MM Xaaliyaan 'fuulli koo pornoogiraafiirratti 'deepfake' godhame' jechuun beenyaa gaafatan

Madda suuraa, Reuters
Ministirri Muummee Xaaliyaan Joorjiyaa Meloonii fuulli koo fiilmii pornoogiraafiirratti akka dhugaa fakkaatutti (deepfake) godhamee dhiyaateera jechuun beenyaa yuuroo 100,000 gaafatan.
Ministirri Muummee kun torban lama yeroo hin guunne keessatti mana murtii magaalaa Sassaarii kan bulchiinsa Sardiiniyaa keessa jirutti dhiyaachuun dhugaa bahu.
Deepfake wanti jedhamu wayita fuulli nama tokkoo qaama nama biraarratti kaahamee dhugaa haala fakkaatuun yeroo hojjetamuudha.
Namni ganna 40 fi abbaansaa kan ganna 73 viidiyoo kana qindeessaniiru jedhaman qorannoon irratti gaggeeffamaa jira.
Poolisiin namoota kana bira kan gahe bilbila mobaayilaa viidiyoo sana appilood gochuuf hojiirra oole faana dhahuun akka ta'e ibseera.
Namootni lameen maqa-balleessiin himatamaniiru. Akka seera Xaaliyaaniitti maqa-balleessiin gariin yakkaan nama gaafachiisa.
Himanni namoota lameen irratti dhiyaate akka agarsiisutti viidiyoon hojjetan kun marsariitii pornoogiraafii biyya US irratti kan maxxanfame yeroo ta'u, ji'oota keessatti yeroo miiliyoonaan lakkaa'amuuf daawwatameera.
Akka gareen seeraa Ministira Muummittii jedhutti beenyaan isaan gaafatan fudhatama yoo argate yuuroo 100,000 argamu dubartootaa haleellaa dhiiraan irra gaheen miidhamaniif arjoomu.
Abokaatoon Meloonii, Maariyaa Ji'uliyaa Maaronjiyuu, maallaqni beenyaaf gaafatame dubartootni haala walfakkataan miidhaan irra gahe himachuu akka hin saalfanne jajjabeessuufi'' jedhan.
Viidiyoon Joorjiyaa Meloonii kan hojjetame bara 2022tti Ministira Muummee biyyattii ta'uun filatamuushee duradha.
Viidiyoowwan pornoogiraafii deepfake godhamuun hojjetaman intarneeta gubbaa heddummacha aakka jiran himama.
Keessumaa dubartootni haala kanaa miidhamaa jiran fuula isaanii fuula dubartii saalqunnamtii raawwattu biroo bakka bu'ee yoo argan miira cabuu guddaan akka itti dhagaahamu himatu.















