Fakkiin qullaa daa’immanii hubannoo nam-tolcheen (AI) hojjatame Ispeeniitti naasuu uume

Qondaaltoota Ispeen

Madda suuraa, Getty Images

Magaalaa Kibba Ispeeniitti argamtu Almandiraaleehootti fakkiiwwan daa’imman dubaraa qullaan hubannoo nam-tolcheen (AI) hojjataman, beekkamtii isaanitiin ala erga miidiyaa hawaasaarratti qodamanii booda magaalattiin naasuu keessa galte.

Fakkiiwwan qullaa kunneenis suuraa daa’imman uffata uffatanii ka’aniitti fayyadamuun kan hojjatamaniidha.

Erga fakkiiwwan kunneen fudhatamanii booda namni tokko qullaansaanii maal akka fakkaatu agarsiisuuf appii fakkii yaadaan uumuutti fayyadamuun suuraan daa’imman kanneenii qullaa akka mul’atu taasise.

Kanaanis daa’imman umuriinsaanii wagga 11-17 ta’an, 20 gochaa kanaan saaxilamneerra jechuun Bulchiinsa Kibba Lixa Baadaajooz keessati kan argamtu magaalaa Almandiraaleehoo fi dhiheenyasheetti gabaasa taasisaniiru.

Haati shamarree waggaa 14, Maariiyaa Bilaankoo Raayoo jedhamtu ‘‘guyyaa tokko mucaankoo mana barnootaatii baatee qullaan ishee miidiyaa hawaasaa gubbaatti qoodamaa jiraachu natti himte,’’ jette.

Intalli ishee qullaa suuraa kaatee yoo ta’e gaafachuu kan dubbattu Maariyaan, ‘‘Suuraaleen fakkii sobaa ijoollee shamarraniiti. Suuraan barattoota mana barnootaa koofi kan kaanitiss akkasumas gadi dhiifameera,’’ jechuun akka deebiifteef dubbatti.

Maariyaan akka jettuutti, maatiin ijoollee gochaa kanaaf saaxilaman 28 garee magaalichatti deeggarsa kennu hundeessaniiru.

Gabaasaaleen akka agarsiisaniitti, poolisiin gochiicha qorataa kan jiru yoo ta’u, adeemsa fakkiiwwan kanneen uumuu keessatti ta’e, fakkiiwwan karaa WhatsAppiifi Telegraamiitiin qooduu keessatti hirmaataniiru jechuun shakke dhiiroota naannichaa 11 ta’an adda baasuu beeksiiseera.

Qorattoonnis dhiiroonni guddattoota ta’an fakkii sobaatti fayyadamuudhaan shamarran doorsiisuudhaan dhimmi argachu barbaadan yoo jiraate adda baasuuf qorannoon gaggeefamaa jira.

Miriyaam Al Adib

Madda suuraa, GUY HEDGECOE/BBC

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Fakkiiwwan qulllaa miidiyaa hawaasaa irratti qoodaman kunneenis shamarran kanneen irratti dhiibbaa garaa garaa uumaniiru.

Haatii Biraanoo Raayii jedhamte tokkos intalli ishee dhiibbaa isaa dandamachu akka hin dandeenye ibsuun, ijoolleen kaanis manasaanitii bahuuf sodaachaa jiraachu himte.

Dhimmichi adabaabaayiitti kan bahe erga shamarran kanneen keessaa hatii ishee tokkoo oggeettii fayyaa taate Maariyaam Al-Abdiitiin miidiyaa hawwaasaa ishee hordoftoota hedduu qabu irratti maxxansiteeti.

Adiib ergaa karaa miidiyaa hawaasaatiin dabarsite irratti hundaa’uun dhimmichi ijoo dubbii ummata Ispeen ta’e.

Adiib daa’immaniifi shamarran tasgabbeessuuf jecha viidiyoo karaa miidiyaa hawaasaatiin qooddee irratti, ‘‘fakkiiwwan nam-tolchee ifa taasifaman kan tolfaman yeroo bonaa ta’ulleen, dhimmichi ifa kan ta’e dhiheenya keessa’’ jete.

“Daa’imtii hangamii fakkicha akka argan hin beeknu. Fakkiiwwan kunneen marsariitiiwwan quunnamtii saalaa irratti fe’amanii yoo ta’elleen hin barre. Yaaddoo akkasii fa’iin qaba ture,’’ jetti.

Ijoolleen dhiiraa gochaa kanaan shakkamanis kanneen waggaansaanii 12-14 ta’udha.

Seerri Ispeen gaheessootaan wal qabatee fakkiiwwan qabiyyee saal-quunnamtii qaban uumuurratti kan jedhu jiraachu baatulleen, garuu ammoo fakkii daa’imman umuriin isaanii hin geenyeetti fayyadamuun waan akkanaa hojjachuun akka fakkii saal-qunnamtii daa’immaniitti fudhatamu danda’a.

Kana malees seera mirga matenyaa cabsuudhaan himachiisuu danda’a.

Iseen keessatti daa’imman irratti himannaan yakkaa banamuu kan danda’u wagga 14 irraa kaaseetti.

Haata’u malee, taateen kunis jiraattoota gochaa sana keessatti hin hirmaatiin irrattis yaaddoo uumeera.

Magaalli Ispeen Almandiraaleehoon bakka jireenyaa ummata kuma 30 olii yoo taatu, magaala oomisha zayita ijersaafi wayinii diimaatiin beekamti.