akka dabarsuu akkasumas tokkoo tokkoo dubartoota miidhaan irra gaheef Paawundii 100 akka beenyaa kanfalu itti murtaa’e.

Woolf gochaa “raawwateetti baayyee qaana’uufi gadduu‘‘ BBCtti hime.

‘‘Guyyaa guyyaadhaanis gochaan raawwadheen yaada. Bara koo hafaattis akkuman gaabbeetti akkan itti fufu shakkii homaatu hin qabu,'' jechuun Joodii fi dubartoota kaanis dhiifama gaafate.

Joodiif garuu gochaa kana kan raawwate hiriyaashee dhiyoo ta’unsaa “salphina dhumaa'' itti ta’eera.