Suuraalee Hubannoo Nam-tolcheen midhaaffaman - carraa moo yaaddoo?

Suuraa daa'imman dubraa lama AI'n midhaaffame
Ibsa waa'ee suuraa, Ijoolleen dubraa kun lubbuun jiruu? Eessatti?
    • Barreessaa, Elias Mulugeta Hordofa
    • Gahee, BBC News Afaan Oromoo

Suuraalee armaan olii lamaan kanniin keessaa isa kamtu dhugaadha, kam immoo kan kompiyutaraan tolchamedha?

Dhugaatti waan kana adda baasuun salphaa miti - inumaa cimaa dhufeera.

Hojiilee aartii, hogbarruu, muuziqaa fi suuraalee dabalatee, qabiyyeen Hubannoo Nam-tolcheen (AI) oomishaman akkaan dabalaa jiru.

Qabiyyeen teknooloojii kanaan midhaaffaman akkaan walxaxaa tahuusaaniirraa kan ka’e, dhugaa fi nam-tolchee gargar baasuun garmalee ulfaachaa dhufeera.

Kanneen keessaa suuraaleen ykn aartiin AI’n tolfaman waggoota muraasaan as madda falmii tahaa dhufaniiru.

Ogeeyyiin gama kanaan jiran, teknoloojiin kun kaayyoo hamaaf ooluu mala jechuun yaaddoo qaban ibsu.

Namoonni garii dorgommii suuraalee yookaan fakkiirratti hojiisaanii teknoloojii kanaan hojjetame dorgommiif dhiyeessuun, murteessitoota gowwomsanii hanga mo'achuu gahaniiru.

Ji'ootaan dura artistiin dorgommii suuraa beekamaa mo'ate, hojiin dorgommiif dhiyeessee mo'ate AI'n kan tolfame waan taheef, badhaasa fudhachuu didee ture.

Artistiin lammii Jarmanii Boris Eldagsen: "Suuraaleen AI fi ogummaan suuraa (photography), dorgommii akkasii irratti wal biratti dorgomuu hinqaban," jechuun dubbate.

"Isaan walii gargari. AI ogummaa suuraa miti. Kanaafuu badhaasa kana hin simadhu."

Gaaffii hima jalqabaarra isin gaafadheef deebiin: lakkii kan dhugaa miti - lamaaniyyuu AI kan tolchedha. Sirna Midjourney jedhamu fayyadameen midhaasse.

Suuraa daa'imman dubraa lama - tokko kan AI'n midhaaffame, inni biraa ammoo dhugaa

Itoophiyaa keessatti tibbana bal’inaan hojiirra kan oolaa jiru ogguu tahu, gariin ergaa isaanii suuraan dabaalanii cimsuuf, kaan ammoo oduu sobaa facaasuufillee itti fayyadamaa jiru.

Biyyattiitti qaala’insa jireenyaa, hoji-dhabdummaa, malaammaltummaa, mulqamuu mirgaafi, qoosaa dabalatee hojiileen akka kanaan tolfaman, intarneeta dhiphisaa jiru.

Gara caalu akka hubannetti kanneen suuraalee akkasii qoodan, teknoloojii AI’n midhaaffamuu isaanii hordoftoota isaanitti hin himan.

Kun ammoo hundas tahuu baatu, gariin suuraama dhugaadha jedhanii ennaa yaada kennan mul’ata.

Tibbana wayita Itoophiyaatti qeeraan harree banamee hojjachaa jiraachuun dhagahamuu hordofee, mata duree kanarratti suuraaleen bal'inaan qoodamaa turan.

Suuraa gaheessa foon nyaatuu fi harree AI'n midhaaffame

Madda suuraa, Social Media

Akkamiin hojjeta?

Salphaatti ibsuuf: suuraaleen ykn hojiin artii hubannoo nam-tolcheen (AI) tolfaman, ajaja salphaa barreeffamaa hordofu.

Websaayitoonni kanneen akka Midjourney, Dall.E, Adobe Firefly, NightCafe, Stable Diffusion, fi kaan hedduun maqaa waloo ‘generative AI’ jedhamuun beekamu.

Maaliif jennaan, ajaja ykn prompt fayyadamaan tokko kennerraa kahuun hojii aartii haaraa waan oomishaniif.

Ajajni barreeffamaa waan akka “nama sagalee nyaachaa jiru” yookaas “leenca adamsaa jiru” kan jedhu tahuu danda’a.

Teknoloojiin kun kana hunda akkamiin beekuu danda’e jechuu maltu - ni barata, numatu barsiisa.

Suuraalee biiliyoonaan lakka’amanii fi intarneeta gubbaa jiran deemee sakatta’uun kamtu maal akka tahe barsiisuun – suuraalee ati kaastee hanga har’aa maxxansite dabalatee.

Artistoonni suuraa kaasaniifi fakkii tolchan garuu, kun kan tahe fedhii keenyaan ala jechuun wayita komatanis ni dhagahama.

Maxxansa ETV

Madda suuraa, ETV

Ibsa waa'ee suuraa, Miidiyaaleen biyyaalessaa Itoophiyaa - ETV suuraalee AI fayyadamuun ergaa dabarseera. Garuu AI tahuu hime.

Carraa fi yaaddoon jiru maali?

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Akkuma teknooloojiiwwan addunyaarra beeksifaman kaan, sirni kunis faayidaalee fi yaaddoo hedduu qaba.

Faayidaan teknoloojii akkaan salphaa tahe kana fayyadamuun suuraalee oomishuu inni guddaa, yeroo fi humna qusachuu isaati.

Dhaabbileen akka akkaa hordoftoota isaanii ittiin hawwachuuf itti qarqaaramuu malu. Suuraalee fi viidiyoon akkaan qulqullina qaban, daawwattoonni ykn hordoftoonni odoo hin mukaa’iin yeroo dheeraaf akka turan taasisuu dandaya.

Gama kaaniin faayidaan inni guddaa sirni kun fide ‘adeemsa kalaqaa demokraatessuu’ isaati.

Akkamiin jennaan, amma dura suuraaleefi fakkiiwwan qulqullina olaanaa qaban namoota ogummaa fi qabeenya addaa qabaniin qofa oomishamu ture.

Aartiin AI erga as dhufee boda garuu, namuu leenjii addaa fi softiweerii gatii olaanaa baasisu malee, salphumatti 'artistii' tahuu danda’a.

Suuraalee AI’n midhaassite tarii pirofaayiliikee marsaa hawaasaa gubbaa kaa’uu, yookaan ammoo barreeffama maxxansite akka sii ibsuuf itti fayyadamuu malta – kun hangas mara dhibii hinqabu.

Kana ennaa goonu garuu hordoftoota keenyaaf himuu dagachuu hinqabnu. Ibsa suuraan gadii jiru (caption) ykn barreeffama keessatti, suuraa orijinaala akka hintaane himuudha qabna.

Kun tahuudhaa baatee namoonni tahe jedhanii namoota kaan goyyomsuuf gaafa itti fayyadaman rakkoo dhala.

Maallaqa namaa saamuu, oduu sobaa facaasuuf itti fayyadamuu fi maqaa namaas balleessuuf itti fayyadamuu malu.

Teknooloojiin barreeffama-gara-suuraa geeddaran kunniin sakondii muraasa keessa hojii isin barbaaddan isanii oomishu, miidhaan isaan fiduu mala garuu kang anna dheeraa tahuu danda’a.

Akkuma teknoloojiin fooyya’aa fi walxaxaa deemutti, adda baasuunis akkasuma cimaa dhufeera.

Akkamiin adda baasuu dandeenya ykn yaalla?

Suuraa qeerransaa AI'n midhaaffame fi isa dhugaa

Madda suuraa, Tim Flach

Ibsa waa'ee suuraa, Qeerransa kamtu AI, kam immoo kan lubbuun jirudha?

Onlaayiniirra hariiroo jaalalaa jalaqabuu keen dura, yookaan oduu ammee suuraan dabaalame hiriyoota keef saffisaan qooduukeen dura – tasgabbaa’i suuraalee sakatta’i.

Ammoo wantoonni asitti tarreessinu kun salphumatti baramu jechaa hinjiru. Deebi’i daran ulfaachaa fi walxaxaa tahaa jiru; dhimmoonni asitti kaasnu gariinis haala saffisaa taheen furamaa jiru.

Ka jalqabaa – waan wal faallessu, daddabe ykn jajal’ate hubadhu.

Teknoloojiin AI yeroo hedduu quba harkaa sirnaan midhaassuuf rakkata – gara caalu itti dabaluun jahafaa torbafaa godha. Ammallee iji namootaa waan lubbuu qabu hin fakkaatu – miirri irratti hin mul’atu.

Akkasumallee gaaddidduu sakatta’i. Bakka uumamaan gaaddidduun itti hin mul’annetti argita, kaan asiin kan nama biraa kallattii biraatin – silaa aduun dhala namaa hundaaf walqixa baati.

Akkasumas haalluun ykn addeenyi gogaa namootaa gargar tahuu mala. Fuullishee magaalleedha, harkishee gurraacha’ee, milli ammoo waan biraa fakkaachuu mala.

Ka dhibii, suuraaleen teknoloojii kanaan midhaaffaman hanqina kan hinqabne ykn muda-dhabeessa tahanii mula’tu. Fuulli namaa silaa yeroo hedduu akkas miti, mudaa qabna – finniisafaa, daalachaa’uun fa’i ni mul’ata.

Gama biraan ammoo teessuma lafaa ykn wanta duuba jiru (background) ilaaluun dansa.

Gara caalu AI elementoota suuraalee oomishu keessaa isa fuulduratti mul’aturratti ‘humnasaa hedduu qisaasa’. Kanaanis waan duuba jiru golguun akka dimimmisu godha.

Waan duuba jiru xiinxali ilaali, tarii waan wal hinsimne argachuu malta. Suuraa baadiyyaa Oromiyaati jechaa, teessumni lafaa kan baadiyyaa Niiw Ziilaand tahuu mala.

Xumura irratti ammoo mammaaksa kana yaadadhaa – “Iji raachaafi iji naachaa bishaan keessatti wal arga.”

Waa maleef hin mammaakne, kan hojii AI adda baasuu danda’u sirnuma AI walfakkaataa tahedha.

Sirnoonni ykn softiweeronni akka akkaa hojii dhala namaa fi nam-tolchee tahuusaa adda baasuuf hojjetamaniiru. Tarii hunduu bira gahuu baatanis, akka jalqabbiitti isin qarqaaruu danda’u – itti dhimma bahaa.

Artistoota yaaddessaa?

Aartii keessa warraaqsi uumamuun isaa waan haarayaa miti. Haatahu malee muraasni warraaqsi ammaa kun, aartii obbaasa jedhanii yaadu.

“Aartiin ya du’e,” jechuun artistiin lammii Ameerikaa Jeesan Alan New York Times’tti hime.

Artistoonni gariin ammoo AI malli ittiin artistoota tumsu jira jechuun deeggaru.

Artistin Itoophiyaa fakkiiwwan kaasuun beekamu Iyyaayyuu Gannat kanatti hin yaadda’u kanneen jedhan keessaati.

“Isanni namoonni ‘AI artistii gabaa keessaa baasa’ jedhaniin tasumaa wal hingalu – sodaas hinqabu. Dhalli namaa [uumama addaa tilmaamamuu hin dandeenye] qabaachuusaa itti fufa. Namumatu teknoloojii kan fides.

Inumaawuu ogeeyyiin aartii teknolojii kanatti dhimma bahuu malu kan jedhu Iyyaayyuun, “Artistiin filannoon qabu kan daanga’e miti,” jedha.

“Artistiin teknoloojii AiI kanatti dandeettii waa agarsiisuu itti dabaluun, ibsa gaarii uumuu haalli itti dandeenyu jira.

“Daandii fetes, meeshaa kamis, sirna feetes fayyadamnee aartii hojjechuun keenya itti fufa.”