ChatGPT: Tekinolojii hoj-manee barattootaa hanga ibsa bulchitoota biyyaaf katabu

Madda suuraa, Getty Images
Gaaffii: Mee Afaan Oromoon walaloo naaf katabi?
Deebii ChatGPT:
Namoota ijjoollee isaanii,
Hundumtuu dhaloota isaanii,
Waara ka'eeraa irraa dhaabatuun,
Namoota keessa galchuu danda'a. ….
Tekinoloojiin ChatGPT softiweerii addunyaan yeroo ammaa irraa dubbataa jirudha.
Kalaqiifi jijjiirami yeroodhaa gara yerootti as bahaa jiru hawaasa afuura kuteera.
Kana dura odeeffannoo barbaaduuf Google gubbaa barbaaddu ta’a. Eegasii amma waan hedduutu jijjiirame.
Tajaajilli ChatGPT (Chat Generative Pre-training Transformer) akka hiriyyaafi barsiisaa odeeffannoo biraa argataniiti.
Gaaffii dhiheessitaniifi odeeffannoo feetan yeroo gabaabaa keessatti bakka tokkotti qixeessee isiniif dhiheessa.
Namoonni ergaa barreessan bareechuuf, walaloo, akkasumas koodii kompitaraa illee ittiin qopheessuuf itti dhimma bahu.
Tajaajila kana argachuuf dura galmaa'uun barbaachisa.
Tajaajilli Hubannoo Namtolchee (Artificial Intelligence) kuni yeroo jalqabaaf kan ummataaf ifa ta’e jalqaba waggaa kanaa baatii Sadaasa keessadha.
Garuu yeroo gabaabaa keessatti baay’ee beekame. Addunyaanu waa’ee isaa dubbataa jirti.
Eegalee torban tokko keessatti namoonni tajaajilamuu eegalan miiliyoona tokko akka caale abbaan qabeenyaa tajaajila kanaa Oppan Ee Aay [Open AI] ibseera.
Dhaabbileen gurguddoo Google fi Microsoft tajaajila kana gabbisanii itti fayyadamuuf sardamaa jiru.
Chat GPT akkamiin dalaga?
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Softiweeriin kuni gaaffii namoonni gaafatan qubee yookiin dubbii namoonni itti fayyadaman itti dhimma bahuun deebii kenna.
Barattoonni hojii manaa itti dalagu, namoonni gorsa itti gaafatu, waa’ee namaa, waa’ee biyyaa bakka tokkotti qindeessees dhiheessa.
Tekinolojiin kuni waan hubate, odeeffate, leenji’eefi bare karaa salphaan dhiheessa.
Tajaajila kana argachuuf galmaa’uun barbaachisa. Eegasii gaaffii dhiheessitan maraaf salphisee deebisa.
Deebiin softiweriin kuni kennu odeeffannoo intarneeta gubbaa jiru secca'eeti.
Haa ta’u malee, gaaffiinis irratti ni ka’a.
Qorattuun poolisii tekinolojii Birhaan Taayye, hojii Hubannoo Nam-tolchee (AI) kanaan hanguma ajaa’ibsiifatte, ''‘’sodaachisaadha'' jechuunis yaaddoo ibsiti.
''Odeeffannoo hunda hubachuuf kan nu gargaaru Hubannoo Nam-tolchee (AI) dha,'' jechuun ibsiti.
ChatGPT’n daataa guddaa intarneeta gubbaa jirurraa qindeessee gaaffii dhihaateef deebii kenna.
Kuni tooftaalee kana dura odeeffannoo kennaa turanirraa adda taasisa.
Dhimma hundarratti gaaffii dhihaateef deebii kenna. Waan wallaales yeroosuma akka hin beekne ibsa.
Ammatti tajaajilli isaa Afaan Ingilizidhaanidha. Gabaasaaleen tajaajilli wal fakkaataa Afaan Itoophiyaa keessaan qophaa’es akka jiran ibsan jiru.
Tajaajilli kuni akka hiriyyaa, barsiisaa, hoogganaa gaaffii dhiheessaniif deebii kenna.

Madda suuraa, Getty Images
Wanti biraa adda godhu itti fayyadama afaan isaati.
Akkaataa namoonni dubbatan, dubbii qajeelchan waan leenji’eef deebiin kennu akka nama biraarraa odeeffataniiti.
ChatGPT’dhaan kan barreeffama fiilmii qopheessan, qoosaa akka itti himu gaafatanii kolfaan isaan fixe, dhimma seenaa gaafatanii ittiin baratan ajaa’ibsifataniiru.
ChatGPT wantoota hedduuf itti fayyadamuun danda’ama.
Waan dheerate tokko gabaabsuuf, dogongorota sirreessuuf, odeeffannoo bakka tokkotti gurmaa’e argachuufillee gargaara.
Tajaajilli ChatGPT gosoota AI kana dura turanirraa addadha.
Wantoota adda godhu keessaa tokko haala naannoo jiru yaada keessa galcha jetti Birhaan Taayyeen.
Waan amma ta’a jiru bu’uura gochuun waan dhufuuf deemu akeekuu mala. Kuni garuu tarii dogongorattis qajeelchuu mala.
Yunivarsitii Harvaarditti pirofeesara kan ta’an Sitiiv Pinkar yeroo ibsan: ''yaadda’uu dandeenya, garuu jeeqamuu hin qabnu,'' jechuun gorsu.
Modeelli AI kuni jechoota tiriliyoona walakkaan leenji’uu isaallee ibsan.
Jechoonni kunimmoo intarneeta gubbaa argamuu isaaniitu isaan yaaddesse.
ChatGPT fi Oduu sobaa
Gaaffii gaafatamuuf deebiin softiweeriin kuni kennu qorataan tokko akka sirnaan bareechee dhiheessuuti jechuun ibsiti Birhaan Taayyeen.
Haa ta’u malee, wantootni of eeggannoon ilaalamuu qaban akka jiran gorsiti. ‘’Yeroo hundaa deebiin inni nuuf kennu sirriidha jechuu miti,’’ jechuun himti.
Softiweriin kuni odeeffannoo sobaafi dogongoraallee kennuu mala.
ChatGPT daataa intarneeta gubbaa waan walitti qabuuf, wanti intarneeta gubbaa jiru sirriifi kan mirkanaa’edha jechuu akka hin taane dubbatti.
Sababa kanaaf odeeffannoo ChatGPT gubbaa argamu mirkaneeffachaafi qulqulleeffachaa fayyadamuun akka barbaachisu gorsiti.
Pirofeesar Sitiiv Piinkar wanti akka yaaddofnu nu taasisu oduun sobaa bal’inaan akka hin tamsaane yaadda’udhaani jechuun ibsu.
Kana qofa osoo hin taane waan ChatGPT’n katabee baasu akka odeeffannoo sirriitti qulqullaa’etti fayyadamuun mataan isaa akka yaaddoo ta’e himu.
Sababa isaa yoo ibsan barreeffamoota hiika hin qabne facaasuu waan maluufi jechuun ibsu.
Tajaajilli kuni odeeffannoo sobaa tamsaasuu irratti qooda ofii gumaachuu mala kan jettu Birhaan, odeeffannoo ChatGPT irraa argamu akka mirkanaa’uu qabu gorsiti.

Madda suuraa, TRUTH SOCIAL
Hojii isheef yeroo tajaajila kana fayyadamtetti waan gaariis waan badaas akka agarte ragaa baati.
‘’Miidhaas qaba faayidaas qaba. Homaa faayidaa hin qabu jedhani dhiisuunis hin danda’amu.
‘’Dhihoo qorannoo ani taasisaa jiruuf waldaalee jajjaboo addunyaarra jiran 100 naaf himi jedhee gaafadhe keessaa 38 dogongora turan,’’ jechuun himte.
ChatGPT daataawwan gahaa yeroo dhabetti daataawwan jiran bu’uura godhachuun tilmaama ofii waan kaa’uf dogongorri akka uumamu dubbatti.
Sababa kanaaf odeeffannoo tajaajilli kuni kennu akka lammata mirkaneessan ogeeyyiin ni gorsu.
Waa'ee Itoophiyaa hangam beeka?
Odeeffannoon waa’ee Itophiyaa katabamanii jiran Afaan Ingiliziin hin katabamne taanaan tekinolojiin kuni hubachuu dhabuu mala.
Daataa intarneeta gubbaa hin jirre tekinolojiin kuni hin beeku yookiin hubachu hin danda’u. Kunis hanqina isaa keessaa tokko.
Itoophiyaa ilaalchisee barreeffamoonni Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo, fi Afaan Tigreen barraa’an baay’ee jiru.
Haa ta’u malee, odeeffannoowwan kunneen Afaan Ingiliziidhaan intarneeta gubbaa kan hin jirre yoo ta’e tekinolojiin kuni hubachuu hin danda’u.
Gama kaaniin tajaajilli kuni odeeffannoon inni beeku yookiin leenji’e kanneen hanga bara 2021 jiran qofaadha.
Sababa kanaaf waan eegasii ta’e quba hin qabu. Fakkeenyaaf waa’ee waraana kaaba Itoophiyaa osoo gaafattanii ammallee akka lolli adeemaa jiru dubbachuu danda’a.
Haa ta’u malee, qaamoleen lola keessa turan waliigaltee nagaarra erga gahanii lolli dhaabatee bubbulaniiru. Kunis hanqina tekinolojii kana keessaa tokko ta’u Birhaan ni himti.
Gaaffii itti aanu tajaajila ChatGPT’f dhiheessine.
Gaaffii: Afaan Oromoo ni hubattaa?
Deebii ChatGPT: Akka modeela Hubannoo Nam-tolchee (AI)’tti Afaan Oromoo dabalatee daataa afaan kaanii nan leenji’a. Hamma tokko Afaan Oromoo nan hubadha, afaan sanaanis deebii nan kenna.
Akka afaan kaanii beekumsi afaanichaa qabu guddaa miti. Daataa jiruufi leenji’u irratti hundaa’a.
Barattootaafi barsiisota walitti buusuuf jedha
Barattoonni hojii manaa isaanii ChatGPT gaafachuun deebii argatu. Akka ofumaa hojjetan fakkeessaniis barsiisota isaaniif dhiheessuu malu.
Haa ta’u malee, ‘’kuni akka deebii hatuutti,’’ lakkaa’ama kan jettu Birhaan barsiisotaafis ta’u hojiin dalagame gargaarsa AI’dhaan hojjetamuu isaa adda baasuun rakkisaa ta’uu himti.
Ta’us, hojii manaa barattoonni dalaganiif ChatGPT hin fayyadamiinaa jechuunis sirrii akka hin taane dubbatti.
ChatGPT akka jalqabbiitti fayyadamanii irratti osoo gabbisan barattoota fayyaduu akka danda’u himti.
Yeroo ammaa tajaajiloonni AI barreeffamoota AI’dhaan barraa’an adda baasan kalaqamaa waan jiraniif to’annoof akka mala tokkotti hojiirra ooluu danda’u.
Akkaataa barattoonni tekinolojii kana fayyadamuu danda’an leenjifamuu akka qaban Birhaan ni gorsiti.
Barattoonni yeroo isaanii qusachuuf odeeffannoo bakka tokkotti qindaa’an ChatGPT irraa argachuu danda’u.
Taatullee, akkuma dura ibsame, qulqulleessuun barbaachisaa akka ta’e ogeeyyiin irra deddeebiin ni gorsu.












