Suuraan dandeettii nam-tolchee (AI) badhaasa beekamaa mo'ate falmii ogummaa kaase

Madda suuraa, BORIS ELDAGSEN
Artistiin dorgommii suuraa beekamaa mo'ate, hojiin dorgommiif dhiyeessee mo'ate AI'n kan tolfame waan taheef, badhaasa fudhachuu dide.
Artistiin lammii Jarmanii Boris Eldagsen hojii aartii mata dureen 'Pseudomnesia: The Electrician' jedhuun, dorgommii 'Sony World Photography Award' ramaddii 'creative open' jalatti mo'ate.
Suuraa kanas kan fayyadame, dorgommii kana gama kanaan qoruufi egeree ogummaa suuraa irratti mariin akka jiraatu kakaasuuf tahuu dubbate.
Qopheessitoonni badhaasa kanaa BBCf akka himanitti Obboo Eldagsen, hangi Hubannoo Nam-tolchee -AI hojii kana keessa itti fayyadamuun nu gowwomseera jedhan.
Boris ergaa marsariitii irratti qoodeen, 'nama qoosaa fi rakkisaa' tahuusaa amanuun, "abbootiin murtii suuraa koo waan filataniifi murtee seenaa qabeessa kana waan murteessaniif galatan galcha," jedhe.
Jarri hojiin aartii kun AI kan midhaasse akka tahe hubataniiru laata jechuunis gaafate.
"Suuraaleen AI fi ogummaan suuraa (photography), dorgommii akkasii irratti wal biratti dorgomuu hinqaban.
Isaan walii gargari. AI ogummaa suuraa miti. Kanaafuu badhaasa kana hin simadhu."
Suuraan ajaa'iba taheefi gaaffii keessa gale kun, dubartoota lama jabana adda addaarraa tahan kan agarsiisu oggaa tahu, adiifi gurraachadha.
Ji'oota dhiyeenya keessa itti fayyadamni AI gama muuziqaa fi barreeffamoota garagaraa barreessuu, konkolaattota shufeer-maleeyyii, gorsa xiinsammuu kennuu, fi qorannoo qorsaa irratti oolaa jiru akkaan irratti mari'atamaa jira.
Ammammoo dhimmi itti fayyadama suuraalee mataduree dubbii taheera.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Bara dabre keessa suuraan AI midhaasse Ameerikaatti dorgommii aartii irratti hirmaachuun injifachuu hordofee, dhimmi kun falmisiisuu itti fufeera.
Gabaasaan teknolojii BBC Chris Vallance akka jedhutti, humni teeknolojii guyyaadhaa guyyaatti guddachaa adeemeera.
Ogeeyyiin suuraa fi artistoonni suuraaleen AI midhaassu mudaa qabu waan taheef nuuf sodaa tahuu hin danda'an jechaa turan, amma garuu yaadda'uun isaanii hin oolu.
Fakkeenyaaf amma dura AI harka namaa midhaassuuf daran kan rakkataa ture oggaa tahu, amma garuu akkaan bareera - adda baasuniyyuu ulfaachaa dhufeera.
Kiris akka gabaasetti, ji'a dabre keessa pireezidantii Association of Photographers kan tahe Tim Flach wayita dubbisetti, yaaddoo qabu akka itti hime kaasa.
Tim suuraa qeerransa tokkoo AI keessaa baasuuf hangam akka salphatu himuun, suuraan argates suuraa inni dhamaatii meeqaan manii qeerransi keessa seenuun kaaseen akka walfakkaatu hime.
Barataan ogummaa suuraa barachaa jiru tokkos, karoorri isaa fuuladuraa waggoota muraasa keessa ni jiraata moo ni dhabama kan jedhuun yaadda'aa jiraachus hime.
Artistoonni fi fotogiraafaroonni hedduun sirnoonni AI hojiilee namoota kumaatamatti lakka'aman irratti hundaa'uun suuraalee baasu jechuun, kunis sirrii akka hin taane komatu. Sirnootni AI suuraalee kanneen irratti hundaa'uun leenji'u.
Muraasni artistootaas dhimmicha mana murtiitti geessaniiru.
Kaan garuu AI akkuma sirnoota teknoolojii biraatti ilaalu, tarii akka ramaddii aartii tokkottis fudhatu.
Ogummaan suuraa (photography) yeroo tokkotti waan haarayaa ture; namoota gariif kun akka kalaqa yaaddessaa tahetti ilaalamaa ture.
Haatahu ammallee dhimmoonni ifa hin taane jiru - fakkeenyaaf suuraa AI irratti eenyutu mirga abbummaa qaba kan jedhu fa'a.
Suuraa qofa osoo hin taane dhimmi Hubannoo Nam-tolchee -AI, gaaffilee naamusaa fi seeraa hedduu hordofsiiseera.












